.

(YMN,Guraandhala 28,2018) Galmeen filattootaa har'a Naannoo Tigraayiin ala guutuu Itiyoophiyaatti jalqabameera.Walitti qabduun Boordii Filannoo Ititiyoophiyaa Meelaatawarq Hayiuu kaleessa adeemsa galmee filattootaafi dhimmoota filannoo waliigalaa 7ffaan walqabatan irratti ibsa kennaniiru.
Iddoowwan tokko tokkotti meeshaaleen filannoo waan hindhaqqabneef yeroon galmeen filattootaa itti jalqabamu hanga Bitootessa 1,2018 turuu danda'a jedhan.Meelaatawarq Hayiluu.
Filannoo waliigalaa marsaa torbaffaatiif paartilee morkattoota hundumaanuu kaadhimamtoota kuma 10fi 934tu galmeeffame jedhameera.
Filannoo barana Caamsaa 24,2018 guutuu Itiyoophiyaatti adeemsifamu irratti paartiiwwan siyaasaa 47tu morkata jedheera,boordiin filannoo Itiyoophiyaa.
Haalli yaaddessaan Naannoo Tigraay keessa jiru galmeen filattootaa yeroo karoorfametti akka hinjaqabamneef dhiibbaa akka taasise hubatameera.
Dulloonni Waayyaannee akkuma barame ummata Naannoo Tigraay waraanaan dararuudhaaf duula waraanaa marsaa birootiif akka qophaa'aa jiran nibeekama.Kana ammoo gochaa kan jiran mootummaa shaabiyaa wajjin qindaa'uudhaan akka ta'es beekamaadha.
Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad(Abbichuun) gaaffiifi deebii tibbana Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa wajjin taasisaniin ummata Tigraayiif ergaawwan gurguddoo dabarsaniiru.Mootummaa Shaabiyaas akeekkachiisaniiru.Yaaliin taasifamu jiraannaan akka lammata uumamuu hindandeenyetti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'u muummichi ministiraa Itiyoophiyaa kutataan ilmi abbaa Gadaa Abiy Ahmad gaaffiifi deebii Afaan Tigraayiin taasisaniin mirkaneessaniiru.
Dr.Abiy ammaan booda humna kamiyyuu ummata keenya irratti waraana banuun miidhaa geessisuuf mootummaan Itiyoophiyaa obsa wayiituu hinqabaatu jedhan.
Erggaa guddaa hooggansi jijjiiramaa yeroo murteessaa ta'etti dabarsan kana shaabiyaafi waayyaanneen akkuma baran tuffiidhaan kan ilaalan ta'ullee miidhama irraa baraaramuuf of eeggannoo taasisuun isaanii waan hinoolle akka ta'e beekamaadha.Sababiin isaanii Itiyoophiyaan iddooo isaan ittiin beekan irra akka hinjirre sirritti hubachuu danda'uusaaniiti.
Gaaffiifi Deebii Taasifame ilaalchisee:
Humnoonnni tokko tokko tibbana wanti himaa turan dhugaa qabatamaan jiru irraa kan fagaatedha.Akkana jedhan "Muummichi ministiraa Abiy Ahmad maalif afaan Tigreetiin dubbachuu barbaadan?Ummanni Tigraay Afaan Amaaraas nidhaga'a" jechuun qeequuf yaalan.Dhugaan qabatamaan jiru garuu haala qabatamaan jiru irraa faallaadha. Dhaloonni haarawaanis ta'e Naannoo Tigraay jirus ta'e jiraattoonni baadiyaa naannichaa Afaan Tigraayiin ala afaan biroo dhaga'uufis ta'e dubbachuuf kan rakkatudha.Kanaaf Abbicguun afaan dhaloonni haarawaan dhaga'ee hubachuu danda'uun ergaa dabarsuun isaanii sirriidha,barbaachisadhasi.Kana ammoo yeroo jalqabaaf utuu hintaane kanaan duras haala walfakkaatuun Abbichuun hojiirra ochanii mulateera.
0 Comments