Karoorri Xiiqii Keenya Akkamiin Milkaa’a?




Finfinnee #Ethiopia Hagayya 14/2015(YMN) Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa karoora xiiqii bara baarawaa ilaalchisuudhaan kallattii kennaniiru.

Ergaa guutuu kallattii pirezidaantichaa dubbisaa:

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, karoora mootummaa bara 2016 “Karoora Xiiqii” jedhee, moggaasuun isaa ni beekama. Hooggansa sadarkaan jiru waliinis akkaataa karoorrri qabame itti milkaa’uu danda’u irratti boqonnaa qophii keessaa irratti waliigalamee hojiin erga eegalamee ji’a tokko gaheera. Bara hojii jalqabneefi yeroo ji’a tokko itti fayyadamne kana keessatti waan waliin karoorfanne tokko tokkon yaadachuufi, maal akka jalqabne, maal akka hin jalqabne ofii of gamaaggamuufi maal irra akka jirru of madaaluun waan nurraa eeggamuudha.

Karoorri bara 2016, karoora xiiqiiti kan jenneef, karooricha irratti hubannoo wal fakkaataa, kaka’umsiifi kutannoon raawwiif qabnu xiiqiirraa kan madde ta’uu waan amanneefi xiiqiin hojjetamuu waan qabuufi. Bara kana akka mootummaatti koroorrifi hojiin jalqabne hanga sadarkaa gandaafi magaalaatti,gama hundaan nama dhuunfaarraa ka’uu akka qabu kan irratti waliigalleedha. Walumaa gala dhimmoonni xiyyeeffannoo ijoo bara 2016: isaan armaan gadiiti:

1. Raawwataa Gahumsa Qabu Ta’uu/Qopheessuu

Karoorri kamuu raaawwataa akka barbaadu ni beekama; karoorri xiiqii ammoo raawwataa qofa osoo hin taane, raawwataa gahuumsa, kutannoofi dandeettii raawwachuu ol’aanaa qabu barbaada. Bara kana hojii hojjennu mara, baay’ina, qulqullinaafi saffisaan raawwanna yeroo jennu, aadaa hojii, raawwataafi amala raawwataa baratameen akka hin taane hooggansi marti hubachuu qaba; Dhimmi akka kanaa raawwataa amala baratame keessaa bahee, kalaqaafi ariitii goonfate qofti raawwachuu danda’u akka ta’e hubannee, bakka jirrutti karoora qabanneef raawwataa gahuumsa qabu ta’uu ykn.qopheessuu, akkasumas ofiif fakkeenya ta’uun raawwachuun dirqama.

2. Galii Sassaabuuf Xiyyeeffannaan Hojjechuu;

Mootuummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan muraasa darban keessa galii naannichaa dabaluuf Tarkaanfiilee Haaraa (New Initiatives) gara garaa bocuun hojjechaa tureera. Keessumaa hojiilee Inisheetivii Torbee Galii labsuu, Ambaasaaddaroota galiifi gibiraa moggaasuu, kaffaltoota gibiraa adda dureef beekkamtii kennuufi jajjabeessuu irratti hojjeteen aadaan gibiraafi taaksii kaffaluu hawaasa naannichaa daran akka fooyya’u taasisuurra darbee galiin naannoo keenyaa saffisa raajii ta’een akka dabalu dandeessisseera. Bara 2016 ammoo, mootummaan sassaabbii galiitiif karoora addaa qabatee socho’aa jiraachuun beekamee, hooggansi sadarkaan jiru raawwii isaatiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuu akka qabu hubachiisuun barbaada. Karooraa xiiqii bara kanaa keessatti, galiin ajandaa gudaa hooggansa hundaa ta’uu qaba, Asirratti waan tokko yaadachiisuun barbaada. Caasaan galii karoora isaatii ol ta’e sassaabe, galiin dabalataa sassaabe irraa hin fudhatamu. Caasaan akkanaa sirna galii dabalataa diriirsuudhaan, misooma aanaafi magaalaa isaatiif akkasumas karoora gara garaatiif akka itti fayyadamu mootummaan ni jajjabeessa.

3. Inisheetivootaaf Xiyyeeffannaa Kennuun Raawwachuu

Mootummaan keenya badhaadhina hunda galeessa hawwamu mirkaneessuun kan danda’amu aadaa hojiifi akkaataa raawwii hojii kanaan dura ture keessaa bahuun tarkaanfii haaraan yoo fudhatame qofa akka ta’e ni hubata. Haaluma kanaan Tarkaanfiilee haaraa adda addaa bocuudhaan hojiitti galchee bu’aa jajjabeessaan argameera. Bara kanas, Inisheetivoota kanaan dura hojiirra oolaniin cinaatti inisheetivoota dabalataa bocuun hojiirra oolchaa jira.

Ganna kana yoo fudhanne, gama barnootaatiin ijaarsa manneen Barnootaa Bu’ura Boruu cimsuu, manneen jireenya barsiisoota ijaaruu, daree dabalataa ijaaruu, haaromsuu, manneeen kitaabaa waliin gahuufi kitaaboota guutuu akkasumas manneen barnoota mijaawoofi hawwatoo taasisuun karoora addaatiin hojjetamuu qabu.

Gama fayyaatiinis, hojiilee gurguddoon bara kana xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu qaban ni jiru. Kanneen keessaa hojii misooma tajaajila fayyyaa, sirna nyaata hawaasa keenyaa fooyyessuu, keessumaa sirna nyaata daa’immaniifi haawwan ulfaa irratti jijjirama qabatamaa fiduun dirqama hooggansummaa haaraa ta’uun beekamee, karoora addaatiin socho’uun barbaachisaadha. Dabalataanis, Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa irratti hojilee jalqabaman cimsanii itti fufuun dirqama bahachuu qabnudha. Qonna magaalaafi sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jabeessuunis barbaachisaadha. Walumaa gala, karoora xiiqii bara kanaa milkeessuu keessatti kalaqaan hojiilee wal utuban beekanii raawwachuun murteessaadha.

4. Carraa Hojii Uumuufi Qusannaa Jabeessuu

Hooggansi jijjiiramaa keenya, halkan tokkotti jijiiramni hunda galeessi akka hin dhufneefi wal harkaa fuudhinsa qaamoolee garagaraatiin dhawaata kan milka’uu ta’uu hubatus, gama hundaan karoora hiixataa karoorsuu, humna walootti fayyadamuu akkasumas kalaqaafi ariitiin raawwachuun, yeroo gabaabaa keessatti milkaa'ina akka goonfachiisu hubatee socho'aa jira. Bara kanas, hooggansi sadarkaan jiru, humna waloo, kalaqaafi ariitii giddugaleeffatee, karoora hiixataa akka baafatu kallattiin kaa’amee hojiitti galamuun yaadatamuu qaba. Keessumaa, carraa hojii bal’aafi itti fufiinsa qabu uumuudhaaf hooggansa amaloota Intarpiriyuunarii goonfate horachuun murteessaa waan ta’eef, Intarpiriiyuunarshiippii irratti hojii guddaa hojjechaa jirra. Hooggansa sadarkaa hundaa biratti hubannoo wal fakkaataan akka uumamu, leenjiin amaloota Intarpiriyuunarshiippii irratti, keessumaa kalaqaafi ariitii ilaallatu kennameera. Gara fuulduraattis, kalaqniifi kaka’uumsi dhimma barnootaafi leenjiidhaan dagaaguu waan ta’eef cimsinee itti fufna.

Hawaasa aadaa qusannaa cimaa qabu qabaachuun akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti dinagdee cimaa ijaaruuf dhimma murteessaadha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hawaasni keenya hawaasa waan omisheerra hedduu sooratee xiqqaa qusatu osoo hin taane hawaasa xiqqaa sooratee hedduu qusachuun egeree isaa bareechu ta’ee arguu barbaada. Kanaafuu, hooggansi sadarkaan jiru, dhimma kanarratti leenjii kennuurraa jalqabee, tokkoon tokkon hawaasni inni gaggeessu maal hojjetee akka jiraatu? kan hojjetu irraa hagam akka argatuufi kan argatu irraa hagam akka qusatu waliin karoorsuun badhaadhina akka mirkaneessu ergamni itti kennamuu beekee haa socho’u. Mootummaan gama isaatiin, dhaabbilee faayinaansii hawaasa keenyaaf dhaqqabamoo, haala mijawaa qaban jajjabeessuufi babal’isuudhaan tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’a.

5. Sirna Bulchiinsaafi Tajaajila Cimaa Diriirsuufi Al-seerummaa To’achuu

Sirna bulchiinsaafi tajaajilaa cimaa diriirsuun mallattoo mootummaa cimaafi sirna jabaati. Sababoonni gurgoddoon hir’achuu ykn babal’achuu al-seerummaafi rakkoo bulchiinsaa gaarii duuba jiran sirna tajaajilaafi hordoffii akkasumas to’annoodha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fayyadamuummaa hawaasa keenya mirkaneessuufis ta’ee, karoora xiiqii bara kana qabame milkeessuuf sirna bulchiinsaafi tajaajilaa cimaa ta’ee ijaaruufi al-seerummaa hirdhisuuf inisheetivoota gara garaa bocee hojiitti hiikaa jira. Keessumaa, sirna Diijitaalaa guutummaan hojiirra oolchuun rakkoo hedduu furuu cinaatti, hojii keenya baay’ina, ariitiifi qulqullina barbaadameen hojjechuu keessatti qooda guddaa waan qabuuf, karoora bara kanaa keessatti hojiin diijitaalayizeeshiinii xiyyeeffannoo addaa argatee raawwatamuu akka qabu yaadachuun barbaachisaadha. Hojiin diijitaalayiizeeshiinii faayidaa hunda galeessa ta’e waan qabuuf karoora gama hawaasummaa, galmeessa siivilii, bulchiinsa lafaa, keessumattuu hojii kaadastara lafaa keenya saffisiisuuf hedduu nu gargaara.

Al-seerummaa to’achuufi dhabamsiisuu yoo hin dandandeenye, hojiilee karoorfaman galmaan gahuun rakkisaadha. Karoorri xiiqii akka bara kanaa ammoo, daldala seeraan alaa, galii dhoksuufi daddabarsa koontiroobaandii irratti araarama malee hojjechuu, dirqama hooggansa hundaa taasisa.

Xummura irratti, hoggansi jijjiiramaa keenya yeroo mara barachuu, leenji’uufi yaaluutti kan amanuu waan ta’eef inisheetivoota gurguddoo sadarkaa naannootti qabatee hojjechaa jiru cinaatti, carraafi dilbii naannawa isaa jiru adda baasee beekuufi karoorsuun, hojii isaa kalaqaafi ariitiidhaan masakee karoora xiiqii ji’a dura boqonnaa qophii keessaa irratti walii galle xiiqiifi kaka’uumsa olaanaadhaan raawwatee akka milkeessu amantaa guutuu kanan qabu ta’uu isiniif ibsuun barbaada!jedhaniiru pirezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

 

Post a Comment

0 Comments