Ol’aantummaa Seeraatu Nagaa Waaraa Fida




Finfinnee #Ethiopia Hagayya 09/2015(YMN) Adeemsa darbe irraa akka hubatametti ol’aantummaan seeraa kabajamu malee nagaa waaressuufi amansiisaa taasisuun hindanda’amu.Nagaa amansiisaafi itti fufiinsa qabu argachuun kan danda’amu ol’aantummaa seeraa mamii tokko malee kabajisiisuun yoo danda’amedha.

Ol’aatummaan seeraa akka kabajamuuf ammoo shoorri mootummaa ol’aanaafi bakka bu’aa kan hinqabne ta’us lammiin biyyaa hundumtuu gumaacha hinqusatamne taasisuu qaba.

Hirmaannaan qaamolee hundaatuu jiraannaan ol’aantummaan seeraa kabajamuunsaa waan hinoolledha.

Dhugaa kana fakkeenyaan ilaaluun qalbeeffachuun barbaachisaadha.Fagoo hindeemnu.Waanuma dhiyeenya ta’uudhaan qabatamaan agarree bira dabarre akka fakkeenyaatti fudhannee haailaallu.

Wayyaaneen taayitaa humna walootiin irraa fonqolfamtetti deebi’uuf Maqaleetti galuudhaan waraanaaf qophaa’uun Araat Kiiloottin deebi’a jechuun wixiffatte.

Wixifannaan wayaannee kun wayita mul’atetti ummattoonni Itiyoophiyaa akka kanniisa gaagurrisaa tuqameetti ka’uudhaan gamaa-gamanaa walitti birmachuudhaan ijoolleessaa gara adda waraanaatti erguudhaan deeggarsa gama hundaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatiif taasisu haala ajaa’ibsuusaadhaan finiinsuudhaan wayyaaneen qaanii akka haguuggattu taasise.

Tumsi ummata bal’aa kun mootummaan Itiyoophiyaa onnatee ol’aantummaa seeraa akka kabajisiisuufi birmadummaan Itiyoophiyaa mamii malee akka kabajamuu danda’u taasiseera.

Ammas akkuma kanaan duraa ol’aantummaa seeraa kabajisiisuuf qaamni hundumtuu tumsuu qaba.Ol’aantummaan seeraa yoo kabajamuu baate hundatu miidhama.Ol’aantummaan seeraa yoo kabajamuu baate nagaatu boora’a.Nagaan boorofnaan nagaan ba’uudhaan nagaan galuun waan danda’amu hinta’u.Wanti tibbana ollaatti ta'ee qabatamaan agarre kanaaf ragaadha.

Nagaan amansiisaan yoo jiraachuu baate sochii diinagdeetu dhabama.Sochiin diinagdee yoo jiraachuu baate ammoo hiyyummaatu babal’achaa deema.Hiyyummaan duruu nurra turuun mataa gadi nuqabachiifte ammoo akka walnyaannuuf haala mijaawaa uumti.

Yeroo nuti walitti deebinee walnyaannu ammoo diinonni keessaafi alaa biyyi keenya Itiyoophiyaan akka diigamtu taasisuudhaan fedhiisaanii guuttatu.

Rakkooleen tartiibaan eeraman kun mudachuusaaniitiin dura dhimmi labajamuu ol’aantummaa seeraa xiyyeeffannoo guddaa argachuu qaba.Ol’aantummaan seeraa yoo kabajame kan miidhamu gareewwan muraasadha,kan fayyadamu ammoo ummata bal’aafi biyya keenya Itiyoophiyaadha.

Kanaaf nuti humnoota ol’aantummaan seeraa akka hinkabajamneef socho’anitti gufuu ta’uu qabna!Kaayyoon isaan diigumsaaf qabatan galmasaa ga’uu kan danda’u yoo nuti calliftee rafne qofaadha.Ol’aantummaan seeraa akka kabajamuuf carraaqqii mootummaan Itiyoophiyaa taasisaa jiru deeggaruufi tumsuudhaan socho’uun barbaachisaadha.

Humnoonni waraana nuffisaasaatti nudeebisuudhaan lammata akka miidhamnuufi diinagdeen keenya akka quucaruuf socho’an gamaafi gamana waan jiraniif humnoonni kun akka adabataniif dammaquudhaan socho’uun,kallattii mootummaan kaa’u hordofuudhaan deeggarsa hinqusatamne taasisuun dirqama lammii hundaati.

Tibbana waci Shanee maalif baay’ate?

Akkuma kanaan dura irra deddeebiidhaan qabatamaan ta’ee mul’atetti shaneen haala mijaawaa eeggatti.Egaa akkuma ‘akka abaluuttan sirbaan morma nama jallisa jedhamu akka duriittan sirbaan morma nama jallisa.

Odeeffannoon ani argadhe akka mul’isetti xiyyeeffannoon Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa gara Naannoo Amaaraatti waan ta’eef amma haala mijaawaa arganne jechuun warri shanee abiddaan gubate.

Gara godina shawaa lixaatiin yaaliifi sochiin warri shanee taasise kichuutti akka citu taasifameera.Miseensonni Shanee lakkoofsaan 200 ta’an akka barbadaa’an taasifameera.Tarkaanfii kana kan irratti fudhate goota keenya Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaati.Rayyaan gara kaabaatti qajeeleera jedhanii duuba deebi’anii Araat kiiloo galuuf yaalanis wanti yaadan hinmilkoofneef.Akkuma barametti daaraa ta’uuf dirqaman.

Michoonni Shanee,warri  harka irra qabaniifi jiddu galeessa keessa ta’uudhaan odeeffannoo kennaniif raayyaan gara Naannoo Amaaratati duuluusaa malee Raayyaan Itiyoophiyaa iddoo kamiyyuu akka jiru hinbeekan.

Doofummaa isaanii kana dhokfachuuf Shaneen rukutamnaan ummata irra miidhaan ga’eera jechuun waan akka ibsaatiin booyicha baran booyan.Booyaa oolanii bulu malee ol’aantummaan Seeraa kabajamuun dirqamadha.Tarkaanfiin fudhatames tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabajisiisuuf fudhatame akka ta’e beekamaadha.

Shaneen shoroorkeessituun gara godinaalee Wallaaggaafi iddoowwan biroottis kanaan dura finxaaleeyyiin Amaaraa ummata Oromoo yeroo ajjeeftuufi salphiftu teessee ilaalte maal gochuuf gara Araat kiiloo dhuftii?Ummanni Oromoo miidhamaaf lammata of hinsaaxilu.Shaneen diinasaafi diina ummata hundaa akka taate erga hubatee Oromoon bubbuleera.

Hundumaafuu warri shanee tibbana ibsa booyichaa kan baase,sababa qabaatamaa waan qabuufidha.Oromoon ‘Waa malee manni hinaaru’jedhee kan mammaaku isa akkanaa kanaaf akka ta’e kan beekutu beeka,kan hubatutu hubata.Dhugaan qabatamaan jiru kanadhan Shaneen 200 Shawaa lixaatti barbadeeffamtee jiri.Baga jenne! Shanee Oromoofi Shanee Amaaraa dhabamsiisuudhaan fuula keenya gara misoomaafi guddinaatti deebisuuf qophaa'uun barbaachisaadha.

Post a Comment

0 Comments