Finfinnee
#Ethiopia Hagayya 24/2015(YMN) Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo
Shimallis Abdiisaa dhimma sabboontuummaa ilaalchisuudhaan ergaa dabarsaniiru.
Dhimma
sabboonummaa irratti sadarkaa amma irra gahameen haalli kanaan duraa ammaaf bu’aa akka
hinqabneefi sabboonummaan gocha qabatamaa ta’een utubamuu akka qabu obbo
Shimallis ergaa barreeffamaan dabarsaniin hubachiisaniiru.
Qabiyyee
ergaa guutuu pirezidaantichaa dubbisaa!
A.
Barbaachisummaa Hiika Haaraa
Hiika
siyaasni keenya hanga ammaa sabboonumaadhaaf kennu irra deebinee ilaaluu qabna.
Akkaataan dhimma kana ittiin ilaallu, gulantaa qabsoon keenya irra gaheen kan
walsimuu miti. Hubannoo kana sirreessuun, gama tokkoon gulantaa qabsoo irra
jirruufi itti aanuu beekuuf kan nu dandeessisu yoo ta’u, gama biraatiin,
garaagarummaa dhimmoota waloo ummata keenyaa irratti qabnu dhiphisuudhaan
qisaasama humnaa hir'isa.
Addunyaa
kana irratti namni dhuunfaa tokkos ta'e gareen tokko waan barbaadu milkeessuuf
dirqama gufuu isa muudatan lama irratti ni qabsa'a.Tokko gufuu waan ta'uuf
barbaadnu irratti muudataniifi gufuu waan gochuu barbaadnu irratti nu muudatan.
Gufuun dhimma TA’UU qunnamu dhiibbaa qaama alaa irraa kan maddu yoo ta’u,
gufuun dhimma GOCHUU irratti qunnamu ammoo dhiibbaa keessoo namticha ykn.
garicha mataa isaatirraa madda. Haluma kanaan, qabsoon kamiiyyuu gulantaa
walduraa duubaan dhufu lama keessa darba: Gulantaa Qabsoo ''TA’UUfi Gulantaa
Qabsoo ''GOCHUU''.
B.
Gulantaa Qabsoo TA’UU
Gulantaan
qabsoo TA’UU irra jireessaan, dhiibbaa qaama alaa irraa bilisa ta’uuf kan
taasifamudha.Qabsoon ''ta'uu'', madda keessa galtummaa of ta'uu qaama tokko
sakaale maal/eenyu akka ta’e adda baasuu irratti fuulleeffata.Dhimmi TA’UU
mirgoota umamaatiin (natural rights) deebisanii goonfachuu qabsaa’udhaan
ibsama: akkaataa aadaa ofiitiin uffachuu, Irreeffachuu, Afaan ofii dubbachuu,
Afaan ofiitiin barachuufi kkf. Ummanni Oromoo rakkoo akka kanaa dabarseera.
Qabsoon Oromoon waggoota 30 fi 40 dura taasisaa ture qabsoo bifa kanaa ture.
Kanaafi qabsoon sabboontota bara sanii adda durummaan Oromoo Ta’uuf taasifamuun
isaa. Gufuu qaama alaa irraa dhufe kana irratti sabboontonni hedduun
qabsaa’aniiru.
Namoonni/gareewwan
lakkoofsa hin tuffatamne qaban har’as waa’ee Oromoo TA’UU akka qabsa’aa jiran
himu. Kana raawwachuun Sabboonummaa akka isaan goonfachiisu ni amanu; akka
sabboonaatti of’ilaalu. Maqaa Oromootiin qabsa’uun badii ta'uu baatus rakkoo
kan ta’u, gulantaa qabsoo darbame irratti humna rakkoo Oromoon amma keessa jiru
hiikuu danda’u qisaasuu isaaniiti.
Har’a
Oromoo Ta'anii jiraachuun rakkoo tokko keesssa illee nama hin dabarsu. Gatii
nama hin baasisu. Qabsoo jabaa gatii qaaliin itti kaffalameen boqonnaan sun
cuamfeera.Har’a Oromummaan eenyummaa itti qaana’amu osoo hin taane, kan ittiin
dhaadatamu ta’eera. Har’a Oromoo TA’UUFAN qabsaa’a jechuun bilisummaa Oromoo
TA’UU qabsoo hadhaawaa sabboontota hedduutiin deebi’ee argame osoo hin beekin
busheessuu ta’a.
Qabsaa’ota
kanneeniin SABBOONTOTA jechuun keenya, qabsoo yeroofi gulantaa isaa eege waan
taasisaniifi. Galanni SABBOONTOTA sadarkaa kanaan nu gahaniif haa ta’u!
C.
Gulantaa Qabsoo ‘GOCHUU’
Gulantaan
qabsoo lammaffaan gulantaa GOCHAAti. Gulantaan qabsoo GOCHUU gufuu of TA’UU
qaama alaatiin nama muudate irraa, erga bilisa bahamee booda kan dhufudha.Qabsoo
mirga fedhii, hawwiifi galma ofii dhugoomsuuf ofirratti taasifamudha.Dhimmi
GOCHUU dhimma “naaf mala” (entitlement) jedhu ilaallata. GOCHUUn dandeettii
galma ofii milkeessuu danda’uu irratti fuulleeffata.
Yaadamni
GOCHUU gaaffii “maddi keessa galtummaa qamni tokko akka waan barbaade GOCHUU
hin dandeenye murteessu maali/eenyu?” jedhu irratti xiyyeeffata.Qabsoo
lafarratti hojjechuun/GOCHAAn ibsamudha.Garbi tokko qabsoo taasiseen mirga
ofta’uu deebisee goonfachuun dhuma qabsoo isaa miti; gahaas miti. Mirga goonfate
dhugoomsuuf qabsoo GOCHAA’tti ce’uu qaba.Gochi ammoo jiraachuu waa tokkoo
barbaada: qabeenya, beekumsa ykn. ogummaa gatii baasu.Kanaaf, mirga of TA’UU
argate kana GOCHAA’n gadi dhaabuuf, rakkoo qabeenyaa, beekumsaa ykn. ogummaa
gatii baasu dhabuu isaa irratti qabsaa’u qaba.Qabsoon GOCHUU, qabsoo qaama alaa
irratti taasifamu osoo hin taane, qabsoo ofirratti taasifamu/ofirratti
hojjechuu ta’uu qaba kan jennu kanaafi.
Gulantaan
qabsoo Oromoo amma irra jirus gulantaa GOCHAAti. Bara ummanni Oromoo mirga
aadaafi duudhaa isaatiin buluu goonfatetti, bara ummanni Oromoo mirga Afaan
isaatiin barachuu, hojjechuufi ofbulchuu goonfatetti,roorroo Oromoo TA’UUn
gahaa ture odeessuun sabboonaa nu hin taasisu. Inumaayyuu tattaaffii injifannoo
TA’UU argame GOCHAA’n gadi dhaabuuf taasifamu kan nujalaa danqudha.
Bara
kana Oromoon aartii akka qabu namuu ni beeka. Qabsoon nu’eeggatu, qabsoo gama
aartitiin ofTA’UU osoo hin taane, Oromummaa gama aartitiin deebisee goonfate
kana GOCHAA’n utubuudha. Qabsoon akka sabboontota Oromoo tokkootti nu eeggatu,
aartii beekkamtii argate kana barnootaan, leenjiidhaan, teeknoolojiidhaan,
giddu gala aartii babal'isuudhaan cimsuudha. Qabsoon akka sabboonaa Oromoo
tokkootti nu eeggatu, dhaloota mirga ofTA’UU booda dhufeefi dhufaa jiru kanaaf
barnoota qulqullina qabuu dhiyeessuu akkasumas teeknoolojii addunyaan irra gahe
hidhachiisuun sadarkaa kamittuu dorgomaa akka ta’u gochuudha. Ummata Oromoo
qabsoo hadhaawadhaan abbaa biyyummaa isaa deebifatee kana diinagdeedhaan akka
gahoomu qabsoo GOCHAA’tiin bira dhaabbachuudha.
Hooggansi
jijjiiramaa keenya yeroo hojiitti galu gulantaan qabsoo ammaa, GOCHAA’n
agarsiisuu akka ta’e hubannoo guutuu waliini. Hojii ijoon sabboontota Oromoo
dandeettii GOCHUU ummata keenyaa guddisuu kan ta’u akkataa kanaan yoo ilaalle.
Dandeettiin GOCHUU ummata keenyaa kan guddatu, karaa kamuu osoo hin taane,
murtoo gochaaf ofkennuu, fedhii halkaniif guyyaa dadhabuu horachuu, akkasumas
naamusa cimaan socho’uuf qophaa’uu gaafata. Walumaa galatti GOCHA barbaada.
Raawwii pirojaktoota kumaafi kitilaa, tarkaanffilee haaraa hedduu waliin
waldhaansoo kan qabne kanaafi.Qaama Oromoodhaaf dhaabbadhe jedhu kamuu waliin,
sadarkaa kanatti tumsaan qabsaa’uudhaaf qophiidha.
D.
Galmoota Gulantaa Qabsoo GOCHAA
Gulantaan
qabsoo ammaa qabsoo GOCHAA akka ta’e yoo walii galle, galma inni milkeessuuf
kaayyeffate ibsuun barbaachisaa ta'a. Waa sadi irratti luucceffata: dhaloota
barnootaafi teeknoolojii hidhate, ummata diinagdeedhaan gahoomeefi sirna cimaa
qabaachudha.
1.
Dhaloota BARNOOTA (qulqullina qabuu) fi TEEKNOOLOJII hidhate uumuu
Naannoon
keenya barattoota mil. 11 ol barsiisaa jira. Waliin gahiinsa barnootaa cinaatti
qulqullina barnootaa eeguun dhimma ijoo ta’uu hubachuun inisheetivoota adda
addaa baajata mootummaafi humna waloo (tajaajila lammummaa) fayyadaman bocuudhaan
hojiitti galle. Gama kanaan ijaarsa Manneen Barnootaa Addaa Ifa Boruu, Manneen
Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Sadarkaa
Tokkoffaa Duraa, dareewwaan dabalataa kumaatamaan lakkaawwaman,hojiilee mijattummaa
manneen barnootaa dabaluu, akkasumas dhiyeessii nyaata barattootaa caqasuu
dandeenya.
2.
Ummata keenya DIINAGDEEdhaan gahoomsuu
Milkaa’ina
galma kanaatifis inisheetivoota hedduu bocuudhaan socho’aa jirra. Inni jalqabaa
karoora mootummaa hanga sadarkaa maatiitti gadi buusuudhaan Badhaadhina Maatii
milkeessuu ilaallata. Dabalataanis,qusannaa jajjabeessuu, hammatummaa
faayinaansii baadiyyaa (rural financial inclusion) dabaluu, dandeettii galii maddisiisuufi
sassaabuu guddisuu,dorgomummaafi dandeettii galii maddisiisuu dhaabbilee
misoomaa mootummaa cimsuu, Interpiyuunarummaa babaldhisuu, too’annoo
(regulations) jabeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu kaasuu dandeenya.
3.
SIRNA CIMAA (hin reeqqifne) ijaaruu
Gama
kanaan, riiffoormiiwwan kenniinsa tajaajila mootummaa, babaldhina
dijiitaalaayizeeshinii, sirnoota dhawaata badaa dhufan deebisanii gadi dhaabuu:
Busaa Gonofaa, Tajaajila Lammummaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa,
hirmaachisummaa ummataa mirkaneessuufi kkf. kaasuun ni danda’ama.
Walumaa
galatti, hiika “Sabboonummaa”dhaaf qabnu irra deebinee ilaaluu qabna. Humna keenya
gargar hiree kan nu laaffise dhimma kana ilaalchisee fuula walfakkaataarratti
argamuu dhabuudha. Ammaan booda, gulantaa qabsoo darbe irratti humna keenyaa
qisaasuu hin qabnu.
Hoggansi
sadarkaan jirrus waan tokko hubachuu qabna. Ummata irratti aangofnee miira
tajaajiltummaafi GOCHA tajaajilaa tokko malee, quuqama ummata Oromoodhaaf
‘qabnu’ dhaadhessuudhaan sabboonummaa goonfachuu hin dandeenyu. ‘Sabboontonni’
Oromoo hundi, GOCHAA’n qabsoofnee sabboonummaa dhugaa haa goonfannu.
Sabboonaan,
nama GOCHAAN lafarratti ummata isaatiif waa xiqqoo GOCHUU danda’u.
Gamtaan
taanee, GOCHAAN haa qabsoofnu!
GOCHAAN
qabsoofnee Sabboonummaa haa goonfannu!
Sabboonummaan
GOCHA! Jedhaniiru pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis
Abdiisaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin.
0 Comments