Finfinnee #Ethiopia Hagayya 11/2015(YMN) Shororkeessitummaan
akka babal’atuuf hojjechaa kan jiran kanneen humnoota alaatiin
bitamanidha.Diinonni Itiyoophiyaa maallaqa guddaa baasuudhaan yeroo adda
addaatti ergamtoota bitachuudhaan bobbaasaniiru.
Ergamtoonni diinaan bitaman kun sochii taasisaniin
Itiyoophiyaa akka diiganiif kan ergaman ta’ullee hanga ammaatti Itiyoophiyaa
diiguu hindandeenye.Gara fuulduraattis kaayyoosaanii diigumsaa milkeessuu
hindanda’an.Carraaqqii amma taasisaa jiraniinis ta’e gara fuulduraatti
taasisaniin Itiyoophiyaa diiguu akka hindandeenye beekamaadha.
Garuu sochiin ergamtoonni deeggarsa humna diinaatti
fayyadamuudhaan taasisan hojiin misoomaafi guddinaa akka miidhamuufi sadarkaa
barbaadamuun milkaa’uu akka hindandeenye taasisuu danda’a.Haqa kana
hubachuudhaan hojiin diina qolachuufi misooma itti fufsiisuu walfaana deemaa
jira.
Dhugaa kanaaf ragaan qabatamaan jiru hojii qonna gannaa
qonnaan bultoonni Itiyoophiyaa haala qabatamaa naannawa isaaniifi waqtii gannaa
jirutti fayyadamuudhaan hojjechaa jiranidha.
Hojiin qonna gannaa utubaa diinagdee biyya keenyaa ta’e
iddoo tokko tokkotti sababa hanqina dhiyeessii xaa’oofi sanyii filatamaatiin
kan duubatti harkifate ta’us irra jiraansaa yoo ilaalamu akkuma kanaan duraatti abdachiisaadha.Abdiin
jiru ammoo baatiiwwan gannaa keessas jallisiidhaan omishi qamadii akka
babal’atu waan ta’eef dachaadha.
Haala abdachiisaa akka biyyaatti jiru kana maddiitti rakkoon boora’uu Nagaa naannoo
Amaaraafi iddoowwan Naannoo Oromiyaatti mudate garuu yaaddessaadha.
Keessumattuu gareewwan diina irraa ergama
fudhachuudhaan socho’an miidhaa geessisuun isaanii beekamaadha.Sochiin Naannoo
Amaaraa keessumattuu magaalota keessatti
torban tokkoof ugguramee ture miidhaan sochii diinagdee irratti geessise
salphaadha kan jedhamu miti.Haala uumame kanaan lammiiwwan baay’eetu
miidhame.Kan galii guyyaatti argatu qofaan jiraatu irraa eegalee hookkara
uumameen kanneen miidhaman baay’ee akka ta’an tilmaamuun waan nama dhibu
hinta’u.
Kana hunda maaltu fide jechuun gaafachuun
barbaachisaadha.Rakkoon amma jiru hundumtuu akka uumamuuf sababa kan ta’e
fedhii taayitaati.Kanneen ‘ana malee ati hinbeektu,anatu siif beeka’ jedhan
yeroo adda addaatti fedhii taayitaaf qaban guuttachuuf jecha sababoota adda
addaatti fayyadamuudhaan hookkarri akka ka’u taasisaniiru.Kanneen tokko tokko
fakkeenyaan kaasuudhaan yaadachuun barbaachisaadha.
Finxaaleeyyiin kamiyyuu waan da’eeffatan
hindhaban.Dhimma amantaa,dhimma sabummaafi kanneeniin walqabatanitti fayyadamaa
turaniiru.
Kanaan dura dhimma amantaa bataskaana Ortodooks tawaahidoo Itiyoophiiyaa da’eeffachuudhaan mootummaa ummataan filatamee taayitaarra jiruufi imaanaa ummataan itti kenname ba’achaa jiru humnaan taayitaa irraa fonqolchuuf hedduu carraaqaniiru.Sochiiwwan dhimma kana wajjin walqabatanii iddoowwan birootti taasifaman akkuma jiran as Magaalaa Finfinnee keessattis dhimma amantaa da’eeffachuudhaan mootummaan taayitaa irraa akka bu’uuf carraaqqiin guddaan taasifameera.
Jarri kun eenyufa’i akka ta’an dhiyeenya kanaa asitti
ummata bal’aadhaan sirritti beekameera.Jarri kun akka abboota keenyaatti
hundumtuu nuufa mala,Itiyuphyummaan nuun ala gatii hinqabu,hundumtuu nujalatti
buluu qaba jechuudhaan kanneen hurufa irratti bookkisaa jiranidha.Hanga
ammaatti waan danda’an hunda raawwataniiru.Ammaan booda garuu hindanda’an!
Carraaqqii kallatti adda addaatiin sababa uumuudhaan
taasisan itti fufuudhaan xumura irratti gooticha Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa se’atan.Tuffiin
baran mataa irra isaan ba’ee qawwee sababa adda addaa da’eeffachuudhaan of
harka galfatan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatti aggaaman.
Akkuma kanaan dura mootummaa humnaan taayitaa irraa
fonqolchina jechuun socho’an Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaas se’achuudhaan mee
waan ta’u ilaalla jechuun waan yaalan fakkaata.Yaaliin isaan onnachuudhaan
taasisan kun utuu oolee hinbulin gatii harkasaanii akka argatan taasise.
Hordoftoonni isaanii olola isaan biyya keessaafi alaa taa’anii
afarsaa oolanii bulaniin machaa’an wanti jedhamuufi lallabamu dhugaa itti
fakkaatee Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatti onnachuudhaan dhukaasan.
Waan duursanii ofumaaf jalqabaniif amma Naannoo
Amaaraatti deebii gahaafi barbaachisaa ta’e argachaa jiru.Deebiin gootota
keenyaan kennamaafi jiru gaabbii keessa akka isaan galchu shakkiin hinjiru.
Kanneen caasaa Badhadhinaa keessa taa’uudhaan haala
mijeessaa turan kan akka Gadduu Andaargaachoofi Yohaannis Booyaaloo xumura
irratti wanti yaadan akka hin milkoofneef hubannaan adda babayii irratti ba’uudhaan
of saaxilan.Namoonni kun aantummaan isaanii diinaaf akka ta’es qabatamaan mul’isan.
Yohaannis Booyaaloo kanunaam durayyuu hooggansi
jijjiiramaa kan fuuldura irra jiru’Hoomechadha,gatii hinqabu kana nuuf dhiisaa’
jechuun humnoota Ameerikaa jiraataniif akka waadaa gale nibeekama.Jarri kun
qophiin taasisan bal’aa akka ta’e haala isaan tibbana mul’isantu nutti
agarsisie.
Maqaa Ummata Amaaraatiin dhaadachaa faallaa mootummaa
biyya bulchaa jiruu deemuudhaan yaalii lakkaa’amee dhuma hinqabne
taasisaniiru.Xumura irratti humna qawwee malee fala biraa hinqabnu jechuudhaan
murteessan.Kana booda hooggantoota Naannoo Amaaraa ga’uumsa hooggansaa qaban
filuudhaan adamsanii ajjeesuu jalqabaan.Gochi ajjeechaa Girmaa Yeshixilaafi
Namoota kanneen biroo irratti raawwatan kanaaf ragaa qabatamaa yoomiyyuu
hindagatamnedha.Gochi ajjeechaa humnoonni kun Maqaa ‘Faannoo’ da’eeffachuudhaan
iddoowwan adda addaatti raawwatan caasaan paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa
keessa jiru hundi dhibbaa isaanii jala akka gale xumura irratti hubatameera.
Utuu kun ta’uu baatee haalli amma mudate gonkumaa
mudachuu hindanda’u.Caasaan Badhaadhinaa naannicha keessa jiru hooggansa irraa
eegalee hanga sadarkaa gadiitti kan argamu gareewwan finxaaleeyyii kana gara
deeggaruutti kan deeme akka ta’e haaluma qabatamaan jirutu ragaadha.
Egaa Waraabessi biyya alaafi biyya keessa jiru qindaa’ee yuuseera.Waraabessi qindoomina guddaa uummate kun baga guyyaan yerootti yuuse.’Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise’jedhama.
Waraabessa yerootti utuu hindhiyin nutti yuuse kana
ofirraa qolachuun nidanda’ama.Amma waraabessi yeroosaa malee guyyaadhaan yuuse
kun akka isaaf galutti qolatamaa jira.Geerarsii kanaan dura dhageessifamaa
tures amma gara bootichaatti jijjiirameera.
Ifatti ba’ee himamuu baatus miidhaan waraabeessa
guyyaan yuuserra ga’e ol’aanaadha.Booyichi isaanii kan heddumates sababa malee
akka hintaane sirritti hubatama.Marii Nagaa malee waraanni fala miti jechuun
kan lallabaamaa jirus kanumaaf akka ta’e nibeekama.Amma kanneen humna
abadachuudhaan bookkisaa turan akka kanaan duraatti caraanuu hindanda’an.Diinni
alaafi keessaa deeggarsa taasisaafii tures harka diriirseef dachaasuun isaa kan
oolu hinta’u.Kun hunduu kan ta’uu danda’e utuu hindhiyin yerootti waan
yuusaniifi.Baga dafanii yuusan!Fayyaa ta’aa!
0 Comments