Finfinnee #Ethiopia Hagayya 10/2015(YMN) Oromiyaatti zoonii diinagdee addaa Gadaatiin lafti hektarri kumni tokko akka misoomu himameera.
Kanaafis abbaan Taayitaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaafi Dhaabbanni Chaayinaa ‘Civil Engineering construction’ jedhamu Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Waliin misoomsuuf kaleessa iddoo qondaaltoonni ol’aanaan Federaalaafi Naannoo argamanitti walii galtee mallateessaniiru.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa wiirtuu kalaqaa ta'uun badhaadhina biyyaa mirkaneessuufi haala haawaas -Diinagdee Naannoo Oromiyaa fooyyessuuf gahee guddaa kan qabu ta'uu daarektarri ol'aanaan Abbaa Taayitaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen himaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaa pirojaktiin guddaan kun Itiyoophiyaa qofaaf otoo hin taane Pirojaktii Afriikaati waan ta'eef hunda kan fayyadudha jedhan.
0 Comments