Finfinnee #Ethiopia Fulbaana 04/2016(YMN) Baatii Fulbaanaa keessa Ayyaanoota hedduutu kabajama. Kan
jalqabaa ayyaana jijjiirama baraati.Barri moofaan 2015 xumuramuusaa labsuufi
bara haarawa 2016 simachuu keenya beeksisuuf jecha Fulbaana1 bara 2016 ayyaana
simannaa waggaa harawaa kabajuudhaan dabarsineerra.
Ayyaanoonni itti aanuudhaan Fulbaana keessa kabajaman kanneen biroos
dhufaa jiru.Kan duraa Mooliida.Hordoftoonni amantaa Islaamaa akka himanitti ayyaana
Moolidaatiin guyyaa dhaloota Nabiyyuu Mahaammaditu kabajama.
Odeeffannoon ayyaana Moolidaa wajjin waqabatanii jiran akka
mul'isanitti ayyaanni moolidaa akka ayyaanoota Islaamaa kanneen birootti
ho'ifamee hinkabajamu.Kanneen kabajan garuu jiru.Sababasaa hordoftoota
amantichaatu sirritti beeka waan ta’eef dhimma kana isaanumaaf dhiisuu wayya.
Ayyaanoota walakkeessa baatii Fulbaanaa keessa kabajaman keessaa tokko kan ta'e Ayyaanni Masqalaas sussukuun dhufaa jira.Oromoon akka jedhutti Masqalli mootii ayyaanaati.Kunis sababa quubsaadhaan akka himame beekamaadha.
Masqala booda Gara xumura baatii Fulbaanaatti kan kabajamu ammoo
Irreecha Oromooti.Ayyaanni Irreecha Oromoo Finfinnee doloolloo Biddeenaafi
Bishooftuu Hora Arsadeetti kabajama.
Egaa ayyaanonni kun ayyaanota ummata bal’aati.Keessumattuu
Ayyaana Irreecha Oromoo irratti lammiiwwan biyyaa miliyoonaan lakkaa’amantu
irratti argama.Tuuriistoonni biyyaalee alaas ayyaanoota kanneen irratti baay’inaan
akka argaman beekamaadha.
Keessumattuu ayyaana Masqalaa sababeeffachuun jala bultii
irratti sirna Damaraa Fulbaana 16 bara 2016 gaggeeffamu irratti ummata hedduutu
hirmaata.Ayyaana Irreecha Oromoo torban Masqalaatti kabajamu irrattis haaluma
walfakkaatuun lammiiwwan miliyoonaan lakkaa’amutu hirmaata waan ta’eef
ayyaanonni Ummtaa kun akkuma barame karaa nagaatiin kabajamanii akka darbaniif
qaamolee mootummaa nagaafi tasgabbii kabajisiisan maddii hiriiruudhaan shoora
lammummaa gumaachuun barbaachisaadha.Fayyaa ta’aa!
0 Comments