Oomisha Bunaa Keenya፡ Labsii Naqamtee Booda!



Tarkaanfiilee addaa (new initiatives) diinagdee naannoofi biyya keenya akka onnachiisan bocaman keessaa inni tokko misooma bunaati.Tarkaanfiin kun, baay’inaafi qulqullina oomisha buna naannoo keenyaa ariitiin dabaluufi mirkaneessuu kaayyeffate bara 2011 magaalaa Naqamteetti, “Labsii Naqamtee” jedhuun iftoome.Sochii tarkaanfii kanaan taasifameen gama oomisha dabaluutiniis ta’e,qulqullina mirkaneessuutiin bu’a qabatamaan argamee jira.

Dhaabbii,Uwwisa Waliigalaafi Oomishaa

Sochii kanaan bara 2011 biqiltuu bunaa mil. 997 dhaabuu jalqabnee, bara 2015 bil.1.33 dhaabuu kan dandeenye yoo ta’u, waggottan shanan sochichaa keessatti bil. 5.4 dhaabneerra. Raawwii kanaan, uwwisa buna naannoo keenyaa lafa hekt. mil. 2 (lama) irra ture, gara hekt. mil. 2.9’tti olguddisuun danda'ameera.

Uwwisa bara 2011 ture keessaa oomisha kan kennu hekt. kuma 966 irra kan ture qofa yoo ta’u, bara 2015 gara hekt. mil. 1.31 olguddisuun danda'ameera. Bara oomishaa 2016 ammoo uwwisa buna oomisha kennuu hekt. mil. 1.45 gahuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Gama oomishaatiin, oomisha waggaa bara 2011 kunt. mil. 6.5 ture irraa ka’uun bara 2015’tti kunt. mil. 10.4’n kan gahame yoo ta’u, bara 2016’tti ammoo, kunt. mil. 11.4’tti olguddisuuf karoorfamee raawwatamaa jira.

Sochiin qindaa’aa taasifame bu’aa malee kan hafe hin turre. Bara 2015 buna gabaa alaatti ergame irraa yeroo duraatiif galiin USD bil. tokko ce’e (1.3 bil.) argamuu danda’eera. Kana keessaa gaheen Naannoo keenyaan bahame %70’tti gan dhiyaatu ture.

Qulqullina Bifalamee Mirkaneessuu

Labsiin Naqamtee, xiyyeeffannoo oomisha bunaa ariitiin dabaluudhaaf kenne, fooyya’iinsa qulqullina bunaa sassaabbiidhaa hanga dhiyeessii gabaatti dhufuu qabuufiis kenneera. Qulqullinni bunaa, gatii argachuufi gabaa irratti dorgamaa ta’uufi ta’uudhaan itti fufuuf dhimmi ijoodha. Bara 2011, buna gabaadhaaf dhiyaate keessaa qulqullina sadarka 1- 4 kan guutu %40 qofa kan ture yoo ta’u, bara 2015, gara %60 fooyyessuun danda’ameera.


Asirratti,raawwiin gama qulqullina bunaa dabaluutiin jiru, ariitii ittiin oomisha dabaluu dandeenyeen kan walgituu akka hin taane beekuun hojii nu eeggatu hubachuuf murteessaadha. Gamaaggama kanarraa ka’uun, bara oomishaa 2016 gama tokkoon buna qulqullina sadarkaa 1-4 guutu dabaluuf, gama biraatiin sadarkaa qulqulinaa kanaan dura ture daran olkaasuuf sochiin qulqullina bifalamee mirkaneessuu naannoodhaa hanga gandaatti taasifamaa jira. Haaluma kanaan, leenjiin hubbannoo qulqullinaa, adeemsa oomishaafi sassaabbii akkasumas paakeejiingii hanga dhiyeessii gabaa hammatu qooda fudhatootaaf bal’dhinaan kennamaa jira. Haaluma kanaan, bara kana buna gaabaadhaaf dhiyeessinu keessaa %75 qulqullina sadarkaa 1-4 jiru akka qabatu hojjetamaa jira.

Sadarkaan uwwisaafi oomishi buna keenyaa irra gahe kan nama onnachiisu. Garuu kan itti boonnee dagannaa keessa ittiin galluu miti.Gama qulqullina bunaa mirkaneessutiin ammoo imalli dheeraan akka nu hafu hooggansi sadarkaan jiru, caasaan, oomishtoonni akkasumas qoodafudhattoonni hundi hubachuu qabna.

Dhumarratti, qoteebultoonnifi inveestaroonni buna oomishtan,daldaltoonni, qopheesitoonnifi al-ergitonni oomisha buna naannichaa hundi, ‘qulqullinni oomisha bunaa, faayidaa waloo keenya’ ta’uu hubattanii, oomisha bara 2016 irratti, sassaabbii hanga dhiyeessii gabaatti qulqullinaaf ofeeggannoo jabaa akka taasistan adaraa jechaa, shoora olaanaa jijjiirama hanga ammaa argame kessatti taphattaniif isin galateeffachuun barbaada!

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa

Post a Comment

0 Comments