“Barnootaa barnootaa, ammas barnootaa;
Kana ta’uu qaba, kaayyoon Oromootaa.” Dooktara Kabajaa, Artisti Alii Birraa
Walaloo Weellisaafi hayyuu guddaa kana akkasumaan hin fudhanne. Dhimma barnootaa keessattuu, barnoota ummata Oromoo wayita kaafnu gumaacha qabsaa’otaa/hayyoota keenyaa dagachuun hin danda'amu. Bara dukkanaa sana keessatti barnoonni meeshaa qabsoo kamuu akka caaluu kan hubatan dirreen qabsoofi iddoon jiran osoo isaan hin daangessin sabni akka baratuuf hojjetaniiru; qabsa’aniiru. Dhiibbaan alaa akka sabaatti Ummata Oromoorra gahaa ture qolachuufis barnoonni meeshaa qabsoo ta’uu akka qabu hojjetaniiru. Hundaa’ol salphina hiyyummaafi boodatti hafummaan itti dhufe irra aanuuf ammoo barnoonni meeshaa bakka bu’aa hin qabne ture. barnoota madda bilisummaa hundagaleessaati.
Qabsaa’onni keenyas kana hubatanii turan. Goonni barnootaa keenya Jeneraal Taaddasaa Birruu “Nama baratetu mirga isaa gaafata” jechuun Oromoon akka baratuuf kakaasa turan. J.Taadde ijoollummaadhaa kaasee foolii sibiilaafi waraanaa suufaa guddatanis, afaan qawwee angafa qabso taasisuun dhaadhessanii hin beekan. Injifannoofi bilisummaan hundagaleessi dhaloota barnootaan kunuunfameen qofa akka mirkanaa’u goota dursanii hubataniidha.
Barnoonni invastimantii borumtii bu’aa hin agarsiifne ta’us, ummannifi biyyi barnootaafi dhaloota irratti hojjetu bu’aa bara baraa argatu malee hin kasaaran. Invastimantiin barnootaa biyya keenyaa akka waliigalatti sadarkaa gadi bu’aarra kan ture ta’us, loogii hamaa kan qabu ta’uu isaatiin akka biyyaatti sadarkaa siyaas-diinagdeen gahuun danda’amuurra duubatti hafneerra. Hoggansi Jijjiiramaa biyyaafi naannoo keenyaas gorsa gootota barnootaa keenyaaf amanamuun, har’a hojii manee barootaaf kuufame waliin wal’dhaansoorra jira. Hir’dhuufi cabni dinagdee, siyaasaafi yaadqalbii ummata keenyaa inni guddaan barnootaan kan dhufeefi wal’dhaansa barnootaafi sirna barnootaa irrattii taasifamuun kan guutamuufi suphamu ta’uu hubachuun hojiitti gale.
Hooggansi keenyas barnoota toora xiyyeeffannoo ijoo shananfi galmoota gurguddoo sadan Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa isa tokko, taasisee irratti hojjechaa jira. Gatiin barnoota qulqullina qabu babal’dhisuuf taasisnu, dhaloota heddu gara fuulduraatti dhufanirraa hojii manaa kan sal’phisu qofa osoo hin taane, hedduu kan fayyaduudha. Akka Sabaatti egeree dhaloota keenyaa sirressuufi murteessuun kan danda’amuu har’a waan hojjechuu qabnu raawwachuun waan ta’eefi, “Sabni ‘BORU’ abboomuu fedhu, har’a qophaa’uu qaba.” kan jennu. Hojiin boru nu abboomsu, waantoota investimantiin barnootaa barbaadu dhiyeessuufi babal’dhisuudhaan kan dhugoomu ta’uu hubatamuu qaba.
Gama kanaan ummata qusannaa tokko malee barnoota deeggaru waan qabnuuf carraawoodha. Oromoon duudhuma isaatiin, dhala ofii ofiin olitti waan ilaaluuf, ‘Ilmoon Abbaafi Haadha hin caalle Ilmoodha? jedha. Barnoota cichee kan deeggaru ilmoon isaa beekumsa, ogummaafi naamusaan isaa ol akka gahuufi. Gama biraatiin egeree ilmaan isaa murteessaa jira jechuudha. Ummanni keenya Manneen Barnootaa Idileen Duraa kuma 11 waggaa lama keessatti ijaareera. Osoo humna mootummaatiin hojjenna jedhamee yoo xiqqaate waggoota 15 ol nurraa fudhata ture. Gumaacha dinqii ummata keenyaa kana kan yeroo mara itti boonnu ta’uu carraa kanaan himuun barbaada.
Akkuma armaan olitti kaafne, rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaa walxaxaa har’a nu haguuge moo’achuuf, akkasumas carraalee nu darbaa jiran fayyadamuuf furmaanni qabnu tokko: barnoota. Asirraa ka’uun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama barnootaatiin galmoota gurguuddoo lamaa milkeessuuf kaayyefffate:
Tokkoffaa
Dhaloota dorgomaa, saayinsiifi teeknoolojiidhaan tarkaanfate uumuudha. Bara siyaas-dinagdeen idil-addunyaa teeknoolojii fageenya hambisu hidhatee olloomaa dhufetti, barnoonni filannoo osoo hin taane dirqama. Ollummaan fageenya hambise kun yaaddoofi carraa kan ofkeessaa qabuudha. Yaaddoon jiru, olummaan kun wal-dorgommii ammaan dura gidduu keenyatti qofa turre hambisuun dorgomtoota idil-adunyaa qe’eetti nutti fidu isaati. Carraan inni baatu ammoo carraaleen idil-addunyaa gama hundaan jiran dhaqqabamaa nuuf taasisuu isaati. Yeroo kanatti, gama lachuunuu injifatamuurraa kan nama baraaru qophaa’ummaadha. Beekumsaafi ogummaa bara madaalu osoo hin horatin, saayinsiifi teeknoolojii jabanni barbaadu osoo hin hidhatin, carraalee idil-adunyaa kan fayyadamnuu mitii, isa qee’ee keenya jiruu fayyadamuu hin dandeenyu. Dhaloota beekumsa saayinsiifi teeknoolojiidhaan masakameen ijaarame uumuu galma sirna barnoota keenyaa kan taasifne sababa kunneen irraa ka’uuni. Hawwiin Oromoo kana; ilmoon isaa akka isa caalu.
Lammaffaa
Dhaloota beekumsa aadaafi duudhaa isaa ulfeessu horachuudha. Imalli gama kanaan taasisne borcamaa akka ta’e seenaa irraa hubachuu dandeenya. Yookaa of hin taane, yookaa orma hin taane, gara dhabaa taanee turre. Haa ta’uutii, guddinni saayinsiifi teeknoologii ofiifi naannoo ofii gadi fageenyan hubachuu irraa jalqabuu qaba. Guddinni saayinsiifi teeknoolojii biyya tokkoo sadarkaa lammiileen biyya sanaa umama, aadaa, duudhaa, sirna hawaas-dinagde naannoo isaanii itti hubachuu danda’an irratti hundaa’a. Furmaanni gama saayinsiifi teeknoolojiitiin kennamu haala qabatamaafi rakkoolee guyyaa guyyaan ummaticha mudatan irraa ka’uu qaba. Haaluma kanaan barnoonni keenya ija naannoo, jiruufi jireenya, duudhaafi eenyummaa keenya ittiin hubannu daran banuu galma lammaffaa taasisee deemaa jira.
Mootummaan Jijjiiramaa keenyas, waggoota shanan darban galmoota kanneen milkeessuuf, tarkaanfiilee haaraa bocee hojjechaa tureera. Bifuma kanaan, ijaarsa manneen barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa Lammaffaafi Bultii Addaa dhibbootaan lakka'aaman akkasumas, hirmaannaa ummanni keenya gama Tajaajila Lammummaatiin taasiseen, ijaarsa Manneen Barnootaa Idileen Duraa Bu’uura Boruu kumaatamaan lakka'aman milkeessera. Seenaa biyya keenyaa keessatti, Olmaa Daa’immanii baadiyyaa keessatti jalqabuufi babal’dhisuudhaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa isa duraati.
Bara kanas barnoota irratti hojii bal’dhaa hojjechuuf karoorsinee hojiitti erga gallee turreerra. Ji’a kanas Fulbaana 06 hanga 12’tti Torbee Barnootaa labsuun hojiilee sochii Gannaatiin raawachuuf qabanne sakatta’aafi qophii bara barnootaa 2016’f taasifamu finiinsaa turre.
Sochii Ganna darbeetiin karoora ijaarsa Manneen Jireenyaa Barsiisotaa 4,000, Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu 4,574, suphaa manneen barnootaa mijatoo taasisuu 2,227, manneen barnootaa hunda keessatti manneen kitaabaa hundeessuufi kitaabaan guutuu qabannee ture. Raawwiin isaa sadarkaa walfakkaataa irra hin jiru. Raawwiin sochii Gannaa hanga ammaa (MJB %58.9; MBBB %33.5, Suphaa %65.3) jiru, mul’dhata Mootummaa barnoota galma gurguddoo sadeen qabu keessaa isa tokko taasisee socho’uuf gahaa akka hin taane yaadachiisaa, carraa kanaan yeroon hafu hundi dhimma kanaaf akka oolu cimsee hubachiisuun barbaada.
Gama biraatiin, labsichi qophii dhumaa gama maatii, daa’immaniifi, seektara deegarsaatiin ta’uu qabu kan yaadachiisu. Naannoo keenyatti barnoonni bara kanaa Fulbaana 14 bara 2016 kan jalqabu ta’uu baramee maatiim ijoollee isaa hanga ammaatti hin galmeesisiisne akka galmeessisiisu, meeshaalee guutuu qabu akka guutu, gargaarsa ijoollee mana barumsaa deemtu irraa argachaa ture kan biraatiin akka bakka buusu yeroo dhumaatiif yaadachiisa. ijoolleen keenyaas, ‘guyyaa duraa, kutaa duraa’tiif akka ofsi’eessitan isinii dhaama. Gama manneen barnootaafi seektara deeggartootatiin, loojistikii, humna namaafi galtee dhiyeessii nyaata barattootaaf barbaachisan yeroo hafetti ariitiidhaan akka guuttan isin hubachiisa. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara barnootaa 2015 irraa jalqabee manneen barnootaa Barnoota Sadarkaa Tokkoffan Duraafi Sadarkaa 1ffaa kutaa 1-4 akkasumas Manneen barnootaa haawaasa horsiisee bulaa hanga kutaa 6’tti jiraniif dhiyeessii nyaata barataa jalqabuun isaa ni yaadatama. Bara jalqabbii baratoota mil. 5.2 ta’aniif nyaata dhiyeessuu kan danda’e yoo ta’u, bara 2016 ammoo baratoota mil. 7.5 ta’aniif nyaata dhiyeessuuf karoorfameera. Bara barnootaa 2016, barattoota mil. 11.4 galmeessuuf karoorfame keessaa hanga Fulbaana 07 bara 2016’tti barattoota mil. 10.4 galmeessuun danda’ameera, Ijoollen sababa adda addaatiin hanga ammaatti hin galmaa’in yeroo hafetti akka galmaa’an seektarri barnootaa, miidiyaafi qaamni dhimmi ilaallatu hundi akka tumsitan adaraa jechuun barbaada.
Xummura irratti barri barnootaa 2016, bara barannee itti milkoofnu qofa osoo hin taane, bara waan baranneen naannawa keenya itti hubannu, rakkoolee nu muudatan kalaqaan itti furruufi eenyummaa keenya sadarkaa olaanaatti itti hubannu akka nuuf ta’un hawwa!
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa
0 Comments