Warraaqsa Dinagdee Oromiyaa: “Murteessummaa Caasessaa” Cabsuu

  


 


Finfinnee #Ethiopia Fulbaana  04/2016(YMN) Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa barreeffama dheeraa dhimma warraaqsa diinagdee Oromiyaa  irratti xiyyeeffate baasaniiru.

Barreeffamni dheeraan Fulbaana 3 bara 2016 fuula miidiyaa hawaasummaa Pirezidaant Shimallis Abdiisaa irratti ba’e kun keessumattuu hooggantoota sadarkaa adda addaatiin ummata tajaajilaa jiraniif barbaachisaadha,hubannoo isaanii kan gabbisudha.Kan itti aanu kanadha dubbisaa!

Kaayyoon barreeffama kanaa, galmoota gurguddoo maraamartoo seenaa kufaatii gamatti mootummaan jijiiramaa keenya gama siyaas-dinagdeetiin milkeessuuf qabate keessatti, qooddatoonni hudhoofi qooddatoonni dandeessisoo  maal akka ta’an, akkasumas akkamiin akka hiikkaman/raawwataman irratti hubannoo uumuudha. Haaluma kanaan, hooggansi sadarkaan jiru, hojjattoonni caasaa mootummaa, deeggartoonni misooma keenyaa, qooda fudhattoonnifi ummanni bal’dhaan kallattiifi galma imalichaa baree tumsa irraa eeggamu akka taasisu dandeessisuudha.

Hooggansi jijjiiramaa naannoofi biyya keenyaa maraammartoo seenaa kufaatii, keessumaa hudhaalee siyaas-dinagdee biyyaafi naannoo keenyaa irratti hubannoo gadi fagoofi gaabbii nama hin raffisne qabateetu hojiitti gale. Hudhaalee, gama tokkoon haala walxaxaa siyaas-dinagdee idil-addunyaa amma keessa jirru irraa maddu, gama biraatiin ‘murteessummaa caasessaa amala biyyummaa (state culture) irraa maddeefi jaarraa hedduuf biyya keenya hudhee as gahe furuun ergama ulfaataa ta’us dirqama bahamuu qabu taasisuun fudhatee sochii jalqabe.

Jijiirama gosa kamuu milkeessuuf, hubannoon haala qabatamaa siyaas-dinagdee biyya keenyaafi idil-addunyaa dhimma murteessadha. Akkuma amma kaasuuf yaalle, hooggansi jijjiiramaa keenya haala qabatamaa siyaas-dinagdee boodatti hafaa, murteessummaa caasessaatiin ukkaamameefi ijaarsa biyyaa hin goolabamne dhaale. Haala qabatamaa idil-addunyaa irratti, aritii guddina qalbeefannoo namtolchee (Artificial Intelligence) fi teeknoolojii, hariiroo fedhiifi dantaa taatota idil-adunyaa, taatewwan gurguddoo (lola, dhukkuba daddarboo, kalaqa)fi kkf eeruu dandeenya. Inni biroo ‘murteessummaa caasessaa’ti. ‘Murteessummaa caasessaa yoo jennu, qooddattoota adeemsa seenaa dheeraa keessa amala biyyummaatti  jijjiiramuun dhiibbaa bu’aa adeemsa kamiiyyuu hanga murteesutti deemu geessisuudha. Bakka caasessi akaakuu wayii amala ooltee-bultee ta’etti, bu’aan adeemsa baramaa tokkoo kan beekkamuudha. Jijiirama kan hin qabnedha.

Barbaachisummaa Warraaqsa Diinagdee

Hooggansi jijjiiramaa naannoo keenyaa, duraan dursee rakkoolee siyaas-dinagdee barootaaf kuufamaa turan adda fo’e. Ittaansee imaammataafi tarsiimoo, akkasumas, karoora raawwii misooma ariifataa, haqa qabeessaafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, qorannoo beektota hedduu hirmaachiseefi beekumsa qabatamaa lafarratti raawwatamuu danda’uun deeggaramee ifoomse.

Qooddattoota  kanneen irratti hundaa’uun galmoota akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti milkeesuu barbaadu tokko lama jechuun adda baasee tarreesse. Galmoonni kunneen galmoota amala walhumnessoo yoo ta’an, lakkoofsaan sadi: (1) dhaloota barnoota qulqullina qabuufi teeknoolojii hidhachiisuun dorgomaa taasisuu; (2) ummata dinagdeedhaan gahoomsuu; fi (3) sirna cimaa ummatummaa goonfate ijaarudha. Galmoota kanneen adda baasus, lafa caasessii sakaalee nama danqu jirutti, adeemsa dinagdee baramaadhaan akka fiixa hin baane hubachuun murteesaa ture. Kanaaf, milkaa’ina galmoota kanneenitiif warraaqsi dinagdee dhimma dirqamaa ta’ee kaa’ame.

Ittaansee, dinagdee hirkattummaafi rakkoo walxaxaa keessa jiru keessa dhaabbannee waraaqsa dinagdee dhugoomsuf qooddatoota barbaachisoo adda baasuun dirqama ture. Dabalataaniis, qooddattoonni adda bahan kanneen walhumneessoofi furguuga’aa  ta’uu qabu ture. Qooddatoonni kunneen afur yoo ta’an, isaanis kanneenidha.

1. Hudhaalee Qajeeltowwaniifi Hojimaata Birookiraasii Furuu

Labsiiwwan, too’annoowwan, hojmaatonni, imaammatoonnifi, tarsiimoowwan kallatiidhan dhaalle amala biyyummaa sakaalaa ta’e irraa kan maddaniidha. Amala hojmaata dhaabbilee biyyaa ta’aniiru. Dandeessisoo osoo hin taane, dadhabsiisodha. Heyyamoo osoo hin taane gufachiisoodha. Walsimoo osoo hin taane waldhahoodha. Dilbiifi dandeetti gochuu ummataa ilaalcha keessa kan galchanii miti. Walumaa galatti, heeyyamoo hin turre. Kanaafuu, warraaqsa dinagdee uumuu gafaa yaannu sakaallaa caasessaa akka kanaa keessaa kan fooyya’uu qabu fooyyessuu, kan jijiiramuu qabu jijjiiruu, kan diigamuu qabu diigudhaan ofduraa kaasuun dirqama keenya ture.

2. Hooggansa Barri Barbaadu Horachuu

Amalli baramaa hooggansa keenyaa gama isaatiin qajeeltowwaniifi hojmaata biirookiraasii kaafne irraa madda. Amala biyyummaa dhorkuuf dhaabbate irraa madda. Dhorkuu, walsakaaluu, dhibaa’ummaa, ofittummaa, jette jetteefi kkf’n bakka bu’a. Hooggansi hedduun maqaa dhumaaf  Kantibaa, Pirezidaantii, Bulchaa ykn. Manaajera jedhama malee duub-sammuu isaatti ‘Fiitaawuraarii, Giraazmaach, Qanyaazmaachi …” dha. Iddoo jiru kan taa’e, dhorkuudhaaf se’a. Waan tokko akkamitti akka hin taane himuun kaayyoo itti anga’e itti fakkaata. Haala dandeessisaa uumuu irratti dugda dhukuba. Hundaa ol, gaheen hooggansaa jette jettee hoogganuu itti fakkaata.

Amalli qabatamaa siyaas-dinagdee naannoo idil-addunyaa amma jiru garuu dinagdee hoogganu gaafata. Amaloota harkisoo dhaale kanneen keessaa bahee dandeessisaa ta’uu barbaada. Akka hooggansa siyaas-dinagdee dadhabaa akka naannoofi biyya keenyaa gaggeessutti sababa waan tokko itti hin milkoofne hedduu tarreesuu dandeenya. Rokkooleen milkaa’ina raawwii tokkoo danqan lakkoofsa hin qaban. Garuu ammoo  eenyutti iyyanna? Waan hiree ta’ee, iddoo jirru kan teenye, maraamartoo kana cabsuufi. Rakkoolee kumaafi kitila keessa kan teenye, akkamitti akka danda’amu yaaduufi; fala faluu, mala maluufi. Dandeessisuufi. Warraaqsi dinagdee amala gaggeessaa akka kanaan malee hin socho’u.

3. Dandeettii Sochiin Ummataa Uumu Fayyadamuu

Seektarri dhuunfaa naannnoofi (biyya) keenyaa, haala dinagdee baramaa keessattillee sochii hiika qabu taasisu kan danda’uu miti. Qabeenyi biyya kanaa harki hedduun mootummaadhaan kan qabamedha. Warraaqsi dinagdee galmoota gurguddoo sadan mootummaa naannoo keenyaa akka utubu kaayyeffanne ammoo seektara dhuunfaa malee kan milkaa’uu miti. Kanaaf fala kaa’uun dirqama ture.

Hooggansi keenya sadarkaan jiru, furmaata rakkoo kanaaf kaa’ame irratti hubannoo gahaa ta’e argatee socho’uu qaba. Carraan jiru, seektara dhuunfaa anniisaa warraaqsa dinagdee kayyeffannee ta’uu qabu aritidhaan umuudha. Gaaffiin ittaanu, ‘maalirraa uumna/akkamiin uumna? kan jedhudha. Seektara dhuunfaa dafee  nudhaqabuufi oomishaa ta’e uumuuf, xiyyeeffannoon keenya qotee bulaafi horsiisee bula qabnu ta’uu qaba. Raawwii kanaatiif ummata keenya daangaa hanga daangaatti sochoosuu qabna. Dhimmi qoteefi horsiisee bulaa dhimma baadiyaati. Gama tokkoon caasessa jaarraa hedduuf baadiyyaan keenya magaalotaan akka qorkamu murteesse cabsuu barbaada. Gama biraatiin, haawaasa baadiyaatiif haala bakkuma jirutti qabeenya horachuu dandeessisu uumudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hubannoo kanarraa ka’uun, sanada qorannoo ‘Cehumsa Baadiyyaa Oromiyaa’ (Oromia Rural Transformation) jedhu qopheesseera. Sanadoota beekumsa saayinsaawaafi gochaan dhugoomuu danda’an keessaa adda dureedha. Sanadichi toora qabiyyee  murteesummaa caasessaa baadiyyaan keenya magaalaan akka qorkamu cabsuu dandeessisiisan sagal (9) adda baaseera. Hooggansi keenya, toora qabiyyee kanneeniif xiyyeeffannoo kennee hubachuun irraa eegama. Isaaniis:

(1) teeknoolojii maddisiisuu,

(2) galteewwan (fkn, dhiheessii sanyii, xaa’oo, farra ilbiisaa/aramaa, …),

(3) tajaajila eksiteenshinii,

(4) gabeessuu (agro-ecology based commercialization),

(5) mekaanaayizeeshinii,

(6) hammatummaa faayinaansii baadiyaa (rural financial inclusion),

(7) kunuunsa qabeenya uummammaa

( 8)jallisiifi,

(9) dandeesistummaa dhaabbilee (institutional enablers)dha. Sanadni kun qabatamaatti  nu gargaaraa jira. Fkn, Tarkaanfiilee Haaraa (new initiatives) yeroo yeroodhaan seektaroota adda addaa keessatti hojiitti galchaa jirru eessumaayyuu hin finnu; sanada yabbuu (comprehensive) ta’e kanarraa qicanna.

Gara dhimma duraatti yoo deebinu, hawaasa keenya baadiyyaa, ‘business’ maatii irraa kaafnee sochoosudhaan, bakkuma jirutti qabeenya akka horatu taasisuu qabna. Bakka hariiroon magaalaa-baadiyyaa isa duraatiif oogutti, gaaffiin “namni dhuunfaa tokko baadiyyaa keessatti akkamiin qabeenya horata?’ jedhu ka’uun hin oolu. Milkaa’ina kanaaf, dilbii baadiyyaa jiru hubachuu, labsiiwwanifi too’annoowwan danqa jijiiramaa ta’an yookaa fooyyessuu/jijjiiruu yookaa haquu, hammattummaan faayinaansii baadiyyaa akka dabalu taasisuu, qabeenya baadiyyaatti horatamuuf ‘istaandaardii’ baasuu, qabeenya baadiyaatti ‘istaandaardii’ taa’en horatameef gatii sona qabeenyummaa kennuudhaan ittiin liqeeffachuu dandeessisuu, aadaa qusannoo, liqiifi invastimantii dagaagsuudha.

4. Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Hirkootti Guddisuu

Seektara dhuunfaa qoteefi horsiisee bulaa irraa uumuuf karoorfame hanga duursa fudhatutti Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa si’eessituu  ta’uun gargaaruu qabu. Garuu ammoo Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa naannoo (fi biyya) keenyaa dhaalle hirkatoota. Kaayyoo biraa kan utubanii mitii ofiifuu ofiin hin dhaabbatan. Mootummaan gama isaatiin sochii ce’umsa baadiyaa qabame milkeessuuf, maallaqa guddaa barbaada. Kanaaf falli jiru dhaabbilee kanneen cimsuudha. Cimsuu yoo jennu, dhaabbilee kanneen kasaaraa keessaa basuu qofa osoo hin taane, ofirra darbanii sochii ce’umsa baadiyyaa ‘faayinaansi’ akka godhan dandeessisuudha.

Gaaffii inni guddaan akkamiin hirkoo ta’uu danda’an kan jedhuudha? Ergama kana milkeessuuf kallattiiwwan afur kaa’amaniiru:

1. Dhaabbilee Haaraa Baay’isuu

Dhaabbilee kana baay’isuu irratti, “Share Company”, “Joint Venture”, “Public Private Partinership” fayyadamuu dandeenya. Bakka dilbii guddaan, hir’dhinni gabaa (market gap) bal’dhaafi fedhiin misoomuu olaanaan jiruufi seektarri dhuunfaa amma jiru dandeettii kana guutuu hin qabnetti lakkoofsa dhaabbilee kanneenii guddisuun ni danda’ama; dirqamas.

2. Dhaabbilee Qabnu Bu’aa Qabeessa (efficient) Taasisuu

Dhaabbileen kunneen imala bu’aa qabeessummaa jalqabuun dura itti fayyadama teeknooloojiifi ‘system’ irratti hojjechuu qabu.

Inni biroo gaggeessaa cimaa uumudha. Gaggeessaa cimaan, jijiirama, dinagdeefi ‘business’ hoogganuufi kalaqaan masakamuun rakkoo walxaxaa ibsituu dhaabilee kanneenii ta’an hambisuu kan danda’udha. Gaggeessaa cimaan walsimannaa hariiroo bal’dhaa (holistic approach) milkaa’ina kaayyoo waliigalaa humneesu kan eegu.

3. Walitti Qindeessuu

Dhaabbilee bittinnaa’an kanneen walitti qindeessuun “Investment portfolio” gurguddoo lamaa sadi uumnee ‘business” adeemsisuu qabna. Biiroon Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Oromiyaa amma jiru “holding” kun akka uummamuu mijeessee bittinaa’uu qaba.

4. Bu’aa Argamsiisuu

Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa waggaadhaa hanga waggaatti hirpha mootummaatiin lubbuu tursiifataa turan. Hojii jijiiramaa raawwanneen, bu’aan Biliyoonaan lakkaa’amu dhagahamaa jira. Haata’uutii, dhiibbaa eeyyentaa hiikaa qabu taasisuuf, yeroo gababaa keessatti bu’aa mana Tiriliyoonaa dhahatu argamsiisuu jalqabuu qaba.

‘Ooditii’ Deemsa Haganaa

Waggoota afran darban, gama hudhaalee qajeeltowwaniifi hojmaata biirookiraasii mootummaa danqa warraaqsa dinagdee ta’an furuutiin amma tokko tarkaanfanneera. Labsiiwwan qaraxa galtee qonnaa, qajeeltoo invastimentii, seera galii, too’annoo sochii daldalaafi kkf, (marii mootummaa Federaalaa waliin taasisneen) akka fooyya’an/ akka jijjiiraman gochuun danda’ameera. Hojmaata heeyyama daldalaafi sassaabbii galii fooyyesineerra. Haata’u malee, jijjiirama gama kanaan dhufuu qabu waliin walbira qabnee yoo ilaallu karaa dheeratu nu hafa.

Hooggansi keenya, yaad-rimeefi hooggansa dinagdee amma tokko hubachaa dhufaa jira. Dilbii dhokataa ilaaluu jalqabaa jira. Dhimma maaliif idoo sana akka taa’e ofgaafachuutti seenaa jira. Barbaachisummaa kalaqaa, amala baraa, ogummaafi beekumsaa fudhachaa jira. Kana yoo jennu, ammallee ofitummaan, hanni, dhibaa’ummaan, inaaffaan, aantummaa ummataa dhabuun amaloota hooggansa keenya ibsan ta’uu dagachuu hin qabnu. Ni jalqabne malee hin qaarine; hedduutu nu hafa.

Ummata sochoosuu jalqabameera. Dandeettiin gochuu ummataa raajii akka ta’e hubatamaa jira. Qotee/horsiisee bultoota kumaatamaan lakkawaman gara invastimentiitti ceesisneerra. Leenjii bulchiinsa piroojektiifi invastimantii itti fufiinsa qabu kennaa jirra. Garuu, ummataawummaa tarsiimoo, imaammata, piroojektootaa, tarkaanfiilee addaa akkasumas raawwii isaanitiin yoo safarre ammas jalqabarra jiraachuu liphii ijaatiif dagachuu hin qabnu.

Waggoota lama dura, bu’aa dhaabbilee misoomaa irraa argamu dhagahuun waan barame hin turre. Amma waa’ee bu’aa haasa’uu jalqabneerra. Gahee ce’umsa baadiyaa Oromiyaa qabameefi seektara dhuunfaa qoteefi horsiisee bulaa giddugaleeffate keessatti bahuu qabuun yoo madaalame garuu, homaa hin tarkaaffanne jechuu dandeenya. Gaggeessan dhaabbilee kanneeniis, jijiirama qabatamaa fideefi fidaa jiruun qofa kan madaalamu ta’a. Gaggeessummaa dhaabbilee misoomaa gahee isaanii kename waliin deemu goonfachuun dirqama bara kanaati. Lakkoofsa dhaabbilee misoomaa 34 amma qabnu dhibbaatamaan ol guddisuun qabna.

Walumaa galatti, hooggansi sadarkaan jiru waa tokko hubatee socho’uu qaba. Milkaa’inni galmoota sadan akka mootummaatti qabannee jirru, baadiyyaa gidduu gala jijiiramaa taasisuu irratti kan hirkatedha. Kanaaf ammoo qoddatoota murteesummaa caasessaa cabsan adda baasanii irratti hojjechuun dirqama. Ummanni Oromoo waggoota hedduuf biyya sirna isaafis ta’ee ummata obbolaatiif mijataa ta’e ijaaruuf qabsoo aarsaa guddaa kanfalchiise booda injifannoo syaasaa goonfateera. Qabsoon hooggansa Oromoo har’aa ammoo, injifannoo gama siyaasatiin argame kana gara beekumsaafi/teeknoolojii, dinagdeefi sirna cimaadhaan lafa qabsiisudha.

Ergamni hooggansa keenyaa ‘murteessummaa caasessaa’ moo’achuun badhaadhina milkeessuudha! Jedhaniiru,pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa barreeffama dheeraa dhimma warraaqsa diinagdee irratti xiyyeeffachuudhaan Fulbaana 3 bara 2016 karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin baasaniin.

Post a Comment

0 Comments