Finfinnee #Ethiopia Onkololeessa 08/2016(YMN) Hooggantoonni
biyyaalee lixaa torban kana didichanii gara Teel-Aviivitti qajeelan.Nuti ammoo
waan kana taajjabbiidhaan ilaalle.Edaa akkana dubbiin jenne.Waan ofii yoo ta’u
hunduu waliif birmata.Loogdummaa Israa’eliif qabaniin akkaataa kanaan akka
dhabuusaanii taajjabne.
Dura gara naannichaatti kan qajeelan ministira dhimma alaa
Ameerikaa Antoonii Biliinkan ta’uusaanii agarre.Itti aanee pirezidaantichatu
dhaqe.Joo Baayidan Israa’eel erga dhaqanii booda ammoo muummichi ministiraa
Biriitaaniyaa Riishii Suunaak magaalaa
Teel-Aviiv galuusaanii dhageenye.
Waan gaarii,falaaf yoo ta’e daansaadha.Garuu
hinfakkaatu.Filisxeemootaaf yaaduudhaan quuqamaan akkana ta’an jechuun waan
danda’amu miti.Gareen Hamaas Israa’eel irratti miidhaa geesseseera sababa
jedhuun waraanni Israa’eeliifi garee Filisxeem jidduutti tibbana jalqabame
jarreen kun didichanii garasitti qajeelanis hindhaabbanne finiinuudhaan itti
fufeetuma jira.Qondaaltoonni kun waldhabdee mudatetti fala hinargamsisan taanaan,miidhaan
lubbuu namaafi qabeenyarra gahaa jiru hindhaabbatu taanaan imalliifi
ariifannaan isaanii gatii hinqabu,bilaashadha.
Amma miidhaan Israa’eel Magaalaa Gaazaa irratti geessifte ol’aanaa
akka ta’e miidiyaa isaaniitiin irra deddeebidhaan gabaasaa jiru.Miidiyaawwan
isaanii waan goftoliin isaanii jedhan irratti wanti nutti himan tokkollee
hinjiru.Yoo himanis irra dibaan bira darbu.Har’a ganama BBC’n akkana jechuun
gabaasaa ture.”Muummichi ministiraa Biriitaaniyaa Riishii Suunaak daawwannaa
guyyoota lamaatiif Teel-Aviiv galaniiru”jedheWaan biraas dabalee nutti hima
jennee eegnus homtuu hinjiru..Amma dhuguma wanti kun daawwannaafi?Jennee yoo
gaafanne akkasumas jarri kun naannawa bahaa jiddu galeessaa kana unkuruudhaaf
shira xaxaa jiru jechuun yoo shakkine eenyutu nudhorkaa?Itti aansuudhaan ammoo
isaan kam dirree waraanaa taasisuu akka barbaadan kan ilaallu ta’a.
0 Comments