Badhaasni ‘Ogbarruu Gaaddisaa’ boru kennama




Finfinnee #Ethiopia Onkololeessa 17/2016(YMN) Badhaasni “Ogbarruu Gaaddisaa” (Gadisa Award) Dilbata boruu Onkololeessa 18/2016 akka gaggeeffamu Waldaan Barreessitoota Oromiyaa beeksiseera.
Sirnicharratti Kitaabota Ogbarruu bara 2014 maxxanfaman keessaa, kitaabni filatamaa ta’e ni badhaafama jedhameera.
Kana malees,Og-barreessitoota Afaan Oromoo dhiibbaa uuman 12’f beekkamtiin kan kennamu ta’uun himameera.
Barreessaa Oromoo tokkoof badhaasni “Galma Umrii Guutuu” akkasumas Gaazexeessitoota dhimma Ogbarruu Afaan Oromoo irratti ciminaan hojjetan sadiif beekkamtiin kan kennamu ta’uu odeeffannoon waldicharraa argame mul’iseera.

Post a Comment

0 Comments