Finfinnee #Ethiopia Fulbaana 26/2016(YMN) Irreechi Hora Finfinnee kaleessa jala bultii irraa eegalee Magaalaa Finfinneetti sirnoota miidhagaa ta'aniin kabajamaa jira.Ganama kana Abbootiin Gadaafi Hadholiin Siinqee erga dursanii booda sirni irreeffannaa naamusa ol'aanaadhaan raawwatamaa jira.
Sirnicha irratti bakka bu'oonni sabaafi sab-lammoota hedduu argamaniiru.Keessumattuu naannolee kibbaa irraa bakka bu'oota sabaafi sab-lammoota danuutu argame.
Dhimma ayyaanichaa irratti mirsaanii calaqqisiisaniiru.Irreechi kan Oromoo qofa utuu hintaane kan keenyasi jedhaniiru.Gara iddoo irreeffannaatti halkan sa'aatii 9 irraa eegaluudhaan imalaa akka turan himan.Irreechi kan Itiyoophiyaa qofa utuu hintaane kan ardii Afrikaa akka ta'es himan.Bakka bu'oota hawaasa Keeniyaa dabalatee kan biyyaalee Afrikaa kanneen biroo bakka bu'anis Irreecha bara 2016 irratti akka argaman beekameera.
Sirni irreeffannaa barraaqa irra Doloolloo Biddeenaatti jalqabame hanga waareetti itti fufuudhaan waaree booda ammoo Irreecha Hora Arsadii boru Bishooftuutti kabajamuuf imalli garasumatti taasifama.
0 Comments