Uummanni
Oromoo uummata nagaa jaalatu; obbolummaaf bakka kennuufi aadaan isaas duudhaa
nagaa leellisuun kan guutamedha.
Ayyaanni
Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti karaa duudhaa, safuufi safeeffannaa
isaa eegeen nagaan kabajamee xumuramuun isaas dhugaa kana mirkaneessee jira.
Abbaa
ayyaanichaa kan taataniifi sirnicha eegdanii har'aan kan geessan kabajamaan
uummata Oromoo uffata aadaan faayamtanii ayyaanichatti miidhagina addaa dabaluu
bira dabartanii nuti warra aadaafi duudhaa gaarii qabu, nagaa jaalatuufi
hammachuu beeku ta'uu keenya mirkaneessitanii jirtu.
Irreechi
keenya akkuma duudhaa isaa nagaa kan tiksu, araara kan cimsuufi obbolummaa kan
jabeessu ta'uu sirna kabajaa Ayyaana Irreechaa Hora Arsadeetti kabajame
irrattis irra deebiin mirkaneessuun qaamota kufaatii keenya eegganitti qaanii,
warra gammachuu keenya nu waliin qooddatanitti ammoo kabaja waan hortaniif
galatoomaa jechuun barbaada.
Tokkummaan
jiraannaan waan hunda gochuu akka dandeenyu; Irreechi dhugumaan irree keenya
ta'uus nuuf mirkaneessee jira.
Kanaafuu,
Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwan, Qeerroofi Qarreen,
hooggansiifi caasaan Mootummaa Naannoo keenyaa sadarkaa jirtan, caasaaleen
nageenyaa naannoo Oromiyaafi federaalaa, waliigala uummanni Oromoo hundi guyyaa
jala bultii irraa kaastanii hanga xumuraatti Ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbii
qabuun akkasumas hirmaattoonni ayyaanichaa rakkoo tokko malee nagaan ba'anii
akka galan waan gootaniif galanni koo guddaadha.
Sabaaf
sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa akkasumas keessummoonni Idil
Addunyaa sirna keenya nu waliin hirmaachuun kabaja, jaalalaafi obbolummaa nuuf
qabdan waan nutti agarsiiftaniif guddaa galatoomaa jechuun fedha.
Jiraattonni
Magaalaa Bishooftuu keessummoota kabaja Ayyaanichaatiif gara Magaalaa keessanii
dhufan fuula ifaafi miira obbolummaan guutameen simannaa taasisuun waan nu
boonsitaniif galatatu isiniif mala.
Miidiyaaleen
biyya keessaafi biyya alaa Afaanota garaagaraatiin Ogummaa keessaniif
amanamtanii Ayyaanni Irreechaa mallattoo araaraafi nagaa, faajjii tokkummaafi
obbolummaa ta'uu isaa ijaafi gurra Addunyaan waan geessaaniif galatoomaa.
Dhumarratti
barri 2016 bara Araaraa, dhiifamaa, tokkummaan Oromoo itti itituufi
sabdaneessummaan keenya daran itti dagaagu nuuf haa ta'u jechaa barichi bara
Oromoon wal dhaggeeffatee garaagarummaa ilaalchaa jiru mariifi marabbaadhaan
furachuun nageenya waaressee misooma saffisisuuf xiiqiin hojjetu akka ta'uuf
waamicha koo isiniif dhiyeessa.
Ayyaana
gaarii!
Oromiyaa
ni ijaarra!
Itoophiyaa
ni utubna!
Gaanfa
Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos
nu gargaara!
Shimallis
Abdiisaa,
Pirezidaantii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana
27/2016
Finfinnee
0 Comments