Ummata dilbii!biyya balbala galaanaa hinqabne Itiyoophiyaa!

 


Finfinnee #Ethiopia Onkololeessa 03/2016(YMN) Gara boodaatti deebi’uun hinjiru.Imalli keenya gara fuulduratti qofa.Haalli seenaa qabeessi Itiyoophiyaan balbala galaanaa akka dhabdu ittiin taasifame sirritti beekama.Amma godaannisa hooquun faayidaan nuuf fidu hinjiru.Gaabbiin gatii hinqabukaa!

Qaama Itiyoophiyaa kan turte Eertiraan waggoota soddomaan dura biyya birmaduu ta’uu dandeessee jirt.Birmadummaan Eertiraa kan Itiyoophiyaa hincaalu,birmadummaa Itiyoophiyaatii gadis miti.Walqixadha.Walcaalmaa hinqabu.Dhimma kana irratti kanneen hanqina ilaalchaa qaban dogongora isaanii sirreeffachuu qabu.

Yookan ammoo akkuma barame kanneen dhugaa jiru waakkachuudhaan socho’an baandaawwan biyyasaanii ganuudhaan beekaman waan ta’aniif waa’ee isaanii dhiisuu wayya,yerootu deebii guutuu kennaafi.Itiyoophiyaan ammaa biyya dhiyoos ta’e fagoo jiru kamiyyuu wajjin waraana suukaneessaa keessa seenuu hinbarbaaddu.Itiyoophiyaan duursitee dhaquudhaan eenuyyuu hintuqxu,uumamnishee hinhayyamuufi.Kana jechuun qaama faayidaasheefi birmadummaa isheetti dhufe calliftee ilaalti jechuu miti.Yoo nutuqan akkam akka taanu beekna.Yoo dursuudhaan nutuqan akka kanniisa gaagurri jalaa tuqamee ta’uudhaan akka kaanu beekamaadha.Bookeen kanniisa marsuu hindandeessu.Yoo marsites kanniifni akkam akka godhuun nibeekama.

Hooggantoonni Itiyoophiyaa durii Eertiraa wajjin akka walwaraannu taasisuun lammiiwwan keenya miliyoonaan lakkaa’amu waraana kaayyoofi galma hinqabneen dhiignisaanii dhangala’ee hurufa gammoojjii Eertiraa keessatti hafan.Hooggantoonni sun sababa hanqina beekumsaafi hubannoo dadhabaadhaan akkasumas adeemsa dogongoraa hordofaniin miidhamin himamee hindhumne numudate.Kana yaadachuun akaakileefi abaabilee keenya darban komachuuf miti!

Keessumattuu bara bulchiinsa sirna darguu koloneel Mangistuu Hayilamaariyaamiin hoogganameetti Dargaggeessa qeerroo meeqatu humnaan geeffamuudhaan gammoojjii Eertiraa keessatti hafe?Yeroo bulchiinsa ADWUI’ttis lafa cittuuf jecha dargaggoota kumaatama meeqatu dhumee nujalaa hafee?Diinagdeen nujalaa barbadaa’ehoo hammami?safartuu qabaa laata?Asuma dhiyoo kana sababa quufa qondaaltoota waayyaanneetiin waraana suukaneessaadhaan lammiiwwan keenya meeqatu dhume?Barbadaa’umsiifi manca’iinsi mudate kasaaraan ijaan mul’atu lammiiwwan Itiyoophiyaa biyyasaanii jaallatan hunda keessasaanii bobeessuun xiiqii keessa kan galchudha.

Itiyoophiyaan amma hooggansa haqa kana ga’uumsaan hubachuu danda’u qabdi.Mootummaa maal nadhibeedhaan lapheesaa dhiitessee ummata bal’aa waraanaa suukaneessaatti oofu hinqabnu.Humnoonni waraanatti akka galluuf dhiibbaa taasisan garuu gamaa-gamana jiru.Kun beekamaadha.Garuu hinmilkaa’uufi.Qaama ana malee jechuun humnasaa abdatee nutti dhufu akkaataa ofirraa ittiin qolannu nutuu beekna.

Amma,tibbana maaltu jedhamaa jiraa?quba qabnaa laata?Daldaaltoonni siyaasaa nama burjaajessuun beekaman waan dhokachuudhaan jechaa jiran hubachuun barbaachisaadha.Mootummaan Itiyoophiyaa balballi galaanaa nubarbaachisa,balbala galaanaa malee jiraachuu hindandeenyu jechuun dhugaa qabatamaan jiru yeroo himutti dhiyoos ta’e fagoo irraa kan odeeffammaa jiruufi ololli afarfamaa jiru maalidha?Lammiin Itiyoophiyaa biyyasaa jaallatuufi yaadu kamiyyuu dhimma kana xiinxaluudhaan haalaan hubachuufi qalbeeffachuutu irraa eegama!

Ta’uu baannaan gamini,coleewwan daldaaltoonni siyaasaa taa’anii ifaajii xiqqoodhaan bu’aa hammaarrachuu baran kasaaraa isaan mudate keessaa ba’uuf,dandamachuuf carraa amma uumametti fayyadamuuf socho’uun isaanii waan hinoolledha.

Waan kana dursuudhaanuu jalbaniiru bar!’Mootummaan Itiyoophiyaa kallattii paartii badhaadhinaatiin hoogganamaa jiru yeroo kanatti dhimma balbala galaanaa qabatee kan gadi ba’e,ajandaa biyyaa,dhimma wayitaawaa jiru jijjiirsisuufidha,jedhameera.Humni Eeriraa irratti haaloo ba’uu barbaadusItiyoophiyaan Eertiraa waraanuufi,jechuun of amansiisee keessasaatti gammachuudhaan fishiliqeera.Sababa waraanaatiin bu’aan hammaarratu guddaa waan ta’eef gammade!Amma sababa dhimma balbala galaanaatiin gabaan siyaasaa ho’eera.Kan isaan irraa bitatu eenyu laata?adeemsa keessa ifa ba’aa,qulqullaa’aa deema.

Hundumaafuu amma mootummaan keenya gaaffiin balbala galaanaa nuti qabnu karaa nagaa qofaan deebii argata jedheera.Ejjennoo sirriidha.Deeggaramuu qaba!Lammiin irra jiraan dhugaa kana nihubata,maaltu jedhamaa akka jiru sirritti beeka.Booressaafi burjaajessaan muraasadha, muraasa odeessuu qofa danda’u kana irraa of eeguun of baraaruun barbaachisaadha.

Itiyoophiyaan balballa galaanaa argachuuf humna horadheera jechuun onnannaan humna kamtu hindandeessu jechuun dura dhaabbataa?Yeroon itti aannu rakkisaa akka hintaaneef dhaloota haarawa jireenyi gadadoo akka hinmudanneef ammuma irraa eegallee hojjechuu qabna jechuun ejjennoo mootummaan Itiyoophiyaa ifoomse ummanni irra jiraan nideeggara,hojiirra oolamasaatiifis nisocho’a,dhugaan gammachiisaan isa kanadha.

Seerawwan idil addunyaa xiinxaluun,akkaataa qubatiinsa ummataa bu’ureeffachuun,akkasumas qabeenya lageenii qabnutti fayyadamuuniifi sadarkaa guddina diinagdee amma dhaqqabnetti fayyadamuun yeroon balbala galaanaa itti qabaannu nujalaa hinfagaatiin,saffisaan haadhufu!

Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad turtii miseensoota mana marii bakka bu’oota ummataa waliin taasisaniin ibsi dhimmicha irratti kennan gabbataadha!faayidaa guddaa qaba.Egaa yaadi mootummaa amma ummata bal’aa bira ga’eera.ergaa guutuu qabu haalaan hubachuun barbaachisaadha.

Akka himametti filmaanni jiru baay’eedha.Haalli tokkicha qofa irratti cichinee ittiin hafnu hinjiru.Yaada haarawa mootummaa Ityoophiyaa kana fudhachuudhaan biyyaaleen ollaa ammuma irraa eegaluudhaan dorgommii keessa waan seenuu danda’an natti fakkaata.Murteen deebii kan Itiyoophiyaati.Isa kam wayya?waarawaanhoo kami? Haara-galfiin dhalootaa isa kamiin argama?murteen qabatamaan harka Itiyoophiyaa keessa jira.Dhugaan qabatamaan kanadha!

Akkaataa yaada,dhimmicha irratti haamari’annuu muummichi dhiyeessaniin ammaan booda mariin ilaafi ilaamee bal’aan nifiniina jedhamee eegama.Qaamoleen dhimmi ilaallatuun hundi nisocho’u,hayyoonni nidubbatu.Sagalaa beektoota seenaa dhaga’uuf jirra.Filmaanni jiru hundi nidhiyaata.Mariin hayyootaa walta’uumsa uuma,Dammaqiinsi siyaasaafi humi gahaan niuumama.Seenessii galaan diimaa irraa adda nubaases ilaalamee sirraa’a.Akka biyyaatti balbala galaanaatti abbaa akka taanuuf yeroon nujalaa hinfagaatin!Waan dubbiftaniif ulfaadhaa!Fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments