Finfinnee #Ethiopia
Waxabajjii 28/2016 (YMN) Akka biyyaatti dameen daldalaa dhukkubsatee jira.Kunis
tuttureera.Daldalli akka dhukkubsate namuu ni beeka.
Daldalaan ofiif
qofa yaada jennee komachuun maqaa itti baafne, amala keenya kana hubatee
sirriitti beeka,kan birrii shantamaa birrii dhibba,kan kuma tokkoo kuma lamatti
yoo gurgure eenyutu mormuu danda'a?kan gaafatuhoo jiraa?
Dubbii keenya
irratti, waan kana akkumakoo hubattaniittuu?taajjabdanii laata?Biyya keenya
keessatti gatiin oomisha tokkoo yeroo tokkotti ol kaafame ykn. dabale yoo ta'e,
gara fuulduraatti daballiifi caalmaan oomisha yeroo booda yoo dhufellee haalli bakka gatii gurgurtaa
duraan turetti itti deebi'uu danda'u ykn. gatii wal madaaluun gurguramuufi
daldaalamuu danda'u hinjiru.Dhugaa dubbachuuf gonkumaa hin jiru.Maaliif? jennee
gaafachuu qabna!Sirni gabaa bilisaa kana fakkaataayii? Akkanaayii?Daldalaan
akkas jedha,’gabaa bilisaa waan ta'eef gatiin barbaadeen gurguruuf mirgan qaba’
Hundaafuu faalla’uu
sochii daldalaa biyya keenyaa kanaaf sababni guddaan maalidha jettu? Kabajamoo
Muummichi Ministeeraa keenya dhimma qaala’iinsa gatii irratti darbee darbee
haala addunyaa irratti waan nutti himan irraa kan hafe, qaamni damee daldalaa
deebii kallattiifi qabatamaa nuuf kennuu danda’u jiraa laataa?Rakkoon qaama
mootummaa damee daldalaa jira.Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa
jedhamu sun lubbuun jiraayii?mee haagafannu maalif callifna?
Dubbataa rakkootu
mudata,kanaaf hindubbatin callisi!, jedhanii nu barsiisanii akkaataa kanaan
guddannee rakkina keessa jirra!Dhaabbanni mootummaa ani armaan olitti kaasefi
caasaan isa jala jiru maaliifi eenyuuf akka hojjetan waan beekan hin fakkaatan.
Qondaaltonnifi
mootummaan ummatakoo tajaajilu jedhee itti amanee muude,gocha maal nadhibeetiin
mootummaan akka komatamu taasisaa utuu jiranuu maalif callifama?
Namoonni damee
daldalaa hoogganan sun akka waraanaatti miidiyaa sodaatu jedhan.Maalif sodaatuu?Gaaffiifi
komii ummataaf deebii akka kennan yeroo gaafataman,akka didan
beekameera,haallisaanii hubatameera.
Hundaafuu mee
asirratti isn maal jettu?qaamni mootummaa hojjeteefi waan hojjetetti amanu
onnatee dubbata,hojii hojjete ija jabinaan dubbatee ummataaf ibsuu irraa
duubatti hin deebi'u.
Dhukkubni sirna
daldalaa hooggansa damichaa irraa eegala, bu'aan isaas madda komii ummataa
ta'uu isaati.
Sababa jijjiirama
gatii idil-addunyaa irraa kan ka’e gatiin oomishaalee boba’aa jijjiiramuu
danda’a,Tole haata’u gatiin oomishaaleefi meeshaalee biyya keessatti
oomishamaniifi hawaasni harki caalaan itti fayyadamuhoo, sababa maaltiin oolee
bulee gatiin isaanii akka malee dabalaa deemaa?Dhugumatti akkaataa fedhii
daldalaafi faddaaltotaatti yeroo yeroon dabalaa deemaa jira.
Sochiin damee
daldalaa bakka lammiileen itti saamaman, oomishtoonni gatii humna isaanii itti
hin arganne,dhuunfoonni karaa neetworkii baraniin kan itti fayyadamaniifi ittiin
kabajaman ta’eera.Kun dhukkuba guddaadha.Dameen daldalaa akka malee dhukkubsate
kun dawaa argatee akka fayyu hawwina.
0 Comments