'Maal Haabaasuuf Dhama Raasuu?'




Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 11/2016(YMN) Kan yaadame hintaane,kan hawwame hinmilkoofne.Ummanni bal'aan Oromoo hawwii ol'aanaadhaan eegaa ture.Kan diddaa bare ammas dideera..Nama gaddisiisa.Shaneen tole hinjenne,karaa nagaas filachuu hinfeene.
Kun waan ummata fayyadu miti.Kan bu'aa irraa argachuu danda'u dhuunfoota qofaadha.Humni ummatasaatiif yaaduu danda'u mala kamiyyuu fayyadamuudhaan daandii nagaa filata ture.Hintaane!
Mariin nagaa mootummaa Itiyoophiyaafi garee shanee shoroorkeessituu jidduutti Taanzaaniyaa Daaree Salaamitti torbana lamaaf gaggeeffamaa ture bu'aa malee xumurameera.
Taajaajilli komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa ibsa galgala kana baaseen mariin nagaa bu'aa malee akka goolabame mirkaneesseera.'Maal haabaasuuf dhama raasuu?' jennee mammaaksa Oromootiin gaafachuudhaan ammaaf waan kana callisumaan dhiifna, yeroo biroo babal'ifnee itti deebinee sirritti balballoomsina.

Post a Comment

0 Comments