Omisha ga'e walitti qabuuf haatumsinu!




Finfinnee #Ethiopia Onko 22/2016(YMN) Ejensiin meetirooloojii Itiyoophiyaa akka himaa jirutti roobni waqtiisaa hineegne miidhaan ga'e miidhuu danda'a.Roobni yeroo malee roobu kun ammoo miidhaan ga'e mancaasuudhaan omishitummaan akka hir'atu taasisuu danada'a.

Kanaaf midhaan ga'e saffisaan walitti qabuun barbaachisaadha.Midhaan ga'ee ooyiruurra jiru qonnaan bulaan qofaasaatti walitti qabuu hindanda'u.Tumsuun barbaachisaadha.Midhaan kombaayinaaraan walitti qabamu kombaayinaraan akka walitti qabamuuf abbootiin qabeenyaa tumsa ol'aanaa taasisuu danda'u waan ta'eef tumsuutu irraa eegama.Hawaasa fayyadanii ofiifis fayyadamuudhaaf hojjechuu qabu.

Qaamoleen hawaasaa gara garaas qonnaan bultootaaf deeggarsa taasisuudhaan hojii mala aadaatiin omisha walitti qabuu irratti hirmaachuutu irraa eegama.Qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatu ammoo kana qindeessuufi sochoosuuf hojjechuutu irraa eegama.Haala kanaan hojjechuun yoo danda'ame omisha midhaanii manca'ina irraa baraaruun nidanda'ama. 

Post a Comment

0 Comments