Ergaa baga geessanii looreetii nagaa kabajamaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dabarsan




Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 28/2016(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadi guyyaa saboota, sab-lammoota Itiyoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Muummichi ministiraa baga ayyaana Itiyoophiyummaatiin isin gahe jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Guyyaan saboota,sab-lammootaafi uummattootaa Itoophiyaa yeroo 18ffaaf yaada ijoo "Sab-daneessumaafi walqixxummaa tokkummaa biyyaaf" jedhuun magaalaa guddoo Somaalee, Jigjigaatti kabajamaa jira.

Akkuma yaadnisaa ijoon agarsiisutti ayyaanni kun ayyaana Itoophiyummaati.

Itiyoophiyummaa jechuun eenyummaa biyyaalessaa tokkummaa sab-daneessummaa irratti hundaa'e giddugala godhate waan ta'eef.

Itoophiyummaan gam-tokkoon danummaa sabaafi sab-lammootaa kan fudhatu; gama biraatiin ammoo tokkummaa cimaa danummaa kana waltaasisee qabeefi baroota keessa darbee dhufetu jira jedhee kan amanudha.

Ayyaanni kun seenessa biyyaalessummaa tokkummaa sab-daneessummaa irratti hundaa'e kan itti ijaarru akka ta'en amana.

Biyyaalessummaan,seenessa qeenxee biyya qoqqooduufi dadhabsiisuuf tolfame keessaa daandii iittiin baanudha.

Seenaa siyaasaa keenyarra seenaa hawaasummaa keenya guddisnee mul'suudhaan, kaleessarra carraawwaniifi hojiiwwan keenya har'aafi borii irratti hundoofnee,seenessa hundarra caalu kan hawaasa siyaasaafi diinagdee tokkoo sirna heera mootummaarra dhaabbate hundeessuuf kan dandeessisudha.

Ka'uumsiifi abbaan seenessa biyyaalessaa sabaafi sablammootadha.

Yaadnisaa sabaafi sablammoonni Itoophiyaa gidiraafi qorumsi utuu addaan isaan hin baasiin carraa waloo egereesaaniif jecha aarsaa tokkummaadhaan kaffalan cimsuu kaayyeffatee kan ka'edha.

Uummanni Itoophiyaa hin ijaarre,kan Itoophiyaaf gatii hinbaafne hin jiru.

Sabaafi sablammoonni hundi Itoophiyaa ijaaraniifi gatii ittibaasan keessa haqummaa, walqixxummaafi bilisummaadhaan jiraachuufis mirga qabu. Itoophiyaa kadhaarraa baraaruufi bu'ura badhaadhinaa kaa'uufis dirqama qabu.

Seenessi biyyaalessummaa seenessa walittiqabaa danummaafi tokkummaa giddugala godhatedha.

Itiyoophiyummaa baraan jiraatuufi hundumaa walittiqabu ijaaruu kan dandeenyu karaa seenessa biyyaalessaatiinidha.

Wayita ayyaanicha kabajnu yaada garaa akkasiitiin kabajna jedheen amana. Naannoon Somaalee ayyanicha qopheesse galateeffatamuu qaba.

Ayyaana gaarii haa ta'u!

Itiyoophiyaan carraaqqii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haa jiraattu!!

Uumaan Itoophiyaafi uummatashee haa eebbisu!

Sadaasa 28/ 2016

Post a Comment

0 Comments