Finfinnee Muddee 05/2016(YMN)Mootummaan Itiyoophiyaa amma
Badhaadhinaan hoogganamaa jiru obsi humnoota seeraan ala socho'aniif mul'ise
akka malee bal'atee kan turedha.Utuu obsii mootummaa daangaa dhabuu baatee
haalli amma qabatamaan mul'achaa jiru uumamuu hindanda'u.
Mootummaan keenya bilisummaa daangaa hinqabne
kenne.Kanaafis sababa qaba.Kan
ukkaamamee ture hundi qlleensa gaarii akka argatuuf karra bane.Mootummaan Demokraasiin
akka babal'atuuf dagaagaa akka deemuuf jedhee balbala bal’aa waan baneef
dararame.Mootummaan keenya ofis dararee ummanni bal'aanis akka dararamu
taasise.Dhugaan kun waan fuulleetti mul'atudha.Dhokachuufi dhokfamuu
hindanda'u.Waakkachuunis waan danda'amu miti.Hunduu kana sirritti nibeeka.
Keessumattuu mootummaan kallattii Badhaadhinaatin hoogganamaa
jiru rakkooleen hedduun akka jiran waan beekuuf akkaataa rakkooleen fala ittiin
argatan erga mijeessee tureera.Haala mijaawaa uumeera.Kan darbe dhiifamaan bira
darbuudhaan Dhiifama,Nagaafi Jaalalli bu’ura bal’aa akka qabaataniif
carraaqeera.
Yaadama ida’amuu fiduudhaanis hundumtuu ida’amee biyya takkittii
qabnu Itiyoophiyaadhaaf akka hojjetuuf mootummaan kallattii sirrii kaa’eera.Kallattiin
sirriin kaa’ame kun garuu humnoota gara garaa muraasa biratti fudhatama utuu
hinargatin tureera.Humnoonni kallattii mootummaa Itiyoophiyaatiin kaa’ame hinfudhannu
jedhan jalqabuma irraa eegalee kan didan kanneen faayidaan isaanii jalaa tuqame
akka ta’an nibeekama.
Humni dhufiinsa Badhaadhinaa dura biyya bulchaa ture yaadama ida’amuu
fudhachuu kan dide maalif akka ta’e beekamaadha.Durumaanuu kan ani jedhe malee
ta’uu hinqabu jechuun kan beekamu humni of-tuulaan taayitaa mi’eeffate kan qabsoo
ummataatiin irraa fonqolfamuu utuu beekuu taayitaa hunda qoqqoodee bulchuutti
waan deebi’uu danda’u itti fakkaatee akka malee wixiffate.
Waan hundaan keessumattuu qabeenyi biyyaa damee loltummaatiin
Itiyoophiyaan waggoota hedduuf carraaqxee horatte harkasaa keessa akka jiru
waan beekuuf qophaa’ee waraana bane.
Caasaa raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa dhawaataan akka
happise waan beekuufis homtuu hindhufu jedhee tuffii bareen qophii gahaa
taasisuun ajaja kaabaa irratti miidhaa geessisuudhaan gara taayitaatti deebi’uuf
carraaqe.Humni amma bututee botoroo ta’ee taa’uuf dirqame haalli dura irratti
ittiin ka’e yaaddessaafi suukaneessaa waan tureef ummattoonni Itiyoophiyaa
kutannoodhaan ka’uudhaan qolachuudhaan ofirraa adabachiisan
Bu’aan kun akka galmeeffamuufis hooggansi jijjiiramaa
kutannoodhaan hojjeteera.Dhuma irrattis Nagaa wayya,waan hunda karaa naagaatiin
fixuutu filatama jechuun gara marii nagaa Piriitooriyaatti deemamuun
waliigalteen nagaa Piriitooriyaafi Keeniyaa Naayiroobii mallatteeffameera.Amma
akka barbaadameefi eegametti ta’uu baatus waliigalteen Nagaa Piriitooriyaa
hojiirra oolaa jira.
Waliigalticha booda waan ta’aa jiru ilaalunis
barbaachisaadha.Gareen shororkeessaafi finxaalessaan durumaanuu wayyaanee
wajjin waliigaltee qabu Shaneen waliigalteen nagaa Piriitooriyaa erga
mallatteeffamee booda sochii Oromiyaa keessatti taasisaa ture finiinsuudhaan
ummanni Oromoo akka dararamu taasise.
Gochi suukaneessaan shaneen ummata irraan ga’e suukaneessaafi
sochiin diinagdee akka gufatus kan taasisedha.Ummanni manaa ba’ee galuu akka
dadhabu taasiseera.Shiftnaan maqaa Shanee da’eeffattes iddoowwan adda addaatti
gocha saamichaatti bobba’uudhaan waanuma shaneen ummata irratti raawwate
raawwachaa turte.
Mootummaan Itiyoophiyaa nagaafi tasgabbii ummataa eegsisuufi
kabajisiisuuf dirqama waan qabuuf tarkaanfii yeroo adda addaatti fudhateen
shororkeessitootaafi hattoota irratti tarkaanfii duuba deebii hinqabne
fudhateera.Kanaanis humni shaneefi saamtootaa akka dadhabe beekamaadha.Shororkeessitoonni
tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa isaan irratti fudhate dandamachuu waan dadhabaniif
badii ofiif raawwatan waakkachuun mootummaa Badhaadhinaan hoogganamaa jirtutu
ummata miidhe jechuun yeroo adda addaatti ololaniiru.Ibsa kaleessa ba’eenis
waanuma barametu dabalame,wanti haarawaan hinjiru.
Finxaaleeyyiin gamaa-gamanaa qindaa’uudhaan socho’an mootummaa
Itiyoophiyaa moo’achuu dandeenya jechuun wixiffatan waan hindandeenye wajjin
falman.Mootummaan Itiyoophiyaa wixiffannaa finxaaleeyyiifi ergamtoota diinaatiin
fonqolfamu amma hinjiru.Humna mootummaan Badhaadhinaa horate hubachuu dadhabuun
finxaaleeyyiin hundumtuu akka miidhaman taasiseera.Fiild Maarshaal Birhaanuu
Juulaa tibbana akka mirkaneessanitti finxaaleeyyiin Amaaraa haleellaa raayyaa
ittisaatiin irratti fudhatame irraa baraaraman gara gammoojjii Naannoo
Amaaraatti baqachuudhaan jireenya gadadoo keessa turuuf dirqamaniiru.
Shaneen maqaa Oromootiin socho’aa turtes weeb-saayitii
hawaasummaa irratti qawwee hidhattee suuraa mul’isuudhaan ala eessayyuu akka
hingeenye hubatameera.Bu’aan kun kan argame tumsi ummanni mootummaadhaaf
taasisu ol’aanaa waan ta’eefidha.Ummanni farreen nagaatiin rakkate humnoota
badii hunda saaxiluudhaan mootummaatti dabarsee kennaa tureera,ammas tumsa
mooruummaa maddii hiriiruudhaan taasisaa jiru daran cimmsuudhaan itti fufeera.
Amma humnoota badii guutummaatti adabachiisuudhaan gara marii
biyyalessaatti deemuun barbaachisaadha.Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaan itti
qophoofte rakkoolee hedduu Itiyoophiyaa keessatti bu’ura gadi fageeffatanii
turaniif fala waaraa kan argamsiisudha.Humnoonni adda addaa keessaafi alaa
wixiffachaa jiran mariin biyyaalessaa akka hinmilkoofneefis socho’aa akka jiran
qablbeeffachuun barbaachisaadha.
Marii nagaatiin rakkooleen Itiyoophiyaa fala yoo argatan
burjaajeessitoonni fayyadamuu hindanda’an,galiin shiraan hammaarratan jalaa
hafa.Itiyoophiyaan yoo tasgabboofte sochii misoomaafi guddinaa eegalte finiinsuudhaan
haala amansiisaadhaan itti fufuu dandeessi.Kun ammoo du’aafi badiinsa finxaaleeyyii
hundaa saffisiisa.Humnoonni badii kunneen dhugaa kana waan beekaniif madaa
mogolee ta’anii turan.Yaallin taasisan hundumtuu jalaa fashalaa’eera.Humni
qilleensaa Itiyoophiyaa ammoo abdiin isaan qaban hundi akka jalaa dhabamuuf dhabamuuf
ga’uumsi horachuun mul’isaa jiru warra badii hunda karaa irratti hanbisa.Wanti
argaa jirruufi dhugaan qabatamaan mul’achaa jiru kanuma.
0 Comments