Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 24/2016(YMN) Atileet Qananiisaa Baqqala dorgommii fiigicga Maraatoonii Vaaleenshiyaa kaleessa dorgomame irratti riikkardii haarawaa akka galmeessise himameera.
Qananiisaan Umurii waggaa 41ffaatti fiigicha maaraatoonii kana sa’aatii 2:04:19n xumuruun riikardii addunyaa haarawa akka galmeessisuu danda’e maddeen oduu gabaasaniiru.
Akkaataa kanaa Qananiisaan atileetii jalqabaa umurii isaa waggaa 40 keessatti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 05 gadi dorgommii maaraatoonii dorgomuu da’nda’edha jedhameera.
Garuu ammoo ammaan booda Atileet Qananiisaa Baqqala ofis ta’e biyyasaa fayyaduu kan danda’u hojiiwwan investimantii irratti bobba’uudhaan akka Hayilee Gabrasillaaseetti hojjechuu yoo danda’edha.
Qananiisaan yeroosaatti damee Atileetikiisiitiin bu’aawwan gaarii yoomillee dagatamuu hindandeenye galmeessisuu kan danda’e waan ta’eef ammaan booda eenyullee isa komata jedhamee hinyaadamu.
Kanaaf Qananii gootakoo fiigicha kana ittuma dhiisuun hojii investimantii finiinsi.Qananiikoo gorsa kana fudhadhu,siffayyada
0 Comments