Hidhi Abbayyaa injifannoo Adwaa bara keenyaati!

  



Finfinnee Bitootessa 28/2016(YMN) Hidhi haaromsaa hidha seena-qabeessadha.Hojiin ijaarsa hidha kanaa sababoota adda addaatin duubatti hirkifachuun kunoo barana waggaa 13ffaa lakkoofsiseera.Abdiin ummata bala’aa yeroo ijaarsi hidhaa eegalame ture ammallee hinqabbanoofne.Hawaasni akkuma ofumaan jalqabnett numtu xumurata jechaa jira.Lammiiwwan biyyaa Hidhi Abbayyaa Aduwaa lammaffaa keenya jedhaniiru.

Kutannoofi abdiin hawaasaa kun akkuma eegalametti itti fufuu kan danda’e sababaani.Sababa quubsaa qaba.Mootummaa jijjiiramaatu abdiin hawaasaa lalisee akka itti fufu taasise.Hooggansi jijjiiramaa gocha saamichaa maqaa meeteekiifi kanneen birootiin raawwatamaa ture dhaabsisuudhaan hojiin ijaarsa hidha Abbayyaa  finiinee akka itti fufu taasise.

Jijjiiramni erga mirkanaa’ee waggaa lama booda bara 2012 keessa hojiin guutiinsa bishaanii eegalame.Jalqabbiin guutiinsa bishaanii ammoo abdiin ummataa daran akka dabalu taasisuudhaan deeggarsi maallaqaa itti fufiinsa akka qabaatuuf haala mijeesse.Guutiinsi bishaanii hanga bara 2015’tti itti fufuudhaan hidhi Abbayyaa waggaa waggaadhaan hanga marsaa 4ffaatti bishaan itti guutameera.Kana Kana booda Hidhi Abbayyaa Meeshaa niikularaa Itiyoophiyaa jedhame.

Inaaftittiin guddinaafi misooma Itiyoophiyaa gufachiisuun beekamtu Gibtsi waan gootu wallaalte.Hojiin guutiinsa bishaanii akka hinmilkoofneef wixiffannaa taasiftu hindhaabne.Akka saree maraatuu asiif achi fiigdus homaa gochuu hindandeenye.Manni marii tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii dhimma kana irratti yeroo baay’eef walga’e homaa gochuu hindandeenye.Rakkoo qabdan karaa Gamtaa Afrikaatiin furadhaa jechuun balbala itti cufe.Ergasii asitti waan adabatte fakkaattus adabattee hinteente.Karaa Liigii Arabaatiinis dhibbaan taasisuuf yaalte homaa hingooneef.Deeggarsi finxaaleeyyii Itiyoophiyaatiif taasisaa jirtus bu’aa malee akka haftu taasiseen.

Miseensa koree duula farra sochii ijaarsa hidha Abbayyaa kan ta’an Obbo Muussaa Sheekuu carraaqqii taasifameefi bu’aan galmeeffame ol’aanaa akka at’e himan.

Akkuma himamaa jirutti ijaarsi hidha Abbayyaa carraaqqii hanga ammaatti taasifameen dhibbentaan 95 xumurameera.Kan hafe muraasadha.Hojii hafe xumursiisuuf birrii biiliyoona 55ntu barbaachisa.Waajjira qindeessaa hirmaannaa ummataatu odeeffannoo kana baase.Lammiin kanas nidandeenya,hirmaannuma keenyaan xumurama jedheera. 

Post a Comment

0 Comments