Finfinnee
Caamsaa 12/2016(YMN) Iraan dhugaa qabdi.Balaa Heeliikooptaraa kaleessa mudateen
hooggantoota biyyattii dhabde.Pireizidaantiin biyyattiifi ministirri dhimma
alaa balaa kanaan akka du'an mirkanaa'eera.Miidiyaawwan idil addunyaa hedduun
dhimma kana irratti xiyyeeffachuudhaan gabaasaa jiru. Kaleessa Heeliikooptarri
qondaaltoota biyyattii yaabbachiifte bakki geesse waan dhabameef yaaddootu ture.
Ganama kana
qondaaltoonni biyyattii ol'aanaan kun akka du'an mirkanaa'eera.Pirezidaant
Ibraahiim Raayisiifi ministirri dhimma alaa Huseen Amiir Abdulaahiyaan waliin
imalaa turan jedhameera.Balaan Heeliikooptaraa kun sababa haala qilleensaa
rakkisaa ta'een Iraan kaabaa naananwa Azarbaajaan keessatti kan mudate akka
ta'e himameera.
Iraan balaa Heeliikooptaraa kutaa biyyattii gara kaabaatti kaleessa mudateen pirezidaantii biyyattii Ibraahiim Raayisii dabalatee hooggantoota ol'aanaa 8 akka dhabde himameera.Kun akka biyyaatti baay'ee ulfaataadha.Suukaneeaassaadha.Balaan kun sababa haala qilleensaa rakkisaa rooba cimaa qabuun akka mudate himameera.Balaa suukaneessaa akkanaa kana irraa nuhaabaraaru
Iddoon
pireezidaant Ibraahiim Raayis balaa Heeliikooptaraatiin itti du'an Taabriiz
jedhamti.Pirezidaantichi filannoo biyyattiitti gaggeeffameen injifachuun
taayitaa kan qabatan ALA bara 2021 keessa akka ta'e himameera.Sababa balaa
kanaatiin hooggansa biyyaa Iraan irratti rakkoon mudatu hinjiru jedhamaa
jira.Wanti hundumtuu akkuma kanaan duraatti itti fufa.Taayitaan irra jiraan
hoogganaa amantaa biyyattii Ayaatoolaa Kaaminii harka jira waan ta'eef gufuun
mudatu akka hinjirre himameera.Hanga filannoon pireezidaantummaa akkaataa heera
mootummaa biyyattiitin gaggeeffamutti qaawwi hooggansa irratti uumamu hinjiru
jedhameera.
0 Comments