Marii Biyyaalessaafi bu’aasaa eegamu




Finfinnee Waxabajjii 05/2016(YMN) Hawaasni bal’aan mariinis ta’e gochaan nagaan akka bu’u barbaada.Fedhii hawaasaa kana guutuun dhimma yeroon kennamuuf miti.Mariin jalqabame akka milkaa’uuf lammii biyyasaatiif  quuqamaan yaadu hunda irraa shoorri eegamu guddaadha.

Ga’ee lammummaa gumaachuun barbaachisaadha.Mariin ajandaawwan biyyaa foo’achuuf Magaalaa Finfinneetti tibbana adeemsifame milkaa’inaan xumurame.

Fakkeenyummaa Magaalaa Finfinnee fudhachuun haala walfakkaatuun bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaattis mariin bakka bu’oota qaamolee hawaasaa gara garaa hirmaachisu niadeemsifama jedhamee eegamaa jira.Dhawaataan ammoo marichi Naannolee hunda keessattis kan deemsifamu ta’a.

Humnoonni hojii komishiinii marii biyyaalessaa gadi qicuu barbaadan akkuma jiran humnoonni marichi akka milkaa’uuf deeggaraniifi fedhii guddaa qabanis hedduudha.Kanneen keessaa adda durummaadhaan kan ka’uu danda’u ummata bal’aadha.

Ummanni bal’aan nagaa waaraafi amansiisaa ta’e argachuu barbaada.Sababa kanaan humnoota adeemsi marii akka gufatu barbaadan hinfedhu.Dura dhaabbata.Kanneen fedhiin ummataa akka hinmilkoofneef socho’an diina ummata bal’aati.Utuu ummataaf yaadanii fedhiin ummataa akka gufatuuf hinsocho’an.

Hundumaafuu hunda kan caalu humna ummata bal’aati.Ummata bal’aa dura dhaabbachuun hindanda’amu.Ummanni bal’aan gareewwan fedhii dhuunfaa jiddu galeessa taasifachuun socho’an wayittuu hinlakkaa’u.Akkuma isaan ummata tuffatan,ummanni bal’aanis isaan tuffata.Humnoonni faallaa fedhii ummataa  socho’aa jiran dhugaa qabatamaa kana quba qabuu laata?

Hojiin komishiinii marii biyyaalessaa ammaan booda kan gufachuu danda’u miti.Gareewwan adeemsi marichaa akka gufatu barbaadan jiraatanis ummanni bal’aan gonkumaa kana hinhayyamu.Komishiniichi deeggarsa ummata bal’aatiin ergama biyyaalessaa itti kenname nimilkeessa jedhamee eegamaa jira.

Mariin biyyaalessaa kun Naannoo Amaaraafi Tigraay keessattis adeemsifamuunsaa waan hinoolledha.Marichi bulchiinsawwan magaalaa Finfinneefi Dirreedawaa dabalatee naannolee hafan keessatti adeemsifamuun Naannoo Amaaraafi Tigraay keessatti sababiin ittiin hafu hinjiru.Naannoleen lamaan caaseffama mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiru waan ta’eef humni kanaan ala isaan taasisuu danda’u gonkumaa hinjiru.

Haala qabatamaa amma jiruun humnoonni muraasni hidhatan sochii fincilaatiin adeemsa marii kan gufachiisuu danda’an itti fakkaatee wixiffatanis humna kana gochuu ittiin danda’an hinqaban.

 

Post a Comment

0 Comments