Lammiitu Lammiif Birmata

Suuraa carraaqqii reeffa baasuuf taasifamaa jiru mul'isu


Finfinnee Adoolessa 20/2016(YMN) Halkan Adoolessa 14/2016 jiraattoota godina Goofaa ganda Goozdiitiif balaa uumamaa qabee dhufe.Balaan sigigaachuu lafaa lubbuu lammiiwwan hedduu galaafate erga mudatee kunoo guyyoonni lakkaa’amaa jiru.Dilbata boruu guyyaa saddeeffataatu lakkaa’ama.

Akka himamaa jirutti balaa sigigaachuu lafaa suukaneessaa ta’e kanaan lubbuun namoota 500 gahanii darbuu hinoolu.Kan qabatamaan mirkanaa’e 229 caaleera.Dhibba saditti akka dhiyaates himamaa jira.

Balaan uumamaa kun lubbuu namaa marartuu qofa utuu hintaane qabeenya hedduus barbaddeesseera.Biqiltuun lafarra ture lafa irratti hafuu hindandeenye,wanti lafarra jiru hundi sigigaachuu lafaatiin lafa keessatti dhidhimee hafe.

Heddu nama gaddisiisa!mana tokko keessaa namoonni 2 hanga 3 gahan balaa suukaneessaa kanaan lubbuusaanii dhabaniiru.Ijoolleen hedduun maatii ofbiraa dhabuuf dirqaman.

Amma lammiiwwan maatii ofbiraa dhabaniif jiddu gala tokkotti gargaarsi dhiiyaachaa jira.Naannoleefi bulchiinsawwan magaalaa deeggarsa meeshaafi maallaqaa taasisaniiru.Midhaan nyaataa namoota du’a irraa baraaramaniif ta’us dhiyaachaa jira.Deeggarsa gama kanaan taasifamu daran bal’isuun barbaachisaadha.Baatii gannaa keessa jirra waan ta’eef waqtiinsaa qorra,nyaanni walsimaan Haadholiifi Daa’immanniif ta’u dhiyaachuu qaba.

Kanneen mana keessa jiraatan sababa balaa kanaatiin dhabaniif mana jireenyaa ijaaruun dirqama ta’ee dhufeera.Dirqamni kun kan qaama muraasaa miti.Lammiin hundumtuu waan danda’uun lammiiwwan miidhamaniif birmachuu qaba.Hunda irraa kanatu eegama.

Pirezidaantiin Itiyoophiyaa kibba-lixaa Nagaash Wageeshoo gadda isaanii wayita ibsan

Yoo waliif naane wanti humnaa ol ta’uu danda’u hinjiru.Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dursuudhaan deeggarsa nyaataafi maallaqaa taasiseera.Finfinneen hundaaf dhaqqabuudhaan beekmti.Deeggarsa hatattamaatiin Magaalaan Finfinneen birrii miliyoona 45fi kuma 500 taasifte.Itti aansee Naannoleen gara garaas hirmaachaa jiru.Birmannaan jiru kan nama boonsudha.

Akka biyyaattis guyyaan gadda biyyaalessaa labsameera.Guyyaan gaddaa kun Adooleessa 20 irraa eegaluun hanga Adoolesaa 22 bara 2016’tti tura.Guyyoota gadda biyyaalessaa sadeen hanga wiixata dhufuutti turu kanaan Alaabaan Itiyoophiyaa eessumattuu gadi hiiqee mirmirfama.


Af yaa'ii mana marii bakka bu'oota ummataa Taaggasa Caafoo dabalatee qondaaltoonni ol'aanaan hedduun iddoo balaan mudatetti argamuun gaddasaanii ibsaniiru.Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad gaddasaanii wayita ibsanitti lammiiwwan baraaruuf hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Muummichi ministiraa Abiy Ahmad har'a ammoo iddoo balaan mudatetti argamuudhaan gaddasaanii ibsaniiru.Giiftii-duree Zinnaash Taayyaachoo dabalatee qondaaltoonni kanneen biroos iddootti argamuudhaan lammiiwwan balaa uumamaatiin miidhamniif gaddasaanii ibsaniiru.

Barreesssaan dhaabbata mootummoota gamatoomanii Antooniyoo Guterees ergaa dabarsaniin lammiiwwan Goofaatti balaa sigifa lafaatiin miidhamnii gaddasaanii ibsaniiru.Haaluma walfakkaatuun pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutinis gaddasaanii ibsaniiru.



Post a Comment

0 Comments