Paartii Badhaadhinaafi Bishaan Magaalaa Finfinnee

 


Finfinnee Fulbaana 15/2017(YMN) Jiraattoonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee rakkoo hanqina  dhiyeessii bishaan dhugaatiitiif erga saaxilamanii asitti baatiiwwan lakkaa'amaniiru.Sababa hinbeekamneen jiraattoonni Finfinnee bishaan dhugaatii dabareedhaan argachaa jiru.

Biyya qabeenya bishaanii dilbii akka qabdu beekamtu keessatti jiraattoonni magaalaa guddoo biyyaa Finfinnee keessa jiraachaa jiran  baatiiwwan hedduuf bishaan dhugaatii dhabuudhaan dararamaa jiru.

Akkuma iddoowwan birootti  mudatu Finfinneettis dhiyeessiin bishaanii sababoota gara garaatiin gufachuu danda'a.Rakkoon gama kanaan sababiinsaa utuu hinbeekamin yeroo dheeraaf turu garuu hawaasa biratti fudhatama argachuu hindanda’u.Gungummiin jirus komiin bal’aan akka jiru mul’isa.

Raabsiin bishaanii dabareedhaan ta’ee jiruyyuu rakkoolee hojmaata badaatiin kan xaxamedha.Haala qabatamaa amma jiruun jiraattoonni Magaalaa Finfinnee iddoo tokko tokkotti torbanitti yeroo lama ujumoon bishaan dhugaatii banamaaf.Iddoowwan baay’eetti ammoo torbanitti yeroo tokko qofaa bishaan dhugaatii argatu.Kanneen ujumoo bishaanii bananis maallaqa barbaadu.Ganda kana keessas akkuma iddoowwan kanneen biroo malaammaltummaa hamaatu jira.

Odeeffannoon ani hawaasa irraa argadhe akka mirkaneessetti jiraattoonni hojjetaa bishaaniifi dhangala’aa ujumoo bishaanii banuuf maallaqa kennan bishaan dabalamee banamaaf.Jiraattoonni maallaqa malaammaltummaa hinkennine ammoo kan yeroo eeguudhaan banamuuf sunuu xiqqeeffamee banamaaf ykn.utuu hundi waraabbatee meeshaa qopheeffatetti hinguuttatin jalaa cufama.

Rakkoo walxaxaa malaammaltoonni faayidaa hinmalle argachuuf jecha keessatti raawwachaa jiran kanaan kan komatamaa jiru Paartii Badhaadhinaati.Adeemsa hanga ammaatti jiruun mootummaan Badhaadhinaan hoogganamaa jiru rakkoo dhiyeessii bishaanii jiraattoota Magaalaa Finfinnee mil’achuu hindandeenye.Waan hedduun qabame waan ta’eef dhugaa qaba.Garuummoo dhimmi murteessaan hawaasa dararu dagatamuu hinqabu!

Caasaan paartichaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan akka hinilaalle rakkoo qabatamaan jirutu ragaadha.Caasaan paartichaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo utuu kennee socho’ee Abbaan taayitaa bishaaniifi dhangala’aa Magaalaa Finfinnee gama dhiyeessii bishaan dhugaatiitiin haala walxaxaa hawaasni ittiin dararamaa jirutti fala waaraa argamsiisuuf carraaqa ture.

Garuu Abbaan Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aa Magaalaa Finfinnee qaama too’atuufi hordofuun waan dhabeef dirqama itti kenname ba’achaa waan jiru hinfakkaatu.Gocha malaammaltummaa hojjettoonnisaa raawwachuun jiraattoota Magaalaa Finfinnee ittiin dararan quba qabaachuu hinfeene.Tarii akkuma iddoowwan birootti mudatee qabatamaan agarretti walfayyaduuf maallaqa hannaan fudhatamu irraa itti gaafatamtoota keessaatiif qooduudhaan hojjetama ta’a.

Utuu akkana ta’uu baatee hooggansi ol’aanaan abbaa taayitichaa dhimma dhiyeessii bishaan dhugaatiitiif xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjeta ture.Kana malees komii jiraattoonni dhageessisaniif gurra kennee odeeffannoo gahaa kennuudhaaniifi haala qabatamaan jiru hubachiisuudhaan jiraattoonni akka tasgabbaa’aniifi falli waaraa hanga argamuttis obsaan eeguuf oonnatu ture.

Rakkoon jiru hammaataa waan ta’eef hunduu mootummaa Badhaadhinaan hoogganamaa jirutti quba qabaa akka jiru qalbeeffachuun caasaawwan Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiran hojjechuutu irraa eegama.Hooggansa Badhaadhina ol’aanaatti quba qabuun fala fiduu hindanda’u!Boru ummanni rakkooon dararamaa jiru haaloo ba’uuf qaama biroo filachuu irraa duubatti akka hinjenne hubachuun hojjechuun waan yeroon kennamuuf miti.Yoo rakkoon dhufu hundatu waliin miidhama.

Hojii misooma Koriidariitiin magaalaa miidhagsuun waan gaariidha.Kun Ummataanis hanga tokko deeggarsa akka argate beekamaadha.Gungummiin keessatti dhaga’amaa jiru akkuma jirutti ta’ee misoomni Koriidarii jijjiirama qabatamaa kan fide waan ta’eef kana ilaalaa,haqa qabatamaan jiru oolii-buliin daawwachaa Badhaadhina mormuun waan danda’amu hinfakkaatu.

Garuu qaawwa xiqqootu sababaan banamaa deemuun balbala bal’aa mormii hawaasaa uumuu danda’a waan taa’eef rakkoo dhiyeessii bishaanii wajjin waqabatee Magaalaa Finfinnee keessa jiru irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf hojjetamuu qaba.

Odeeffannoon dhiyeessii bishaanii Finfinnee irratti jiru akka mul’isutti fedhiin waggaa lama dura guyyaatti meeti-kiyuubii kuma dhibba tokko(100,000) ture barana guyyaatti meetira kiyuubii miiliyoona 1fi kuma 200 caaleera.Fedhiin kan dabalaa deemu akka ta’e ogeeyyoonni damee kanaa himaniiru.Fedhii hawaasaa kana daangessuun rakkisaadha waan ta’eef bishaan gahaa hawaasaaf dhiyeessuun faayidaa diinagdee mootummaanis kana irraa argachuu qabuuf qindoominaan hojjechuun dhimma murteessaadha.Rakkoon kun fala waaraa akka argatuuf ga’een mseensotaafi deeggartoota Paartii Badhaadhinaa dachaa akka ta’e hubachuun qindoominaan hojjechuun yeroo murteessaafi dirqama itti ta’e irratti argamna.Dhimman kaase kana irratti yoo yaada qabaattan barreessuun brehuri1@gmai.com irratti ergadhaa.Yeroo kennuun waan dubbiftaniif galatoomaa!

Post a Comment

0 Comments