Manneen maree ummataa Daran Cimuu Qabu-Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Sa'aadaa Abdurrahmaan



(YMN Finfinnee Onk. 22/2017) Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan ergaa toora miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin fooramii Af-yaa’ota Godinaalee 10, Manneen Maree Aanaalee 25 fi Magaalota 12 akkasumas, Manneen Maree Gandootaa 60 keessatti qaamaan argamuun hordoffiifi deeggarsa ogummaa taasifamaa ture har’a qorannee jirra jedhan.
Hordoffiifi deeggarsi yeroo yeroon gadi buunee gaggeessinu, Manneen Maree sadarkaa walfakkaatuun cimanii ergama isaanii akka bahatan taasisuu giddu gala kan godhatedha.
Manneen Maree cimsuun diimokiraasii dagaagsuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuudha.
Caffeefi Manneen Maree Ummataas riqicha ijaarsa sirna diimokiraasiiti. Hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru caalmaan gabbisuu keessatti qoodni qaban olaanaadha. Mootummaa cimaa ijaarruuf, Manneen Maree Ummataa cimaa nu barbaachisa jedhaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tarsiimoofi imaammata jiruufi jireenya ummata keenyaa roga hundaan jijjiiruu danda’u baasuun hojiirra oolchaa jira.
Keessaahuu, gurmaa’iinsa haaraa sadarkaa Gandaatti gadi buuse deeggaruu, cimsuufi bu’aa qabatamaan madaaluudhaaf, Manneen Maree Gandaa sadarkaa wal fakkaatuun cimsuuf hordoffiifi deeggarsa hanga Gandaatti gadi bu’uun taasisaa turree jirra.

Galmi ijoon hojii kanaas, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun amantaa ummanni mootummaa isaa irraa qabu dabaluun dameewwan misoomaa hunda irratti lammiileen qixa hirmaatanii galmoota badhaadhina maatiifi waloo qabanne dhugoomsuudha. Gaaffii misoomaa, haqaa, diinagdeefi hawaasummaa ariitiin deebisuuf, qindoominaan hojjechuun murteessaadha.
Galma gahiinsa hojii kanaaf ammoo, qaamolee mootummaa gidduutti qindoominni hojimaataa jiru daran dagaagee, mootummaa cimaa ummatatti dhihoo jiru ijaaruun waadaa galle gochaan mirkaneessuuf waltaanee jijjiiramaaf hojjechuu barbaachisa.
OBN akka gabaasetti Mul’ata akka biyyaafi naannootti qabannee hojjechaa jirru dhugoomsuu keessatti, Manneen Maree sadarkaan jiran gahee isaanii sirnaan akka bahataniif hordoffiifi deeggarsa yeroo yeroon taasisaa jirru cimsinee kan itti fufnu ta’a jedhaniiru.

Post a Comment

0 Comments