Qabballee Duubaa Eenyuu?

 



Qabballee Duubaa qe'ee horsiisee bulaa barnoonni bira hin geenyee kaatee badhaafamtuu Addunyaa taateen wal baraa.

(YMN,Finfinnee Onkololeessa 23/2017) Siistar Qabballee Duubaa Oromoo Keeniyaa jiraatanirraa dhalatte.OBN's garasitti imaluun Qabballee dubbiseera.seenaashee dubbisaa.
Qabballee Duubaa dubartii Oromoo biyya Keeniyaa, Kaawuntii Marsabeeti ardaa Torbii hawaasa horsiisee bulaa keessaa dhalatte.
Obboleeyyan ishee 19 keessaa dubartiin carraa barnootaa argatte ishee qofa turte.
Kaawuntii Marsabeeti ardaa Torbii keessaa immoo dubartiin jalqaba digiriin eebbifamte ishee qofa turte; Qabballeen nama jireenya ofii keessatti jijjiirama fiduuf guddoo carraaqtudha.
Nama fuulas qajeelaati (Bareedduudha) Keeniyaa keessatti dorgommii bareedinnaatti hirmaachuun kutaa biyyaa Marsabeeti keessaa 1ffaa, akka Keeniyaatti immoo 2ffaa bahuun badhaasota addaa addaa argachuu dubbatti.
Carraa barnootaa biyyoota alaa hedduus argattee barachaa turuu dubbatti. Dubartiin Oromoo kun waltajjiiwwan idil addunyaa hedduu irratti badhaafamteetti.
Ogummaa fayyaan Narsii baratte. Badhaasa Naarsota addunyaa kan "Aster Guardians" jedhamu bara 2022 ‘UAE’ Dubaayitti ) qophaa’e injifachuun badhaasa Doolaara Ameerikaa 250,000 argattee injifatteetti.

Kun immoo carraaqii isheen miidhaawwan shamarran irra gahan ittisuuf taasifteen akka ta'ellee ni dubbatti. Qabballeen badhaasa argatte kanaan barmaatilee boodatti hafaa shamarran irratti raawwataman irratti cimsitee duuluu, meeshaalee qulqullinaa dubartootaa qooduufi manneen barnootaa ijaaruu, Daa'immaniifi ga'eessota carraa barnootaa dhaban barsiisuu irratti xiyyeeffattee hojjetaa akka jirtu himte.
Badhaasota argatteen maaliif daldala dhuunfaa kee hin hojjanne jennaan "Barumsatti karaa naaf bane, anis barumsaan dhalootaaf karaa banuu barbaada, galmii kiyyas kana" jetti. Dubartoota akka isaan jabaatanii hin baranneef yeroo hedduu dhimmoota garaa garaatu mana keessa harkisa.
Dabalataan dubartii horsiisee bulaa taatee rakkoolee jiran injifachuun sadarkaa idil addunyaatti akka isheen badhaafamtu kan taasise carraaqqii mataa ishee tahuu dubbatti.Waan hundaa sodaa malee yaaluu himti. "Eessattuu dhalattus, abjuun ke ni milkaa" ejjannoo jedhu qaba jetti.
Dabalataan milkaa'inna isheef abbaan warraa ishiis deeggarsa cimaa taasisuufillee himti. Yeroo ani biyyoota garaa garaa barumsaaf deemus isumatti akka haadhatti ijoollee nuuf kunuunsa jetti.
Mudannoo jireenyaa keessaa, gaafa badhaasa Narsoota addunyaa "Aster Guardians" injifatte, osoo namoonni haala mijataa keessatti baratan hedduun jiran, intala horsiisee bulaa, kan horii tiksaa guddatte akka tasaa maqaa ishee waltajjii Idil Addunyaa irratti "Qabballee Duubaa" jechuun yeroo waaman miirri sodaafi gammachuun walitti makame itti dhagahamuu dubbatti.
Dubartoonni horsiisee bulaa cimanii barachuu akka qaban, maatinis ijoollee isaanii umrii malee heerumsiisanii hiriyyaasaanii jalaa akka hin cabsine cimsitee dhaamati.
Uummata Oromoo Itoophiyaafi biyyoota addunyaa garaa garaa keessa jiraatufillee nagaa dhaamuun, uummati Oromoo tokkummaa ofii akka jabeeffatuufi jaalala guddoo saba kanaaf akka qabdullee Qabballee OBN’tti himteetti.Boruu Konsootu gabaase.



Post a Comment

0 Comments