Ergaa Ijoo Pirezidaant Shimallis Abdiisaa




Ergaa pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dhimma bulchiinsa gandaa irratti dabarsan dubbisaa:

Mootummaa Gandaa: Yaadama Bu’uuraafi Amaloota Ibsamaa

Rakkoolee baroota dheeraaf ummata keenya gidirsaa turan keessaa, sirni bulchiinsaa adda durummaan kan ka'udha.Caasaan bulchiinsaa baramaa (durii) ummata keenya gidirsaa ture kun, aangoo, qabeenyaafi murteessummaa (decision making) ilaalchisee amaloota adda isa taasisan horatee ture. Maalummaafi amaloota kanniin hubachuun, gurmaa’insa caasaa araddaa/gandaafi aanaa Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo keenyaatiin diriirfamuu irratti argamu kana dogoggora turerraa eegnee gaggeessuuf faayidaa ol’aanaa kan qabudha.Bu’uuruma kanaan, amaloota ijoo sirna bulchiinsaa baramaa afur itti aansuun kan ilaallu ta’a.

Tokkoffaa, ulfaatinni isaa gara mataa ture. Aangoo, qabeenyaafi murteessummaa harka caasaalee mootummaa gara gubbaa — walduraa duuba kuufamaatiin — naannoo, godinaafi aanaatti kan kuuse ture.

Lammaffaa, gulantaawaa (hierarchical)’fi waaltawaa ture. Aangoon addatti gubbaadhaa gara gadii kan yaa’u waan tureef, yeroo baay’ee, caasaaleen gara gadii, akka raawwattoota qajeeltoo caasaalee gara gubbaatti kan hubataman turan.

Sadaffaa, bu’uura irraa garmalee kan fagaate ture. Gandiifi hawaasni gandaa bu’uura caasaa mootummaa maraa ta’uu qaban, wiirtuu aangoo, qabeenyaafi murteessummaa irraa caasaalee kamuu caalaa fageessee ture.

Afraffaa, qajeeltoo isaa ijoon, mirga caasaalee gara gadii daangessuu ture. Caasaan bulchiinsaa gara gadii, fedhii addaa naannaawichaa (local)’fi dhimmoota dursa kennuufi barbaadu, ofiin murteessuuf/deebisuuf, mirgiifi qabeenyi isaa daanga’aa ture.

Walumaagalatti, sirni bulchiinsaa baramaa sun, ummata keenya, wiirtuu aangoo, qabeenyaafi murteessummaa irraa garmalee fageessuun, sagaleen isaa akka gurra hinarganne taasisaa tureera.

Kanarraa kan ka’e, ummanni keenya, rakkoolee sirna bulchiinsaa kanaatiin isa mudataa turan qabachuun, furmaata waaraaf watwaataa tureera. Bu’uuruma kanaan, jaarraa walakkaa dura, bara 1967 ALI, gurmaa’insi araddaa/gandaa, haala yaraa kana nijijjiira jedhamee abdatame yemmuu caaseffamu, ummata biratti abdii guddaa uumee ture. Haata’u malee, aangoofi gaheen isaa ifatti kan hinbeekamne ykn. gonkumaa hinkennamneef, daangaan aangoofi gahee caasaa ittaanee jiru (aanaa) waliin qabaatuu malu ifatti kan hinkaa’amne, hirmaachisummaa hawaasaatiin kan hindiriirre, itti-gaafatamummaafi iftoomina bulchiinsaa kan hinqabne, hanqina humna namaafi iddoo hojii mijataatiin kan hudhame ture.

Halli kun, tajaajilli mootummaa sadarkaa aanaafi isaa olitti akka daanga’u, gaafatamummaan akka hinmirkanoofnefi qaamni hirmaannaa ummataa qajeelchu akka dhabamu taasiseera. Walumaagalatti hawaasa gandaa aangoo, qabeenyaafi murteessummaa irraa qaarisuun dhimmi misooma waliigalaa hawaasa gandaa akka abbaa dhabu waan taasiseef, galma yaadameef milkeessuu mitii, dogoggora caasaa baramaa akka hambisu yaadamee ture deebisee yemmuu raawwatu muldhate. Abdiin ummanni keenya jalqaba irratti horatee tures, yeroo dheeraaf osoo hin turiin coolage.


Kanarraa kan ka’e, gaaffiin ummataa waan riphe fakkaatee ture deebi'ee finiinuun mootummaa jijjiire.Sirni mootummaa gara aangootti dhufes, rakkooleefi komii hawaasaa, gubbaatti rarra’ee hafuu mootummaatiin walqabatan furuuf, tarkaanfilee murtaa’oo fudhateera. Haata’uutii, tarkaanfileen fudhataman hedduun, amaloota sirna bulchiinsaa akka fooyyessan yaadamaniif waan qooddataniif, gaaffiilee bu’uuraa ka’aa turan deebisuun dheebuu bulchiinsa gaarii ummata keenyaa baasuu hindandeenye.

Bu’aan bulchiinsa gandaa kun, hamma eegamurraa hedduu gadi bu’aa ta’us, qaamolee kaffaltii malee, tola oltummaan hawaasa isaanii sadarkaa gandaa/araddaatti tajaajilaa turaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa ulfina ol’aanaa qaba.

Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, dhimma kana gadi fageenyaan hubachuun, bara 2016’tti, labsii Gurmaa’insa Mootummaa Gandaa Lak. 250/2016’n caasaa bulchiinsa mootummaa gandaa/araddaa, sirna bulchiinsaa baramaa bu’uura irraa jijjiiru diriirsee lafa qabsiisuuf socho’uu irratti argama. Asirratti, dhimmoota lama irratti iftoomina umuun barbaachisaadha.

Inni duraa, haaromsi gurmaa’insa mootummaa gandaa, kennaa qaama kanaa ykn. sanaa osoo hintaane, bu’aa qabsoo ummanni keenya yeroo dheeraaf diinagdee, eenyummaa, bulchiinsa gaarii, dimokraasiifi kkf, ilaalchisee gaafataa turee ta’uu beekamuu qaba. Gaheen mootummaa keenyaa, gurmaa’insa caasichaa gama tokkoon qorannoowwaniifi muuxannoo idil-addunyaatiin masakuu, gama birootiin fedhiifi hawwii hawaasa sadarkaa araddaa, akkasumas galmoota gooroo qabsoo ummata Oromoo waliin walsimsiisuu darbess raawwachiisummaadha.

Inni lammataa, kaayyoon gurmaa’insa Mootummaa Gandaa/Araddaa haaraa, caasaa bulchiinsaa baramaa aangoo caasaalee gara gubbaatti kuusaa ture (hanga bara 2016’tti) fooyyessuu osoo hintaane, mataan gadi dhaabuun, Caasaafi Hawaasa Gandaa bu’uura aangoo taasisuudha. Hawwii hawaasni gandaa, darbees ummanni naannoo keenyaa barootaaf qabu lafarratti dhugoomsuu kan danda’u, lammiilee giddugaleeffachuun lafa qabachuu yoodanda’e qofa. Sadarkaa ijaarsaa jalqabaa kanatti, dogoggoroota xixiqqaadhaa hanga gurguddaa agarru battalumatti sirreessaa deemuun, dhimma xiyyeeffannoo ol’aanaa ta’uu akka qabu cimsee hubachiisuun barbaada. Kuni osoo hintaane yoohafe, daba bara baraaf hinsirreeffamne qabatee bahuu cinaatti, abdii hawaasa keenyaas fudhatee kan dhidhimu ta’a.

Kufaatii akka kanaa mudachuu malu hambisuuf, gurmaa’insi Mootummaa Gandaa haaraan, amaloota akkamii goonfachuu akka qabu ifatti beekuun, duursoo dubbii imala kanaa ta’u ibsaa, hoggansiifi raawwataan sadarkaan jirtan, qoddattoota kanniin ofeeggannoo ol’aanaan akka hubattan yaadachiisuun barbaada.

Tokko — jijjiirama bu’uuraa ta’ee argamuu qaba. Murtoon kun, fooyya’iinsa xixiqqaa gurmaa’insa caasaa gandaa baramaa irratti taasifamu osoo hintaane, yaadamaafi caaseffama bulchiinsaa hundeerraa kan jijjiiru ta’uu qaba. Gama birootiin, caaseeffama bulchiinsaa baramaa, qabatamaatti kan mataan gadi garagalchu ta’ee argamuu qaba.

Lama — ganda aangoomsee, hawaasa gandaa waahundaan humneessee argamuu qaba. Wiirtuu aangoo al-waaltessuun, hanga sadarkaa araddaatti kan gadi buusuufi hawaasa gandaa kan humneessu ta’uu qaba. Caasaa gandaafi hawaasa gandaa, qabatamaatti bu’uura sirnaa taasisee argamuu qaba; akkasumas gulantaa murteessoofi bu’uura wanti hundi irratti ijaaramu taasisuutu irra jiraata. Walumaagalatti, faallaa caasaa baramaa gara mataa dhiphatuufi ulfaatu, bu’uura irratti baldhaafi ulfaataa ta’ee bahuu qaba.

Sadi— sirna bulchiinsaa lammiilee giddugaleeffate ta’uun ijaaramee argamuu qaba. Caasaa mootummaa, adda durummaan sadarkaa bu’uuraatti lammiilee tajaajiluu irratti fuulleffate ta’ee ijaaramuu barbaada. Kuni ammoo hunda dura gaaffii, fedhiifi hawwii hawaasa gandaatiif gurra kennuun ifuu qaba. Akkasumas, xiyyeeffannoo to’annoo gubbaa-gara-gadiitiif kennamaa ture jijjiiruun, gara tajaajiltummaa gadii-gara-gubbaatti taasifamutti ce’ee argamuu qaba.

Afur — sirna al-waaltawaa lafa qabsiisuun ifuu qaba. Aangoo, qabeenyafi murteessummaa (decision-making) gara araddaatti gadi buusuun, bulchiinsa ummataawaa ta’uu mirkaneessuu qaba.

Shan — caasaa bu’uuraa humneessuu irratti xiyyeeffatee muldhachuu qaba. Aangoo, qabeenyaafi itti-gaafatamummaa mootummoonni gandaa adeemsa ofbulchuufi dhimmoota naannaawa isaanii murteessuu keessatti barbaadan, daddabalee kennuun humneessee argamuu qaba.

Jaha — gahee caasaalee gara-gubbaa deeggarsa irratti daangessee argamuu qaba. Xiyyeeffannoon caasaalee gara gubbaa, adda durummaan ganda humneessuufi deeggaruu ta’uu qaba. Gandoonni, bu’a-qabeessummaan akka socho’an hordofuufi deeggaruurraa kan hafe, deeggarsa daa'imsuu taasisuun gahee sirrii akka hintaane qabatamaatti muldhisuu qaba. Kanaaniis, Mootummaan Jijjiiramaa keenya ummata “tajaajiluuf” malee “to’ataa” itti ta’uuf kan hinijaaramne, caasaaleen keenya gara gubbaa, to’attoota gubbaa-gara-gadii osoo hintaane, kennitoota tajaajilaafi haala mijeessitoota caasaa bu’uuraa ta’uu ifatti mirkaneessuu qabu.

Walumaagalatti, haaromsi gurmaa’insa mootummaa gandaa ce’uumsa baadiyyaa Oromiyaa akeeku kun, aangoo al-waaltessuu, gandaafi hawaasa araddaa humneessufi bulchiinsa lammiilee giddugaleeffate dhugoomsuun caasaa bulchiinsa baramaa mataan gadi dhaabee ifuu qaba. Gama kaaniin, wiirtuu aangoo, qabeenyaafi murteessummaa al-waaltessuun, mootummaa lammiilee giddugaleeffate, ummatatti dhiyaate, tajaajiluuf dhaabbate, akkasumas sirna ummataawaa cimaa ijaaruuf mijataa ta’ee argamuu qaba. Tarkaanfiin kun, gaaffiilee ummanni keenya bara dheeraaf gaafataa tureef deebii kan argamsiisu, akkasumas egeree badhaadhinaa Oromiyaa kan mirkaneessu akka ta’u, amaloonni ijoo caasaa bulchiinsaa baramaa irraa adda isa taasisan ifatti hubatamuun hojiin muldhachuu qabu.

Milkaa’inni haaromsa kanaa, hirmaannaa ummataa, hoggansa cimaa, akkasumas cichoomina raawwattootaatiin ta’uu hubachiisaa, hirmaannaa hawaasni gandootaa, waajjiraalee gandaafi mana jireenyaa humna caasaa gandaa ijaaruufi ofitti madaqsuun taasiseef, akkasumas tajaajila gorsaa miseensonni Mana Maree Yubootaa kennaa jiraniif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun fedha. Dabalataanis, hoggantoonnifi raawwattoonni tajaajilaaf gara qe’ee hawaasa keessaniitti siiqxan, seenaa Ummata Oromoofi Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti iddoo ol’aanaan isin qabdan bara baraan yaadatamaa kan turu ta’uu carraa kanaan isiniif mirkaneessuun barbaada.

Pirezidaanti Mootummaa Naannooo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.

Post a Comment

0 Comments