Yaa'ii Gadaa Oromoo Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Dhaddacha Guutaatti gaggeeffame seerota gurguddoo lallabuun goolabameera. Yaa'iin kun bakka ilmaan Oromoo Sikkoo Mandoo qubsuma mararraa argamanitti guyyoota lamaaf gaggeeffamuun, Gadaa ciise deebisanii kaasuun, dhaloonni safuufi duudhaa Oromoo ganamaatti akka deebi'uufi Faandiddee/durinjirreen akka sirratuuf seerota lallabee jira.
Bu'uruma
kanaan, Dhaddachonni Oromoo Sikkoo Mandoo Odaa Roobaa jala jiran 20 deebi'anii
hojii eegaluu akka qaban, dhaddachi hunduu wal qixa akka ta'eefi baalliin
bakkatti deebi'ee darbuu akka qabu lallabameera.
Gama
biraatiin, fuudhaafi heerumni uumee ganamaan akka gaggeeffamuu qabuufi gabbarri
akka hafu, dhaloonni qe'ee ofii gatee akka hin godaanneef, godaansi seeraan
alaa akka dhaabbatu, aadaafi duudhaan Oromoo akka mirgisuu darbees dhaloonni
duudhaa ganamaatti deebi'ee akka jiraatu akkasumas, ragaa sobaa walirratti
bahuun dhaabbachuu akka qabu labsaniiru.
Kanumaan
walqabatee, Oromoon Oromoo ajjeesuun diinummaa akka ta'e labsuun, guutuu
Oromiyaatti nageenyi akka bu'u, waldhabdeen kamiyyuu mariifi marabbaan furamuu
akka qabu labsaniiru. Bu’uuruma kanaan qaamoleen hundinuu waamicha abbootii
Gadaa kabajuun araddaa Oromootti nagaa buusuuf hojjechuu akka qaban
dhaamaniiru. Dabalataanis, Oromoon duudhaa kaleessa ittiin umama tiksu
deebifachuun biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu akka qabu lallabuun, yaa'ichi
goolabameera.
Hojii
duudhaa Oromoo iddootti deebisuu keessatti, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo
Oromiyaa beekumsa xabboo Oromoon jaarraa hedduuf itti jiraachaa ture deebisuun,
dhaloonni aadaafi duudhaa ganamaatti akka deebi'u dursee tarkaanfii garagaraa
fudhateera. Gama kanaan hojiilee dursee raawwate keessaa tokko galmoota
gulantaa qabsoo ummata Oromoo madaalan bocuu ture. Galmoonni sabboonummaa
gochaatiin ibsaman keessaa tokko "sirna cimaa ijaaruu"dha.
Galmi
kun gama tokkoon aadaa (seenaa, duudhaa, safuufi eenyummaa) ummata Oromoo
bu'uura kan taasisuu yoota’u, sagantaaleen kamuu yaadamuma kana hordofanii kan
bocamanidha. Jalqabbii tureen yaadamoonni aadaa ummata keenyaa irraa sirnoome
milkaa’inoota qabatamaa hedduuf ka’umsa ta’aniiru.
Fuldurattis, Mootummaan dhimma eenyummaa, aadaafi qaroomina ummata eeguufi dhaloota dhufutti ceesisuu ilaalchisee deeggarsafi ittigaafatamummaa kamuu kan bahatuudha.
Walumaagalatti,
Mootummaan seenaafi duudhaa Oromoo qoratee baasuun iddootti akka deebi'u taasisuu,
duudhaalee Oromoo sirnoomsuu, jiloota Oromoo beeksisuu, ardaalee jilaatiif
beekamtii kennuufi aadaa Oromoo dagaagsuun dhaloonni eenyummaa ofii akka
beekuufi itti jiraatu gochuun waadaa ummataaf galame gochaan dhugoomsaa kan
deemu ta'a.
@Waajjira
Pirezidaantii Oromiyaa
0 Comments