Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Maal jedhe?


Hoogganaan Eertiraa kan dhiyeenya kanaatti aanee yeroo lammaffaaf ibsa kenneera.Ibsa amma miidiyaa biyyattiif kenne kanaan dhimma Itiyoophiyaafi idil addunyaa irratti akka xiyyeeffatedha kan himamaa jiru.

Namtichi duruu waa’ee biyyasaa,dhimma misoomaafi guddina Eertiraa irratti dubbatee hinbeeku.Waan hinjirre irratti silaa dubbachuu akka hindandeenye beekamaadha.

Eertiraan biyya ollaa Itiyoophiyaa quucartedha.Seenaan yoo yaadatamu Eertiraan qaama Itiyoophiyaa turte.Waggoota soddomaan dura carraa biyya ta’uu argattee Itiyoophiyaa irraa fottoqxe.Adeemsi biyya ta’uu Eertiraa shira siyaasaa kan qabu akka ta’eefi hooggansi Itiyoophiyaa kanaan duraa Obbo Mallas Zeenaawii shira hojjete akka ta’e kanaan dura himameera.

Haala amma jiruun Eertiraan biyya  ollaa Itiyoophiyaa taatee jirtudha.Garuu ammoo ollaa gaarii ta’uu hindandeenye.Hoogganaan biyyattii Isaayyaas Afawarqii shiira siyaasaa ittiin guddate keessaa hinbaane.Deeggarsi mormitoota mootummaa Itiyoophiyaatiif Isaayyaas Afawarqii of tuulummaadhaan taasisaa jiru haqa adda babayiirratti beekamudha.

Ibsa ammaatiin Isaayyaas Maalfa’i jedhe?

Akka himamaa jirutti ibsi Gaazexeessitoota miidiyaa biyyattiitiif kenne turtii sa’aatii lamaa kan qabudha.Irra jiraadhaan waa’ee Itiyoophiyaafi idil addunyaa irratti dubbate.Ityoophiyaan ummata miliyoona 100fi miliyoona 30’n qaba jechuun Eertiraa doorsisaa akka jirtu dubbate.Dirooniidhaan nutti dhdachaa jirus jedheera.Jibuutiifi Itiyoophiyaa waldhabsiisuuf akka odeesses himameera.Dhimma gaaffii balbala Galaanaa argachuu Itiyoophiyaa gadi qicee dubbate.Kun ammoo amala tuffii Isaayyaas Afawarqii duruu qabu irraa kan madde akka ta’e namoonni ibsasaa guutuu hordofan dubbachaa jiru.

Ibsa kanaan dura kenne keessatti waa’ee Oromummaa waan dubbateef Isaayyaas Afawarqii irratti mormiin akka roobe niyaadatama.Dhimmoota ibsa ammaatiin kaase irratti wanti gamaa-gamanaan jedhamu tibbana itti aanee kan bal’inaan dhaga’amu ta’u.Keessumattuu Isaayyaas waa’ee Eertiraa dhiisee waa’ee Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffachuudhaan dubbachuun dhimma lammiiwwan Itiyoophiyaa biyyasaani jaallatan hunda quuqu akka ta’e beekamaadha.

 

 

Post a Comment

0 Comments