Ambaasaadarri beekamtuun Burtukaan Ayyaanoo Daadhii biyya Ameerikaatti koolu-galtummaa akka gaafatte odeeffamaa jira.
Waggoota dhiyoodhaa asitt ministir deetaa ministeera dhimma alaa ta'uun tajaajilaa kan turan Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ministeera dhimma alaa keessatti barreessituu ta'uudhaan hojii jalqaban.Jette jetteetu mul'ise.Eembaasii Itiyoophiyaa Ameerikaatti argamu keessattis waggoota hedduuf biyyasaanii akka tajaajilan nibeekama.
Gara Itiyoophiyaatti erga deebi’anii booda keessummoota biyya alaatii dhufan kabajaan simachuuniifi koree keessummeessituu hogganuun,akkasumas ammoo dhimma qophii yaa’ii Gamtaa Afrikaatiif taasifame irratti miidiyaaleef ibsa kennuun Ambaasaaddar Burtukaan beekkamtummaa horataniiru.
Koolu-galtummaa gaafachuun dura yeroo dheeraaf miidiyaa irratti hinmul'anne.Jette jettedhaan akka dhaga'ametti waajjira ministeera dhimma alaa akka hinseenneef dhorkaman.Dhuma irratti Ameerikaatti koolu-galtummaa gaafachuusaaniitu odeeffamaa jira.
Sababiin mufannaa isaanii maaliyyuu haata’u Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo Daadhii biyyaa ba’anii koolu-galtummaa gaafachuun hanga tokko mootummaa badhaadhinaa irratti miidhama fiduun,qaawwa uumuunsaa waan hin oolle akka ta’e beekamaadha.Tarii beekamtummaa horataniin humna diinaatiin butamanii daandii sirrii qabatan irraa goranii laata?Bullee ilaalla.



0 Comments