Haaromsa Maqaa Godinaalee Wallaggaa!

 




(YMN,Guraandhala 12,2018) Maqaan Oromiyaa lixaa haromeera jechuuf sababoonni quubsaa ta'aniifi mamii malee dubbachuuf nama onnachiisan amma mul'ataniiru.Galanni hooggansa jijjiiramaa waan qabatamaa yerootti mul'isuuf haata'u!

Bu'aawwan misoomaa Godina Qeellam Wallaggaa dabalatee godinaalee Wallaggaatti kaleessaafi har'a mul'atan kan nama ajaa'ibsiisanidha.Bu'aa qabatamaa kana dinqisiifachuu kan hindandeenye fayyaa hinqabu.Ykn. ammoo akkuma barame jibbaafi bu'aa siyaasaa argachuuf jecha misoomaafi guddina qabatamaa ta'ee ijaan mul'atu waakkachuudhaan qeequudha.Ummata bal'aa biratti qeeqni haala barameen hooggansa jijjiiramaa irratti dhiyaatu fudhatama hinqabu.Waan argateefi dhandhamaa jiru kan beeku ummata bal’aadha.

Waggoota muraasa darban keessa godinaalee Wallaggaa afran beekaman (Qeellam Wallaggaa,Wallaggaa Lixaa,Wallaggaa Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa) keessatti waa'ee misoomaa dubbachuufi  misooma Maqaa dhawuun hindanda'amu,rakkisaadha.

Kun sababa malee hintaane,sababoota quubsaa ta'an qaba.Adda durummaadhaan kan ka'uu qabu sochii ergamtoonni diinaa riphanii godinaalee Wallaggaa keessatti taasisanidha.

Odeeffannoowwan kanaan dura beekaman akka mul'isanitti Shanee dabalatee ergamtoonni diinaa kanneen biroo Shaneen Afaan Amaaraa dubbattu qabeenya Bosonaa Wallaggaa keessa dhokatanii riphanii socho'uun miidhaa geessisaniiru.Lubbuu lammiiwwanii balleessaniiru,qabeenya ummataafi mootummaa barbadeessaniiru.

Akka sababa lammaffaatti kan himamuu danda'u burjaaja'uumsa Ummata keessatti uumamedha.Kanaaf ammoo ololli diigumsaa  Badhaadhina irratti itti fufiinsaan hojjetame shoora guddaa gumaacheera.

Amma seenaan jijjiirameera.Bu’aa amma galmeeffamee mul’ateefi fuulduraafis abdii gaarii uume kana argamsiisuuf baay’oonni qabsoo obsa nama fixachiisu taasisaniiru.Xiyyeeffannoon gara fuulduraa nagaa waaressuufi misooma babal’isuu qofa akka ta’uuf hooggansi ergaa fudhatama qabu dabraseera.Ergaa darbe qalbeeffachuudhaan hojiirra oolchuuu barbaadama.

 

 

 

 

Post a Comment

0 Comments