(YMN,Finfinnee,Fulbaana 29,2019) Bofatu
akkana jedhe,jedhan. ’Abbaatu Of Mara’ mammaaksa Oromooti.Oromoon akka sabaatti
sababa malee hinmammaaku.Sababaan mammaakee qaama dhimmi ilaallatuuf ergaa
guddaa dabarfata.
Hattuun hattuudha.Ofiifis hattee kanneen biroos
akka hataniif waan calliftuuf onnattee hattoota irratti qabsaa’uu
hindandeessu.Dhugaa kana qabsoo muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy
Ahmad(Abbichuun) gochaa jiran irraa qallbeeffanna.
Dr.Abiy gara taayitaa biyya bulchuutti erga
dhufanii asitti qabsoo malaammaltoota(hattoota)irratti taasifamuu qabu irratti
utuu hindubbatin bira darbanii hinbeekan.Waltajjiiwwan hedduu irratti qabsoo
hattoota dhabamsiisuuf taasifamaa jiru irratti ummanni bal’aan akka qabsaa’uuf
irra deddebi’uudhaan waamicha taasisuu irraa eegalee tarkaanfiiwwan
malaammaltoota adabachiisuu danda’an yeroo adda addaatt akka fudhataman
taasisaniiru.
Sababa ejjennoo cimaa
muummichi ministiraa Abiy Ahmad hattoota irratti qabaniitiin Itiyoophiyaa
keessatti gochi hannaa qondaaltoota mootummaatiin raawwatamu hir’ateera
jechuudhaan afaan guutuun dubbachuun nidanda’ama.Haqa kanaaf agrasiiftuuwwan
addaa addaa eeruun nidanda’ama.Agarsiiftuuwwan qabatamaa ta’e hedduu keessaa
sochii misoomaa wayita ammaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru qofa
kaasuudhaan haa’ilaallu.
Hojiin misoomaa Itiyoophiyaa
keessatti dameewwan adda addaatiin finiinaa jiru haala amansiisaa ta’een itti
fufuu kan danda’e gochi malaammaltummaa shira adda addaa fayyadamuudhaan
qondaaltoota mootummaatiin raawwatamu hir’achuu waan danda’eef akka ta’e mamii
malee dubbachuun nidanda’ama.Amma akka Kanaan duraa ija baasanii ‘akkana naaf
gootu malee kana siif gochuu hndanda’u’ jechuun tajaajilamaa dararuun waan
danda’amu miti.Xiqqoo yaadda’auun jalqabameera.Qabsoon hawaasni hubannoo qabu
taasisuu jalqabes kanaaf shoora gumaachaa jira.
Sababa dhiibbaafi burjaaja’uumsa uumuu dallaalootaafi qindoomina qondaaltoota mootummaa waliin jiruun hawaasni bal’aan tajaajila barbaadu argachuuf matta’a kennuun amaleeffamee tureera.Kan humna maallaqaa qabu malaammaltootaafis waa ramaduudhaan dhimmasaa raawwachiifataa ture.Kan humna maallaqaa hinqabne ammoo tajaajila barbaadu dhabuudhaan mootummaa komachaa callisee jiraata.Haalli qabatamaan waggoota hedduuf biyya keenya keessa ture kanadha.
Waggoota dhiyoodhaa
asitti agruu tajaajila mootummaa maallaqaan bitachuun akka hafuuf Mootummaan
Ida’amuu mala wayii qabatee gadi gadi ba’e.Masoob tajaajilli iddoo tokkoo akka
eegalamu taasise.Tajaajilli teeknooloojiitti fayyadamuudhaan kennamu kun sadarkaa
Federaalaatiin Finfinneetti akka jalqabamu taasisuudhaan wayita ammaa gara
Naannolee gara garaattis akka babal’atu taasifamaa jira.
Adeemsi kun hawaasa
tajaajilamuuf haara-galfii gaarii uumaa akka jiru yaada hawaasni kennaa jirutu
raggaa qabatamaadha.Hanga tokko bayyanachuun akka jiru haaluma qabatamaan mul’atutu
ragaa ta’ee dhiyaachuu danda’a.
Hojmaata Teeknooloojiin
deeggarame kana se’achuun waan danda’amu miti.Wanti yaalamu yoo jiraate
balbalatu cufama.Adeemsaan ammoo yeroo gabaabaa keessatti saaxilamuutu dhufa.Kanaaf
Masoob tajaajila iddoo tokkootiin kan matta’a fudhachuuf jarjarus ta’e kan matta’a
kennuuf onnatu jiraachuu hindanda’u.
Hojimaanni hammayyaa’aan
kun galiin mootummaadhaaf galuu qabu harka namoota dhuunfaa akka hingalleef
dhorka.Hojmaata hammayyaa’aatu waardiyaa ta’ee eega.Kanneen shira addaa
addaatti fayyadamuun kana biras darbuun akkuma Kanaan duraa gocha
malaammaltummaa misooma biyyaattii gufuu ta’u raawwachuuf socho’an ammoo takka
tura malee saaxilmuunsaanii waan oolu hinta’u.
Kun qabatamaan ta’ee
yeroo adda addaatti agarree jirra.Hojimaata farra malaammaltummaa mootummaan
diriirse gara cinaatti dhiisuun tooftaa ofii uummataniin socho’uun kanneen
gocha hannaa irratti bobba’an saaxilamuudhaan seeratti yoo dhiyaatan mul’ateera.Kun
ammoo qabsoo ummanni bal’aan malaammaltoota irratti taasisuuf haala mijaawaa
kan uumudha.Hawaasni onnatee yaaddoo keessaa ba’uudhaan qaama mootummaa dhimmi
ilaallatuuf eeruu kenna.
Eeruu yeroo adda addaatti hawaasni kennetu hattoonni mala adda addaa fayyadamuun waa qunxuratan ragaadhaan tarkaanfiin kan irratti fudhatame.Kan akkanaa Kanaan ’Waa Malee Manni Hin’aaru’ jechuudhaan bira dabarra.
Ibsa gabaabaa muummichi
ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad wayita ministiroota muudaman dhiyeessan
kennan irraa waan hedduutu hubatamuu danda’a.Kanneen akkuma Kanaan dura barame
dhoqqee loobicatti seenan sadarkaa irra jiraniin waan badii raawwataniif itti
gaafatamuun isaanii waan oolu hinta’u.Itti gaafatamummaan guddaan ammoo kan
sammuun nama gaaftudha.Yoo nama ta’anii sammuu qabaatan sammuu isaaniitu isaan
gaafata.Sanuu itti deddeebi’ee isaan cinqa.Kun ammoo gammachuu isaan
dhorka.Waan shiraan biyyaafi ummata irraa qunxuratan saniinuu gammadanii
jiraachuu hindanda’an.Waan warrii waayyaannee ta’e qalbeeffachuun gaariidha.Kanneen
ragaan qabatamaan irratti argames seeratti dhiyaachuunsaanii waan hin’oolle ta’a.Akkasi
dubbiin.
Ministiroonni
Itiyoophiyaa kaleessaa haarawa muudamanis ta’e kanneen akka itti fufan
taasifaman akeekkachiisaafi doorsisa muummichi ministiraa mana marii bakka bu’oota
ummataatti iftoomaan kennan akkamitti iaalu laata? Akka itti ilaalan isaantu
beeka.Gochoota badiirraa of eeguudhaan kutannoodhaan ummata tajaajiluun dhimma murteessaa
akka ta’e adda babayiirratti itti himameera.Yoo kutannoofi sammuu sirrii qabaatan
waan iftoominaan himame hojiirra oolchuudhaan ummata bal’aa tajaajiluudhaan
ogeessiifi hojjetaan isaaniin bulfamus haqaan ummata akka tajaajilu taasisu.Ta’uu
baannaan maal nadhibeedhaan socho’uun gadi galoo ta’anii hafu.Kanuma dubbiin!
Akeekkachiifni Dr.Abiy
kennan isaaniif gala jennee ammanna.Ibsi muummichi ministiraa Abiy Ahmad kennanis
ummanni qabsoo malaammaltoota irratti taasifamuuf akka onnatu taasisa.Ummanni
bal’aan kutannoo hooggansi biyyaa qabu Kanaan onnatee malaammaltoota dura akka
dhaabbatu shakkiin tokkollee hinjiru.Fayyaa ta’aa,waan dubbiftaniifis
galatoomaa!



0 Comments