(YMN,Finfinnee,Onkololeessa 01,2019) Yaadi 'waraanni siyaasa hinqabne Shiftaadha' jedhu yaada sirriidha.Kan fudhatamuu qabudhasi.Kallattii kanaan Shaneen WBO jedhanii maqaa bareedaa itti moggaafachuun jarri waammatan sagntaa siyaasaa kanadha jedhamee hinamuuf hinqabdu.
Kanaaf akkuma kanaan dura himamaa tureefi ammas qabatamaan beekamu shaneen shiftaa dararamni sabaa akka hindhambneef dhokattee shiftummaadhaan socho'aa jirtudha.
Qaamni kamiyyuu waamicha nagaa sabaafi mootummaan yeroo adda addaatti dhiyeesseef didee ergamtummaa diina alaa fudhatee bosona keessa dhama'u shiftaadha.
Shiftoonni kun 'dhimmi Oromoo harka ABO-WBO keessa jira' jedhanii yaadu.Yaada dogongoraa qabu.Dhimmi Oromoo karkuma Oromoo keessa jira malee akka Jireenyaa Guddataa yaadutti dhimmi Saba Oromoo harka shiftaa keessa jiraachuu hindanda'u.
Moggasa maqaa fokkisaa shftaa jedhu kana ofirraa mulquu kan danda'an gocha shftummaa raawwataa jiran dhaabuu qofaadhaani.Kana malees diinaaf ergamuu dhiisanii waamicha nagaa ummataafi mootummaa mamii malee hatattamaan fudhachuutu irraa eegama.
Shiftaan maqaa Saba Oromoo da'eeffachuudhaan sochootu maalif fuulleetti Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa dura dhaabbachuu dadhabderee? Erga humna qabaattanii maalif bosona keessa jiraattu?Qaamota waliin gamtaa uummannee jettanhoo maalif gargaaruu dadhabdan?Michuun keessan Waayyaanneen haleellaa Raayyaa Ittisa Ittisaa Itiyoophiyaatiin yoo waxalamtu maalif gargaaruu dadhandan?
Gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennitan of harkaa hinqabdan! Shiftaadha waan taataniifi kan shiftaan riphee dhokatee raawwatuun ala wanti raawwachuu dandeessan tokko hinjiru.Bara baraan dhokattanii jiraattu malee fuulleetti baatanii hojiin gootummaa hojjettan hinjiru.Kallattii ofiif ittiin sochootan hinqabdan.Kan isin ergatutu isniif kenna.Inni gorsaafi kallattii isiniif kennus amma rakkoo cimaa keessa galeera.
Lubbuu ofii baraarfachuu dadhaee dhphina cimaa keessa seenuun bittinaa'eera.Gara Eertiraattis baqachaa jira.Ammaan booda humna qabaatee isiniif kallttiifi gorsa shiftummaa kennuu hindanda'u.Egaa maal taatu? Fala maal falattan? Furmaata waaraa kanisiniif ta'u waamicha Nagaa Ummataafi Mootummaa Ida'amuu fudhachuu qofadha.Waan kana akka gareettis akka dhuunfaattis itti yaaduudhaan daddafaa deebii kennaa! Kanaan achi dhumni keessanis akkumma Waayyaannee ta'uunsaa waan hinoollee akka ta'e qalbeeffadha.'Abbaatu Of Mara' jedhi Bofni.


0 Comments