(YMN,Guraandhala 28,2018) Nuti akka sabaatti hamma geenyu beeknaa laata?Haqa kana qalbeeffachuudhaan hamma geenyu beeknee mataa olqabannee socho’uutu nurraa eegama.
Hojiiwwan gootummaa keessaa yoomillee Oromoon dhabamee hinbeeku.Dhalataan Wallaggaa gooti keenya beekamaan Alii Barkee waggoota 48’n dura humna weereertuu Soomaaliyaa dura dhaabbatee meeshaa waraanaa guddaa Taankii booji’e.Kanaanis gootummaansaa akka labsamu taasisee sirna Darguutiin jajame.
Gooti beekamaan Alii Barkee har’a lubbuun hinjiran.Waggoota muraasaan dura boqotanii iddoo dhugaa dhan.Hojiin gootummaa isaan humna weereertuu Ziyaadbaarree jlbiinfachiisuun hojjetan garuu bara baraan yaadatama.
Alii Barkeef “እንደ አሊ በርኬ ታንክ ማርኬ” jedhamee sirbameeraafi.Hojii gootummaa yerootti hojjetanitu akka faarfaman isaan taasise.Baga gootota hedduu qabaanne!.
Kun qofaan mataa keenya olqabannee akka sochonuuf kan nuonnachiisudha,Inijfannoo Aduwaa dheengadda yaadatamee darbe keessatti Oromoon akka sabaatti qooda ol’aanaa gumaacheera.Kana jechun saboonni kanneen biroo hinhirmaanne jechuu miti.Oromoon garuu shoora ol’aanaa haalamuu hindandeenye gumaache.Kun ifatti himamuu qaba.Janaraaloota 12 waraanicha hoogganan keessa 9 Oromoodha jechuun maal jechuu akka ta’e ofiisaatiif haqa hima.Kana nujalaa dhoksanii turan.
Waraana humna Ziyaadabaarree jilbiinfachiisuuf adeemsifame keessattis barreeffamee taa’ee himamuu baatus gootota Oromootu weereertuu albaasee adabachiise.
Yaa Sabaa! Ammas hooggansa jijjiiramaatiin hojiiwwan gootummaa mataa Oromoo hundaa olqabachiisuu danda’antu itti fufiinsaan hojjetamaa jira.Haqa kana qalbeeffachuun gaariidha.Ammoo madaa darbe hooquun gatii hinqabu.Warra godaannisa yaadatanii tuttuqanii madaa hooqaa oolan gataa bira darbaa! Baga guyyaa injifannoo Kaarraamaarraa waggaa 48ffaa geessan!Guyyaan injifannoo Kaarraammaarraa kamisa darbe Guraandhala 26,2018 yaadatamee darbe.Guyyaan injifannoo kun dhaloota dhufuunis waggaa waggaadhaan kan yaadatamu ta'a.


0 Comments