(YMN,Ebila 15,2018) Galanni guddaan daangaa hinqabne ummata
bal’aaf haata’u! Ummani bal’aan Nagaa barbaada.Kanaaf yoomillee tokkummaan
Nagaaf dhaabbata.Ummanni ejjennoosaa cimaa kana irra deddeebiidhaan mul’iseera.
Diinni keessaafi alaa qindoomina uumuun filannoo waliigalaa
barana caamsaa 24 adeemsifamu da’oo taasifachuun dursee gungumuudhaan jeeqamsaafi
hookkarri akka babal’atuuf karoorfatee,tarsiimoo karoorasaa hojiirra ittin
oolchus qopheeffatee socho’eera.
Garuu kan yaade hunduu akka hinmilkoofneef kunoo qabatamaan
mirkanaa’eera.Filannoon akka jeeqamuuf,ummanni yaaddoo keessa akka
galuuf,caasaan mootummaa akka burjaaja’uuf diinni sirritti itti qophaa’uun
hojjetee ture.
Jalaa fashalaa’e.Karaatti hafan.Warri keessaafi alaa amma qaana’anii akka morma gadi qabatan
hubanne.Utuu ta’uu baatee weelluun Teediroos Kaasaa’uun(Teedii Afroo) torban
har’aa sa’aatii 8tti,baatii 8ffaatti,bara 2018’tti dura duulli banameefi gadi
lakkifame akkuma jarri yaaddee itti qophoofte waan baay’ee kan jijjiiru ture.
Hintaaneef.Mamii malee akka jalaa fashalaa’e haala qabatamaan
jiruttu ragaadha.Warraaqsi ummataan deeggagrame
torban miti,guyyoota lamaafi sadi keessatti jijjiirama qabatamaa ta’e
mul’isa.Garuu shirri diinni itti qophaa’ee shire ummata bal’aa rakkoo
qalawiinsa jireenyaa qabuun kan deeggarame waan hintaaneef diinni waaroo
salphinaa haguuggachuun dirqama itti taate.
Galmeen filattootaa kaleessa Ebila 14 bara 2018 guutummaatti
milkaa’inaan xumurameera.Ragaan Boordii Filannoo Itiyoophiyaa dhiyeenya ifoome
akka mil’isetti filannicha irratti hirmaachuuf ummanni lakkoofsisaa miliyoona
46 caalu galmeeffamuun kaardii filannoo fudhatee of harkaan ga’ateera.
Yeroon galmee boordichi dabale filattoonni hedduun carraa
filachuu akka argataniif shoora guddaa gumaacheera.Kunis hirmaannaa ummataa
dabaluuf haala mijaawaa uumeera.Injifannoo kanaan diinni akka gadduufi mataa
gadiqabatu beekamaadha.
Injifannoon kun akka galmeeffamuuf Boordii Filannoo Itiyoophiyaa
dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatuun hundi shoora guddaa bakka bu’ummaa
hinqabne gumaachaniiru.Injifannoon kun diina gaddisiisuun darbuus lammiiwwan
biyyasaanii jaallatan hundaaf gammachuu kan uumudha.
Egaa filannoon waliigalaa Caamsaa 24,2018 adeemsifama.Ammaan
booda guyyaa sagaleen itti kennamu kanaaf of qopheessuun barbaachisaadha.Qophiin
guddichi galmeeffamuun kaardii filannoo fudhachuu ture.Kun milkaa’eera.Kaardii
sagalee keenyaan murtee seenaa qabeessa itti dabarsuuf of harkaan ga’anne of
eeggannoon olkaawwachuun ammoo dirqama
lammii galmeeffame hundaati.
Waan kana namatti himuun barbaachisaa ta’uu baatus yaadachiisumaaf
guyyaa murteen itti dabarafamuufi sagaleen itti kennamu salphaatti argachuuf kaardii
filannoo iddoo dhiyoo kaawwachuun barbaachisaadha.Kaardiin filannoo qawwee
keenya karaa nagaatiin qaama hinbarbaadne deem narraa ittiin jennu akka ta’e
qalbeeffachuun gaariidha.
Baandaawwan ergamtuummaadhaan diinaan bitamanii socho’an malaafi
tooftaa birootiin dhufuun isaanii waan hinoolledha.Akkuma kanaan dura gochaa
turan wanti itti qophaa’aan yoo jalaa
fashalaa’u mala biroo qopheeffachuudhaan dhufu.Xiiqii keessa galan waan ta’eef
haala mijaawaa argatan hundatti fayyadamu.
Kanaaf of eeggannoofi qophaa’ummaan diina qolachuufi
fashaleessuu ummata bal’aa hirmaachise akkuma kanaan duraatti daran
finiinuudhaan akka itti fufuuf hojjechuun dhimma murteessaadha.
Kana yoo goonu paartiiwwan adeemsa filannoo seera qabeessatti
hirmaachaa, iddoo lama dhaabbatan dabalatee mindeeffamtoota diinaa hunda irra
deddeebiidhaan qaanessuun nidanda’ama.Filannoo demokraatawa Addunyaa Afaan
qabachiisu adeemsisuu akka dandeenyu kanaan durayyuu mul’ifneerra.Filannoon
waliigalaa bara 2018 gama hundumaanuu kan milkaa’e nuuf haata’u!

0 Comments