(YMN,Finfinnee,Waxabajjii
16,2018) Filannichi seenaa-qabeessuummaan
isaa galmee seenaa irratti qabameera.Dhuguma! filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa
milkaa’inaan xumurameera.Bu’aan filannichaa kan waliigalaas qaama dhimmichi ilaallatu
Boordii Filannoo Itiyoophiyaatiin Waxabajjii 14,2018 ifoomsameera.
Bu’aan boordichi
ifoomse akka mul’isetti paartiin Badhaadhinaa irra aaneera.Carraa biyya bulchuu
marsaa 2ffaa harkatti galfateera.Tilmaama dura tureen paartiin Badhaadhinaa
filannichaan sagalee caalmaa galmeessisuu akka danda’u nibeekama ture.Amma
waanuma baay’oonni tilmaamntu qabatamaan ta’ee mul’ate.
Ummanni bal’aan
Nagaa,Misoomaafi Badhaadhina waaraa akka barbaadu sagaleesaatiin himeera.”Abbaatu
Of Mara Jedhe Boofni”
Bu’aa ol’aanaa
Badhaadhinni galmeessiseen firri gammadeera,diinni ammoo akka malee gaddeera.Mataan
diinaa hadi dhundhuleera.Baga! jenne.Nutu dhugaa kana sirritti
beekna.Gammachuun firaa itti fufinsa akka qabaatuuf gaddi diinaa ammoo diina durumayyuu qarqara hallayaarra jiru
hallayyaatti akka isa gatuuf ciminni Badhaadhinaa itti aanu murteessaadha.
Bu’aa amma
galmeeffameen gammaduun taa’uun waan qaanessaa akka ta’etti fudhatamuu qaba.Fiigicha
hooggansi ol’aanaan keessumattuu pireezidaantiin paartichaafi muummichi
ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad irra jiran miseensotaafi deeggartoota
paartichaatiin utubamuutu irra jiraata! Mitiiree Yaa Jamaa!Fuulduratti waan hedduu jennutu jira.

0 Comments