(YMN, Hagayya 15, 2018)
Itiyoophiyaafi Ameerikaan damee loltummaafi nageenyaatiin tumsa tarsiimawaa
taasisuuf akka waliigalan ifoomsaniiru.Kun biyyaaf oduu aagaati jedhamee kan
fudhatamuu danda’udha.Keessumattuu haala waqtaawaa akka biyyaatti keessa
jirruufi bu’ii ba’ii naannawa gaanfa Afrikaatti mul’achaa jiru wajjin
walqabatee yammuu ilaalamu waliigalteen kun faayidaa biyyaalessaa waloo mamii
malee kabajsiisuuf kan garaarudha.
Oduun aagaa kun kan dhaga’ame Raayyaa Ittisa Biyyaatti gareen Daayrektera hariiroo alaafi tumsa Loltummaa Meejar Janaraal Tashoomaa Gammachuun durfame Ameerikaatti daawwanna hojii erga adeemsisee boodadha.
Mariin qondaaltoota loltummaa biyyaalee lamaaniitiin taasifame tumsa diippiloomaasiifi loltummaa Itiyoophiyaafi Ameerikaa jidduu jiru gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf kan gargaarudha.Kanaafis waliigalteerra ga’ameera.
Tumsi
tarsimaawaan Itiyoophiyaafi Ameerikaa kun faayidaa biyyaalessaafi fayyadamummaa
waloo mirkaneessuuf akkasumas ammoo wal amantaa waloo cimsuun Gaanfa Afrikaafi
naannawichatti nageenya waaraa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Biyyaaleen
lameen tumsa waliigalteen mirkaneessan kana hatattamaan hojiirra oolchuufi gara
michummaa tarsimaawaatti ol guddisuuf kutannoo waloo qabanis mirkaneessaniiru.
Gareen loltummaa Itiyoophiyaa daawwannaa Ameerikaatti taasiseen Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa (Peentaagoon) jedhamuun beekamu keessatti itti aanaa gargaaraa Ministira Dhimmoota Afrikaa Biraayaan Jee Eelis waliin mari’ateera.
Odeeffannoon ministeerri dhimmi alaa Itiyoophiyaa ifoomse akka mul’isetti gareen loltummaa Itiyoophiyaa qondaaltoota loltummaa Ameerikaa malees hooggantoota dhaabbilee Ameerikaa kanneen biroo waliin dhimmoota waloorratti mari’ateera.
Waliigalteen
Itiyoophiyaafi Ameerikaa kun diinoota keessaafi alaa irratti rifaatuu akka uumu
shakkiin hinjiru.Qindoomina uumuudhaan Itiyoophiyaafi naannawa gaanfa Afrikaa unkuruuf qophaa’anii
turan.Amma jalaa fashalaa’eera.Wanti gochuu danda’an hinjiru.Durumayyuu akka ta’uu
hinqabnetti qindoomina uuman.Humnoota waan hedduun walfaallaa jirantu
qindoomina uume.
Amma callisuumaan
garee seeraan alaa waayyaannee irratti tarkaanfiin loltummaa fudhatamaa
jira.Kaayyoon tarkaanfii kanaa meeshaalee waraanaa waayyaanneen gamaa-gamaanaa
walitti funaannatte barbadeessuudhaan walfixiinsa waayyaanneen hamoommatteef
hanbisuudha..Kaayyoon Mootummaa Itiyoophiyaa galmasaa ga’aa akka jiru
odeeffannoowwan mul’isan tibbana guyyuutti tamsa’aa jiru.
Ammaan booda
qindoomina diinoota alaa waliin taasifameen mootummaa Itiyoophiyaa paartii
Badhaadhinaatiin hooggaamaa jiru taayitaa irraa fonqolchina’ jechuun dhaadannoon
waayyaanneen dhageessisaa jirtu gatii tokkollee hinqabu.
Bara bulchiinsa
prezidaantii Ameerikaa Kanaan duraa Joo Baayidan qondaaltoonni Ameerikaa tokko
tokko warra waayyaannee wajjin michummaa gaarii kan uuman waan turaniif
waggoota shaniin dura kan ta’ee darbe nibeekama.Hindagannus.
Amma sun hinjiru.Biyyaaleen
lixaa akka yeroo sanii waayyaannee madii hiriiran amma hinjiran.Adabadhaa
jechuun itti himaniiru.Warri waayyaannee garuu irraa hinfudhanne.Deeggarsa
meeshaa waraanaa mootummaa Shaabiyaafi Misiraa irraa argatan abdachuudhaan akka
malee ta’an.Mootummaan Itiyoophiyaa tooftaa gaariifi fudhatamummaa qabuun
tarkaanfii faayidaa biyyaalessaa kabajsiisuu danda’u fudhateera.
Ammaan boodas yoo adabachuu didaniifi waamicha nagaa dhiyaateef fudhatnii gara nagaatti hindhufan taanaan tarkaanfii duuba deebii hinqabne irratti fudhachuuf waliigalteen loltummaa Itiyoophiyaafi Ameerikaan taasisan bu’uura guddaa ta’ee kan tajaajilu ta’a.Nuti akkana jenna.Itiyoophiyaafi Ameerikaan baga waliigalan!



0 Comments