(YMN,Finfinnee,Fulbaana
05,2019) Maqaa nama ittiin miidhamtee waamuun sitti hintolu.Iddoo wayiin itti
miidhamtes waamuuf nirakkatta.Kun amaluma uumama ilmaan namaati.Amma diinni waa’ee
Sharariinaa akka itti kaaftu hinbarbaadu.Dhugaa kana quba qabna.Diinni
Itiyoophiyaa karaa Sharariinaatiin waan guddaa karoorfatetu jalaa fashalaa’e.Dhimmi
Sharariinaa akka itti hikaaneef jibbus dhugaa qaba.
Nuti
warri Sharariinaa irratti injifannoo cululuqaa galmeessisuudhaan diina
keessaafi alaa salphifne ammoo maqaa Sharariinaa irra deddeebinee waamuudhaaf
onnee guutuu qabna.Injifannoo galmeessifneen niboonna.Hamma geenyus diinoota
hundattii waan mul’isuu dandeenyeef akki ittiin boonnu daangaa hinqabu.Nuti
Itiyoophiyaanoota!
Baadaafi
Baandaa qaaneessinee afaan qabachiifne.Inifannoo galmeessisuun ammas itti
fufeera.Sochii misoomaafi guddinaa irraa nugufachiisuuf itti qophaa’anii akka malee wixiffatanis akka nudhaabu
hindandeenye hubataniiru.
Ololaan
of jajjabeessuuf yaalanis duwwaa akka ta’an
seexaan isaanii akka jalaa tuqamee dararamaa jiran kan beekutu sirritti
beeka.Bu’aan kun hojii gootummaa ijoollee Itiyoophiyaatiin galmeeffamuu danda’e.Inijifannoo
irratti injifannoo galmeessisuun amaleeffamee itti fufeera.
Gama hundumaanuu hojiiwwan maqaa Itiyoophiyaa addunyaa irratti waamsisantu itti fufiinsaan hojjetamaa jira.Waan hedduu beekamu keessaa har’aaf dhimma Sharariinaa qofa kaafne.Diinni yeroo hedduuf qophaa’e waraana suukaneessaa Itiyoophiyaa irratti bane waan hedduu baballeessuuf karoorfatee ture.Karoorri diinaa gootummaa ijoollee Itiyoophiyaatiin fashalaa’uudhaan akka hintaane ta’ee hafe.
Utuu waraanni karaa Sharariinaatiin jalqaba baatii Adoolessaa bara 2018
irra diinni bane hanguma tokkollee milkaa’eefii wacaafi gammachuun diinotaa
daangaa hinqabu ture.Kan yaadaniifi itti qophaa’aniin ala waan ta’aniif morma
gadi qabachuuf dirqaman.Inumaatuu maqaa Sharariinaa waamuun suukaneessaa itti
ta’e.Kan Sharariinaa irratti ta’ee diinni keessaafi alaa ittiin salphate galmee
seenaa irratti galmeeffamee qabameera.Bara baraan kan yaadatamu ta’a.Waan
dubbiftaniif fayyaa ta’aa!Ulfaadhaa!

0 Comments