Cuuphaan mira waloomaa cimsuuf faayidaa ol'aanaa qaba

 


Ayyaanni Cuuphaa walitti dhufeenyi hawaasummaa kan itti cimuufi mirri tokkummaa kan itti jabaatu waan ta'eef sadarkaa guutuu biyyaatiin mira waliif yaaduutiin kan kabajamu akka ta'e deetaan ministira Tuuriizmii Ob.Silashii Girmaa himaniiru.

Obbo Silashiin turtii dhaabbata pireesii Itiyoophiyaa wajjin taasisan irratti akka himanitti ayyaanni Cuuphaa ayyaanoota adda babayii irratti kabajaman keessaa tokko waan ta'eef gama mira waloomaa cimsuutiin faayidaa ol'aanaa qaba.

Itiyoophiyaan ayyaana Cuuphaa kanaan aadaa walkabajuu,waldanda'uufi walgargaaruu akkasumas dudhaa waliin jireenyaa addunyaatti kan beeksiftu akka ta'es obbo Silashiin himaniiru.

Akka beekamutti ayyaanni Cuuphaa hambaa kiliyaa beekkamtii argachuudhaan UNESCO'tti galmeeffamedha.Kanaaf qabeenya Itiyoophiyaa qofa utuu hintaane qabeenya idil addunyaas akka ta'e yaadachuun barbaachisaadha.Cuuphaan akkuma Sirna Gadaa Oromoo addunyaa irratti beekkamtii argatee galmeeffamuun faayidaan fidee dhufu baay'eedha.

Faayidaawwan argaman keessaa galiin turiistoota irraa argamu adda durummaadhaan kan eeramuu danda'udha.Tuuriistoonni biyyaalee adda addaa irraa gara Itiyoophiyaa dhufan sirna ayyaana Cuuphaa iddoowwan adda addaatti kabajamu daawwachuun isaanii waan hinoolledha.Sababa ayyaana kanaatiin turtiin Itiyoophiyaatti taasisan guyyootaaf kan turudha.Turiistoonni gara Itiyoophiyaa dhufan kun baasiin nyaataadi iddoo bulmaataa Hoteelaaf baasan galii biyyaa kan dabaludha.

Galiin lammiin biyyaa hojii adda addaa irratti bobba'uun turiistoota tajaajiluun argatu irra keessa yeroo yaadamu kan dhuunfaati jedhamee kan yaadamu yoo ta'ellee galiin namoonni dhuunfaa argatan kun kallattii adda addaatiin galii biyyaas ta'uudhaan guddina biyyaa saffisiisuu keessatti shoora gamasaa kan gumaachudha.

Kanaaf ayyaanni Cuuphaa karaa nagaatiin kabajamee akka darbuuf carraaqqii humnoonni tasgabbii taasisan maddiitti hawaasni sirna ayyaanichaa irratti hirmaatu eegumsa taasisuutu irraa eegama.Wanti addaa kan mudatu yoo ta'es battalatti qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennuun barbaachisaadha.

Humni sirni ayyaana Cuuphaa jala-bultii irraa eegalee akka boora'u,mira gaariidhaan akka hindabarre barbaadu akka jiru nibeekama waan ta'eef of eeggannoo gahaa taasisuun dhimma murteessaadha.Humnoota fedhii nagaa booressuu qabaniin rakkoon xiqqoonillee kan uumamu yoo ta'e isaaniif maqaa guddaa ta'a.

Miidiyaaleen idil addunyaa gocha humnoonni badii raawwatan dafanii gabaasuudhaan addunyaan akka dhageessu taasisu.Kun ammoo ergaa ayyaanni Cuuphaa sadarkaa idil addunyaatiin beekamu utuu kabajamaa jiru balaan mudate jedhamee odeeffama.Oduun haala kanaan odeeffamu sirni ayyaanichaa boora'uu qofa utuu hintaane maqaa gaarii Itiyoophiyaan qabdu irrattis miidhaan geessisu ol'aanaadha.

Kanaan ammoo diinni keessaafi alaa Itiyoophiyaan akka midhamtu barbaaduufi kanaafis fedhii ol'aanaa qabu gammachuu goonfata.Gammadee hindhaabbatu.Qaawwa argatetti fayyadamuudhaan sochiin diigumasaa akka babal'atuuf socho'a.Kana irraa nuhaabaraaru!

Hundumaafuu nagaan amansiisaan jiraachuu kan danda'u lammiin hundumtuu abbummaadhaan of eeggannoodhaan socho'uu qaba.Humnoonni tasgabbii carraaqqiin qindoominaan taasisan akkuma jirutti ta'ee hirmaannaan hawaasni hundi taasisu barbaachisaadha.Kan ayyaana Cuuphaa kabajjan hundaaf ayyaanni Kataraafi Cuuphaa ayyaana gaariif isiniif haata'u.Fayyaa ta'aa!


Post a Comment

0 Comments