Qorannaan raawwii hojii Oromiyaa xumurame



Finfinnee #Ethiopia Onkololeessa 18/2016(YMN) Qorannaan raawwii hojii Oromiyaa Adaamaatti adeemsifamaa ture kallattii hojii gara fuulduraa kaa’uudhaan xumurameera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjiin qorannoo raawwii hojii adeemsifamaa ture milkaa’inaan akka xumurameefi kallattii kaa’ame ilaalchisuudhaan ergaa dabarsaniiru.

Ergaan guutuu Pirezidaant Shimallis dabrsan kan itti aanu kanadha dubbisaa:


“Gamaaggamni raawwii hojiilee kurmaana tokkoffaa guyyoota darban taasisa turre xumurree jirra.

Muuxannoowwaan milkaa’inaafi hanqinaa woggoota muraasa darbani irraa ka’uun, karoora bara kanaa maqaa “Karoora Xiiqii” jedhuun moggaasuun keenya niyaadatama. Milkaa’ina karoora kanaatiif hunda dura ka’umsaafi maalummaa karoorichaa hubachuun dhimma murteessaa ta’uu hubachiisuun barbaada. Ka’umsi “Karoora Xiiqii” gaabbii “osoo qabnuu akka dhabaatti; osoo dandeenyuu akka dadhabaatti maaliif?” jedhuu irraa kan ka’u. Inni biraa maalummaa karoorichaa hanqina hubannoo tokko malee beekudha. Haaluma kanaan “Karoorri Xiiqii” kun “dilbii (potential) qabnu kan hubate, hiixataa, kaleessaan kan hin madaalamneefi haala adeemsa isaa baay’ina, ariitiifi qulqullinaan raawwachuufi oomishuu kan taasiseedha.

Gamaaggama har’a goolabneen ka’umsa, maalummaa, tooftaafi humna raawwii keenyaa irra dhaabbachuun raawwii kurmaana tokkoffaa bara hojii 2016 gadi fageenyaan ilaallera. Karoorri qabameefi raawwiin jiru, humni raawwii keenya kan ta’an, humna maatii, humna mootummaa (baajata) akkasumas humna waloo waliin hagam akka walsimsineefi fageenya hagamii akka nu deemsisuu danda'an qoranneerra.

Gamaaggama raawwii baatiiwwan sadan darbanii kanaan, gama tokkoon cimina mul’dhatan adda baassun akkaataa itti babal’dhatuu danda’an gama biraatiin, hanqinoota mul’dhatan adda baasuun tarkaanfiilee sirreeffamaa fudhatamuu qaban maal maal akka ta’an adda baasuun kallattii itti kennineera. Haaluma kanaan, seektaroonni hundi, akkaataa kallattii waliigalaa kaa’ameen hojiilee gurguddoo raawwiileen isaanii harkifatan yeroo gabaabaa keessatti sababa harkifannaa isaanii adda baasuun kurmaana dhufutti yoo xiqqaate akkaataa karoorfameen raawwachuun dirqama ta’uu cimsee hubachiisuun barbaada.

Dhumarrattis, kurmaana sadan hafan keessatti, fayyadamummaa ummanni keenya akka mirkaneessinuuf nurraa eeguufi waadaa fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf ummata keenyaaf galle yaadachuun yeroo kamiiyyuu caalaa miira yeroo hin qabnuufi xiiqii jabaadhaan raawwannee karoora waggichaa milkaa’ina olaanaadhaan kan goolabnu ta’uu abdii guutuu kanan qabu ta’uu isiniif mirkaneessa!”

 

 

Post a Comment

0 Comments