Balballi Galaanaa Dhimma Birmadummaa Biyyaati

 

Abbichuu Yaa'ii BRICS 18ffaa irratti


(YMN,Finfinnee,Fulbaana 04,2019) Biyyi teenya Itiyoophiyaan karra galaanaa shira diina keessaafi alaatiin dhabdetti karaa nagaatiin deebi’uuf gaaffii seenaa qabeessaafi seera qabeessa dhiyeeffachuun deebii amansiisaa eeggachaa jirti.

Dhimma biyyaa murteessaa kana hawaasni idil addunyaa hubachuu akka danda’uuf mataa gadi qabachuu waggoota hedduu keessaa ba’uun gaaffii balbala galaanaa erga dhiyaatee booda hojiin damee diippiloomaasiitiin hojjetame bu’aa biyyi barbaaddu argamsiisaa jira.

Wanti guddaan hubannoo uumuudha,Hojiin diippiloomaasii waggoota muraasa darban keessa hojjetamaa ture.Hawaasa idil addunyaa biratti hubannoo gahaa uumuuf kan gargaare akka ta’e hubatameera.

Hojiin hubannoo gahaa uumuu kun ammaan tanas itti fufee akka jiru haasawa muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad tibbana yaa’ii 18ffaa biyyaalee miseensa BRICS irratti dhageessisantu ragaa qabatamaadha.

Dr. Abiy ergaa yaa’icha irratti dabarsaniin biyyaaleen miseensa BRICS gaaffii balbala Galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite akka deeggaraniif Itiyoophiyaan Balbala Galaanaa argttu malee akka biyyaatti itti fufuu akka hindandeenye dhaamaniiru.

Hojiin haala walfakkaatuun waltajjiiwwan idil addumyaa adda addaa irratti  Kanaan dura hojjetatame Balbala Galaanaa wajjin  walqabatee dhugaa Itiyoophiyaan qabdu hawaasni idil addunyaa akka beekuufi deeggarsa gamasaas akka taasisuuf haala mijaawaa uumeera.

Biyyaaleen ollaa diina Itiyoophiyaa ta’aniifi biyyi teenya balbala Galaanaa akka hin’arganneef  wixiffachaa jiran(Eertraafi Gibts) amma salphina keessa  jiru.Hanga fedhan wixiffatanis  gaaffiin Itiyoophiyaa deebii akka hin’arganne gochuu hindanda’an.Qophaa’ummaa Itiyoophiyaan gama hundaan qabdutu humna isaan dhabsiise.

Ololaan miidyaa irratti wacaa kan jiran ta’us wanti fiduu danda’an akka hinjirre amma hubatameera.Olola miidiyaawwan idilees ta’e miidiyaawwan hawaasummaa irratti facaafamaa ooluun mootummaan Itiyoophiyaa waan fonqolfamuu danda’u itti fakkaatee munyuuqaa jiru.Haadhama’an.Waayyuu gochuu akka hindandeenye haqa qabatamaan jirutu ragaadha.Qindoofne jechuun doorsisuuf yaalanis qindoomminni isaanii tuulaa hiddii akka ta’e argaa jirra.

Egaa Balbala Galaanaatti deebi’uun amma dirqama ta’eera.Gaaffii Itiyoophiyaa dura humni dhaabbachuu danda’u akka hinjirre mirkanaa’eera.Dhimmichi dhimma birmadummaa biyyaa ta’eera.Itiyoophiyaan Birmadummaa ishii kabajsiiftu malee jiraachuu hindandeessu.Balabala Galaana Diimaa qindoomina shira diinaatiin dhabnetti mamii malee deebi’uuf kallattii hundumaanuu qophoofneerra.Diinni haqa kana waan hubateef rom’aa akka jiru hubachuun barbaachisaadha.


Post a Comment

0 Comments