(YMN,Finfinnee,Fulbaana 04,2019) Biyyi teenya Itiyoophiyaan karra galaanaa shira diina keessaafi alaatiin dhabdetti karaa nagaatiin deebi’uuf gaaffii seenaa qabeessaafi seera qabeessa dhiyeeffachuun deebii amansiisaa eeggachaa jirti.
Dhimma
biyyaa murteessaa kana hawaasni idil addunyaa hubachuu akka danda’uuf mataa
gadi qabachuu waggoota hedduu keessaa ba’uun gaaffii balbala galaanaa erga
dhiyaatee booda hojiin damee diippiloomaasiitiin hojjetame bu’aa biyyi
barbaaddu argamsiisaa jira.
Wanti
guddaan hubannoo uumuudha,Hojiin diippiloomaasii waggoota muraasa darban keessa
hojjetamaa ture.Hawaasa idil addunyaa biratti hubannoo gahaa uumuuf kan
gargaare akka ta’e hubatameera.
Hojiin
hubannoo gahaa uumuu kun ammaan tanas itti fufee akka jiru haasawa muummichi
ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad tibbana yaa’ii 18ffaa biyyaalee miseensa
BRICS irratti dhageessisantu ragaa qabatamaadha.
Dr.
Abiy ergaa yaa’icha irratti dabarsaniin biyyaaleen miseensa BRICS gaaffii
balbala Galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite akka deeggaraniif Itiyoophiyaan
Balbala Galaanaa argttu malee akka biyyaatti itti fufuu akka hindandeenye
dhaamaniiru.
Hojiin
haala walfakkaatuun waltajjiiwwan idil addumyaa adda addaa irratti Kanaan dura hojjetatame Balbala Galaanaa
wajjin walqabatee dhugaa Itiyoophiyaan
qabdu hawaasni idil addunyaa akka beekuufi deeggarsa gamasaas akka taasisuuf
haala mijaawaa uumeera.
Biyyaaleen
ollaa diina Itiyoophiyaa ta’aniifi biyyi teenya balbala Galaanaa akka hin’arganneef wixiffachaa jiran(Eertraafi Gibts) amma salphina keessa jiru.Hanga fedhan wixiffatanis gaaffiin Itiyoophiyaa deebii akka hin’arganne
gochuu hindanda’an.Qophaa’ummaa Itiyoophiyaan gama hundaan qabdutu humna isaan
dhabsiise.
Ololaan
miidyaa irratti wacaa kan jiran ta’us wanti fiduu danda’an akka hinjirre amma
hubatameera.Olola miidiyaawwan idilees ta’e miidiyaawwan hawaasummaa irratti
facaafamaa ooluun mootummaan Itiyoophiyaa waan fonqolfamuu danda’u itti
fakkaatee munyuuqaa jiru.Haadhama’an.Waayyuu gochuu akka hindandeenye haqa
qabatamaan jirutu ragaadha.Qindoofne jechuun doorsisuuf yaalanis qindoomminni
isaanii tuulaa hiddii akka ta’e argaa jirra.
Egaa
Balbala Galaanaatti deebi’uun amma dirqama ta’eera.Gaaffii Itiyoophiyaa dura
humni dhaabbachuu danda’u akka hinjirre mirkanaa’eera.Dhimmichi dhimma birmadummaa
biyyaa ta’eera.Itiyoophiyaan Birmadummaa ishii kabajsiiftu malee jiraachuu
hindandeessu.Balabala Galaana Diimaa qindoomina shira diinaatiin dhabnetti mamii malee
deebi’uuf kallattii hundumaanuu qophoofneerra.Diinni haqa kana waan hubateef
rom’aa akka jiru hubachuun barbaachisaadha.

0 Comments