Dhugaan jirtu murtee irra dibaatiin hindhokattu!

  

Finfinnee #Ethiopia Amajjii 19,2015 (YMN) Dhimma bataskaana tawaahidoo Ortodooksii Itiyoophiyaa tibbanaa wajjin walqabatee wanti argaafi dhaga’aa jirru ajaa’ibsiisaadha.Gamaa-gamanaa kanneen wacan waan mudate akka malee finiinsaniiru.Dhuma irrattis Abbootii seeraan ala deeman jechuun abaaran irratti murtee abbootiis ta’e namoota birootiin fudhatama hin      qabne murteessaniiru.

Kanaaf sababa kan ta’e Abbootiin sadi seeraan ala deemuudhaan Phaaphaasoota 26 muuduu isaaniiti jedhan.Demokraasiin Itiyoophiyaan ijaaraa jirtu kanneen akka malee wacaniifi caraanaa oolan qofaaf kan dhufe waan hintaaneef mee haala jiru irratti mirga namaa utuu hinsarbin yaada ibsachuun barbaachisaadha.Yaadi kennamu hunduu fala waaraa argamsiisuun akka danda’amuuf shoora kan gumaachuu danda’u ta’uu qaba.

Akkan ani hubadhetti amma mormiin guddaan maalif waa’ee afaanii kaaftu kan jedhudha.Afaan Oromootiinis wangeelli lallabamaa jira jechuun irra dibaan dhugaa fakkeessuun himama malee sodaafi yaaddoon guddaan asirra jira.

Akkuma dursanii abbootiin kaasan Oromiyaas ta’e naannoowwan biroo irraa diinagdeetu barbaadama  malee Afaan Oromootiin ykn.Afaan birootiin wangeelli akka himamu waan barbaadamu akka hintaane waanuma qabatamaan jirutu ragaadha.

Fakkeenyaaf abbootiin muraafni nuti Afaan Oromoo nidandeenya,akkuma Afaan Amaaraatiin wangeela lallabnu Afaan Oromootiinis ni barsiifna jechuun falman eessatti?yoom?akkamitti?Afaan Oromootiin lallabanii hordoftoota horatan?Afaan Oromoo isaan wangeela ittiin barsiisaniin Oromoota meeqatu amantaa tawaahidoo ortoodooksii Itiyoophiyaa hordofuu danda’e laata?Abbootiin kuniifi bataskaanni tawaahidoo ortoodooksii Itiiyoophiyaa gaaffiiwwan kanaaf deebii sababaan deeggarame kennuu waan danda’an natti hinfakkaatu.

Gama tokkoon dhimmichi yoo ilaalamu isaanumarrayyuu dhiibbaan akka irra jiru hubachuun rakkisaa hinta’u.Waggoota hedduuf Afaan Amaaraa sirritti beekan qofaan waan hojjetaniif kan itti salphatu kanadha.Kanaaf isa kanaaf looguun isaanii waan hinoolledha.

Karaa birootiin ‘marii hinfeenu,murtee xumuraa dabarsine’jechuun abbootii balleessaniiru jedhaman irratti murtee darbe ilaalchisee Amajjii 18 bara 2015 walgayii Sinoodosiitiin murteen seenaa qabeessi akka murteeffame himameera.Murtee kana dabarsuuf maalif akka malee jarjaran?maalif saffisaan raawwatan?

Akkuma murteen kun darbeen yaadawwan gamaa gamanaa weebsaayitiiwwan hawaasummaa gara garaa irratti sagaleedhaanis ta’e barreeffamaan facaafaman namoota akkamii wajjin jiraachaa jirra jechuun akka of gaafannuuf kan nama dirqamsiisanidha.

Irra jiraan murtee darbeen akka gammade himuudhaan abbootii abaaree jira.Baga murteen kun darbe jechuun dubbachuun isaanii nama kaan irratti maal uuma?jechuudhaanillee kan yaaduu danda’an akka hintaane haala isaan mul’isan irraa hubatameera.

Keessuma ba’anii ammoo Abbootii ‘seera kabajuudhaan hojjenne seerri cabsine hinjiru’ jechuun himan irratti abaarsi roobsan daangaa kan qabu miti.’Murteen darbe Oromoo qofa miti sabaafi sab-lammoota gara garaa kan fayyadudha,bataskaanni tawaahidoo ortoodooksii Itiyoophiyaatis ittiin babal’atti’ jedhamee yoo himamu haqa kana fudhachuuf fedhii akka hinqabne deebii ofirraa faccisuun kennan irraa hubachuun rakkisaa hinta’u.

‘Afaan tokko,bataskaana tokko….. malee wanti kanaan ala ta’u gonkumaa hinta’u, fudhatama hinqabu’jechaa namni biroo akkamitti fudhachuu danda’aa?jechuun sammuun gaafatu maalif dhabame?Baruumsi amantaa bara meeqaaf baratan eessa dhaqe?Isaan nama birootiin ‘siyaasa sabummaatiin dhiibamanii kana raawwatan’ namaan jedhu,ofii rakkoo kana irraa ani bilisa jedhanii yaaduu laata?

Abbootiin sababoota qabatamaa gara garaatiin dhiibamanii itti qophaa’anii adda ba’aniifi Sinodosiidhaan kaleessa itti murteeffame’Yaadi keenya fudhatama hinqabu taanaan Paatiraarikii keenya muuduun itti fufna’jechuun tibbana yoo dubbatan dhaga’ameera.Itti aanee maaltu ta’a? yoo waaq jedhe oollee bullee ilaalla.Fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments