Raafama Siyaasaa Muddamni Fide

 





(YMN,Finfinnee Fulbaana 11,2018) Oolee bulee wanti dhageenyu hindhabamu.Akka Bubbee Obonboleettii asiifi achi kan raafamu hedduu argaa jirra.Keessumattuu gareewwan maqaa ummataa da’eeffachuun socho’an dhiyeenya kanaa asitti waan akka qoosaa wayiii taphachaa akka jiran qalbeeffanne.

Taphaafi tooftaan gareewwan kanaa haarawaa miti.Dulloomaadha.Kanumaan durayyuu sirritti beekama.Waanuma barame karkarsaa jiru.Hundumtuu tokkuma.Kan fooyyee qabu keessatti hin’argattan.Walfakkaatu.’Walfakkaattiin Walbarbaaddi’ akka jedhan san taate dubbiin.

Gareewwan Abiy qofa utuu hintaane Itiyoophiyaas jibbanii-xireeffatanii wixiffachaa jiran waan haarawaa ummata bal’aa of faana hiriirsuu ittiin danda’an tokko of harkaa hinqaban.Bara kana waan haarawaanuu ummatatti gadi ba’uun rakkisaadha.Sirraa bitachuufi dhiisuusaa beekuu hindandeessu. Anatu hubannoo gahaa qaba jettus ummatatu sicaala.Bitaafi Mirga ilaalee waan hunda medaalee ilaalu malee siharkaa hinfudhatu.

Akka Adda Demookraatawa Warraaqasa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) taanee dhufuudhaan gamtoofnee Mootummaa Ida’amuu taayitaa irraa fonqolchina jedhanii waan abjootan odeessaa jiru.Haalli gareewwan kun tibbana irra jiran sababoota quubsaafi qabatamaa ta’an qaba.Tartiibaanin isinitti hima tasgabbaa’uun dubbisaa!

1ffaa. Mootummaan Ida’amuu hundeeffamuuf jira.

Mootummaan Ida’amuu  xumura Baatii Fulbaanaa  kana irra hundeeffamuuf jiru diinoota keessaafi alaa hirriiba dhabsiiseera.Akkaataa bu’aa filannoo waliigalaa baatii Caamsaa darbeetiin mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaa waggoota shanan itti aananiif bulchu xumura torban baatii Fulbaanaa kana keessa hudeeffamee hojiisaa idilee akka jalqabu hundatu beeka.

Diinoonni keessaafi alaatis dhugaa kana sirritti beeku.Inumaatuu caalaatti kan beekan isaanidha.Kanaaf Mootummaan kun hundeeffamee akkaataa ittigaafatama Ummattoonni Itiyoophiyaa filannoodhaan itti kennataniin tarkaanfii nurratti fudhachuusaatiin dura takka wixiffannee rifachiisuu qabna jechuun karoorfatan.

ADWUI’nuu afur qofa ta’uudhaan mootummaa Dargii taayitaa irraa fonqlche nutimmoo torba taanee gamtaa’uudhaan Mootummaa Ida’amuu taayitaa irraa fonqolchuu hindadhanu jedhanii yaadan.Badhaadhiinni haalaala taa’ee akka itti kolfaa jiru hinbeekan.Akkuma isaan Mootummaa hooggansa Badhaadhinaa ololaan gadi qicuuf yaalan Badhaadhinni iddoo sadarkaa isaan itti yaadan irra waan jiru itti fakkaate.Badhaadhinni miila lamaan lafa dhaabbachuusaa quba hiqaban.Jibbaafi Olola sobaatu sammuusaanii duuchee hadooche waan ta’eef qalbeeffachuu hindanda’an.Dhugaan kun ergitootas ta’e ergamtoota bira jira.

2ffaa. Ergitoonni ergamtoota dhiphisaa kan jiran ta’uusaaniiti.

Ergitoonni alaa Misraafi Eertiraan ergamtoota Itiyoohiyaa keessatti qopheeffatan akka malee dhiphisaa jiru.Sababiin ol’aanaan ergattootaatis Mootummaan Ida’amuu hundeeffamee lafa qabachuusaatiin dura ergamtoonni hookkara kaasanii gara Magaalaa Finfinneetti qajeella jechuun caasaa Mootummaafi ummata burjaajessuun akka rifachiisaniif kallattii kaa’an.


Kallattii gooftoliin ergattoonni, Abdulafattaah Eelsiisiifi Isaayyaas Afawarqii mari’atanii kaa’an kana ergamtoonni yerootti hojiirra oolchuuf dirqama qabu.Dirqamni kun walliigalteefi faayidaa kaayyoo qabame yoo galmaan ga’an argatan irraa madda.Kanaaf tibbana Waayyaannee dabalatee ‘torba ta’uudhaan gamtaa uummanneerra’ jechuun akka malee ololaa jiran.Ololli kun kan baramedha.’Mootummaa Itiyoophiyaa fonqolchuuf kaayyoo tokka qabna,walfakkaanna’ jedhan malee walhinfakkaatan.Kaayyoo tokkos hinqaban.Irra dibaan akka walta’an haalaafi uumama isaaniitu ragaadha.Maqaa Saba Oromoo waammachaa,Oromiyaan fottoqsa jechaa kaayyoon galmaan ga’uu dandeessu tokkollee hinjiru.Maqaa Amaaraafi sabaafi sab-lammoota kanneen biroos waamuudhaan akka ADWUI’f waggoota 36’n dura ta’etti mootummaan fonqolfamu hinjiru.

3ffaa. Mootummaan Ida’amuu Deeggarsa Ummata bal’aa horachuu danda’uusaa

Ummattoonni Itiyoophiyaa Mootummaa hooggansa Badhaadhinaa nuuwayya akka jedhan sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa irratti guyyaa tokkotti Caamsaa 24 bara 2018 kennan caalaa ragaan  biroo hinjiru.Ummanni bal’aan sababoota adda adddaatiin kash-labbootaafi hattoota caasaa keessaa tokko tokko irratti mufannaa qabaatus kallattiifi yaadama Mootummaa Ida’amuu guutummaatti akka jaallate diinni keessaafi alaa hubannoo gahaa qabu.Haqa kanatu isaan maraachisaa jira.

Diinonni keessaafi alaa sababoota eeraman kanneen irraa ka’uun akkuma barame wixiffatu malee humna qabaatanii Mootummaa Ida’amuu taayitaa irraa fonqolchuu danda’u jechuun yaaduun,shakkuun,tilmaamuun haala qabatamaa amma jiru hubachuu dadhabuu irraa madda.

Haala qabatamaa ammaa Itiyoohiyaan irra geesseen humni kamiyyuu Ummataafi Mootummaa Ida’amuu dura dhaabbachuu danda’u gonkumaa hinjiru.Fakkeessitoonni caasaa keessaas wanti fiduu danda’an akka hinjirre beekamaadha.Har’a,boru maal taana laata?jechaa yaaddoodhaan jiraachaa fakkeessitoonni caasaa keessaa Mootummaa Ida’umuutti gufuu ta’uu dandeessus hinjirtu.Hattuufi fakkeessituun keessaa fakkeessuudhaan jireenya gadaantummaashii itti fufti malee wanti gochuu dandeessu akka hinjirre yaaliiwwan kanaan dura dhokattee gootee karaatti jalaa fashalaa’aa turetu ragaa qabatamaa ta’ee fudhatama.

Karaa birootiin sababa haala qabatamaa amma jiruutiin Hayyoonni Oromoo biyya alaa jiraatan tokko tokko Muinistira Muummicha Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad(Abbichuutt) quba qabuu hatattamaan dhaabuutu irraa eegama!Dogongora seenaa raawwachuu irraa of eegaa!Burjaajoftanii hin raafaminaa.Garee siyaasaa deeggarruuf jecha Saba Oromoo wajjin waldhabuun waan gaarii fiduu hindanda'u.Isins Saba bal’aa biratti taajjabbiidhaaf saaxilamtu malee wanti argachuu dandeessan hinjiru.Waca yeroo kan oolee bulee dagatamuun of hingowwoomsinaa. Waan dubbiftaniif galatoomaa fayyaa ta’a.


Post a Comment

0 Comments