Balbala Waggoota 35’n Dura Cufame

 




(YMN,Finfinnee,Fulbaana 06,2019) Dhimmichi bara Eertiraan Itiyoophiyaa irraa fottoqxe waggoota 35’n dura dhoksaafi adeemsa burjaajessuutiin ta’e.Diinni keessaafi alaa,baadaafi baandaan mari’atee waliigaluudhaan balballi seensaafi ba’uumsaa Itiyoophiyaa akka cufamu taasise.

Badiiwwan sirni ADWUI/Waayyaannee Itiyoophiyaatti geessise keessaa biyya guddoo balbala Galaana Diimaa dhabsiisuun adda durummaadhaan kan ka’uu danda’udha.Sirnichi qabeenyi ummataafi biyyaa  dhuunfotaan akka saamamu taasiseera.

Qabeenyi lafaa badhaadhina namoota dhuunfaatiif akka ooluuf sirnichi haala mijeesseera.Maqaa hojii investimantiitiin lammiiwwan hedduun qayeefi iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’aniif dirqamsiiseera.Keessumattuu Magaalaa Finfinneefi naananwasheetti sababa ijaarsa mana jireenyaatiin qonnaan bultoonni kumaatamaan lakkaa’aman iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’aniifi haala jireenyaa suukaneessaa ta’etti akka galan taasieera.

Barri sun bara Eertiraan qaama Itiyoophiyaa turte fottoquudhaan      Itiyoophiyaa irraa akka adda baatuuf qondaaltoonni ADWUI baadaawwan alaa wajjin qindaa’anii murtee shiraa itti dabarsanidha.Lammiiwan Eertiraa ‘Gabrummaafi Walabummaa keessaa isa kam filattuu?’Gaaffiin jedhu dhiyaannaaniif Walabummaa filatan,beekamaadha!silaa ilmi namaa walabummaa malee Gabrummaa hinfilatu.Ammoo Gabrummaa jala hinturre.

Isaanuu Itiyoophiyaa keessa wayita jiraachaa turanitti jireenya Gabrummaa jala hinturre.Eertiraanoonni dhaabbilee Daldalaa hedduu of harkatti qabatanii sochiiwwan Daldalaa keessatti lammiiwwan Itiyoophiyaa caalaa hirmaachuun  jiraachaa turan.Kubbaaniyyaawwan dhuunfaa hedduun Eertiraanoota harka akka turan seenaa qabatmaan jirutu ragaadha.

Kubbaaniyyaawwan hojii daldalaa hedduun,akkasumas hojiin omisha erguufi fichisiisuu Eertiraanoota harka ture.Damee tajaajila geenjibaa irrattis irra jiraadhaan kan bobba’an isaan turan.Walabummaa filanne jedhanii Gabrummaa filatan.Jireenya qananii Itiyoophiyaa keessatti qaban dhiisani jireenya gadadoo sirna abbaa irrummaa Isaayyaas Afawarqiitiin guyyuuti ittiin yaadda’an keessa galuuf of mijeessan.

Itti seenuudhaanis qabamaan argan.Sababa walitti mufannaa yeroo Isaayyaasiifi Mallas Zeenaawii jidduutti uumameenis lammiiwwan Eertiraa kumaatamaan lakkaa’aman kan Itiyoophiyaa keessa jiraachaa turan Itiyoophiyaa gadi lakkisanii akka ba’aniif murteeffame.Murteen Mallas kun hanga tokko qabeenyi tiyoophiyaa saamamee gara Asmaraatti fe’amaa ture akka dhaabbatu taasiseera.Hoogganaan Waayyaanee tarkaanfii kana kan fudhate Itiyoophiyaaf yaaduun akka hintaane shirawwan bara taayitaa isaatti raawwataa turetu ragaadha.


Obbo Mallas Zeenaawii dhalattoonni Naannoo Tigraay miseensa Waayyaannee ta’an gochoota saamichaa adda addaa keessatti hirmaachuudhaan maatiifi namoota isaanitti dhiyaatan qofa fayyadamoo taasiseera.Kana malees hooggansa fakkeesuutiin Itiyoophiyaan Eertiraadhaan nimiidhamte malee hinfayaydamne sababa jedhuun michootasaa alaa wajjin qindaa’ee Eeriraan Itiyoophiyaa irraa akka fotoqxu taasiseera.

Kana qofaan utuu hindhaabbatin buufanni Asab Itiyoophiyaan itti fayyaadamaa turte Eertiraa wajjin akka deemu taasiseera.Murteen shiraa kun Itiyoophiyaa miidhuuf malee fayyaduuf akka hinmurteeffamne miidhaawwan eragsii asitti Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabuudhaan ittiin dararamaa jirtun mirkanaa’eera.

Biyyi teenya Itiyoophiyaan balbala Galaanaa shiraan dhabde deebifachuuf waggoota dhiyoodhaa asitti itti fufiinsaan hojjechaa turte.Kanaanis injifannoowwan gurguddoo galmeessisuu dandeenssee jirti.Bu’aan damee diippiloomaasiitiin galmeeffame oolee bulee biddeen ta’uu baannaan humnaanis ta’u Balbala Galaanaa dhabne deebifachuun waan hinoollee akka ta’e mallattoowwan mul’isan jiru.Waan karaa nagaatiin argachuuf carraaqne yeroo dhabuun mirkanaa’utti humna fayyadamuun dirqama ta’a.Gaaffiin dhalootaa deebii utuu hin’argatiin turuu hindanda’u.

Kallattii hooggansi mootummaa ida’amuu kaa’u hordofudhaan balbala Galaanaa dhabne deebifachuuf qophaa’uun dirqama lammiiwwan Itiyoophiyaa hundaati.Mootummaan ida’amuu dursee akka qophaa’e wantoota mul’isan hedduutu jira.Sadarkuma hubannoo qabnuun haala qabatamaan jiru medaaluufi xiinxaluun waan rakkisaa hinta’u.Itiyoophiyaan Balbala Galaana Diimaa Shira diinotaatiin dhabde deebifachuunshii waan hinoolle akka ta’e mirkanaa’aa jira.Waciifi wixiffannaan diinaa waa malee miti.’Waa malee Manni Hin’aaru’ kan jedhamu waan akkanaa kanaaf akka ta’e quba qabduu?Waan dubbiftaniif galatoomaa ulfaadhaa fayyaa ta’aa!

 

 

 

Post a Comment

0 Comments