Hayyoota Oromoo irraa gumaacha guddaatu eegama



Finfinnee #Ethiopia Amajjii 20,2015(YMN) Seenaa Oromoo dabee barraa'e sirreessuufi Abbaa Biyyummaafi gahee ol'aanaa Oromoon Itiyoophiyaa ijaaruu keessaatti qabu, mul'isuun hojii dhaloota kanarraa eegamuudha jedhan Hayyuun seenaafi Aadaa Obbo Alamaayyoo Hayilee.
Seenaa biyya kanaa keessatti gaheen Oromoon qabu qorattoota seenaatiin sirnaafi sadarkaa ibsamuu maluun barreeffamaa hin turre kan jedhan Obbo Alamaayyoon, Seenaa Oromoo dabee barreeffame sirreessuu, hir'ina mul'ates guutuun dhaloota amma baraterraa kan eegamu tahuu himan.
Xumura bara 1980'ta keessa wayta qorannoo Seenaa Oromoo eegallutti, maddoonni seenaa biyya kana keessatti wabii tahuun dandahan, Abbaa biyyummaa Oromoo kan hin himnee fi akka waan godaansaan biyya kana dhufee kan ibsanii fi dabanii kan maxxanfamaniidha jedhan.
Kanneen hayyoota biyya alaan barreeffamanis gadi fageenya kan hin qabneefi fiixa osoo hin bahin rarraafamanii kan hafan tahu himan.
Garee hayyootaa Oromootiin kitaabota Seenaa Oromoo kanneen akka, 'Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 ffaa', 'Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20 ffaa', 'Seenaa Oromoo Jaarraa 20'ffaa Booda' jedhan, maanguddoota argaa dhageettii fi maddeen amanamoo irraa qorachuun barreessuun hamma tokko seenaa dabee barraa'e sirreessuuf yaalameera jedhan.
Ammas akka guddina Ummatichaatti wanti barraa'uu fi maxxanfamee bahu baayyeen kan hafuudha kan jedhan Hayyuun Seenaafi Aadaa Oromoo Obbo Alamaayyoo Hayilee, Ummata Afaan, Gadaa fi Seenaa isaatiin guddaa tahe kana daraan ibsuurratti dhaloonni barate xiiqiin hojjechuu qaba jedhan.
Obbo Alamaayyoon OBN irratti qophii Anaadhufuu waliin turtii taasisaniin, dhimmoota seenaa Oromootiin walqabatan heddu kan kaasan yoo tahu, har'a waaree booda sa'aa 9:00 irraa eegalee Qophii Anaadhufu irratti waan dhiyeessaniif hordofaa.

Post a Comment

0 Comments