Finfinnee #Ethiopia Amajjii 16,2015(YMN) Ministira albuudaa kan turan injinar Taakkala uumaa hojjetoota ministeera albuudaa galateeffataniiru.
Injinar Taakkalan karaa fuula 'Twitter' isaaniin ergaa dabarsaniin hojjettoota ministeera albuudaa wajjin waanan hojjedheef hedduun gammada jedhaniiru
Kabaja naaf kennitaniifi hawwii gaarii naaf hawwitaniifis galatoomaa jechuun barreessaniiru.
Suuraawwan ergaa injinar Taakkala uumaa wajjin Twitter irratti maxxanfaman hojjettoonni ministeera albuudaa gaggeessaa akka taasisaniif kan mul'isanidha.
Injinar Taakkala Uumaa hooggansi jijjiiramaa gara taayitaatti erga dhufee asitti itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ta'uudhaan kan tajaajilan yoo ta'u adde Adde Adaanach Abeebee kantiibaa Magaalaa Finfinnee ta'uun erga muudamanii booda ministira albuudaa ta'uudhaan tajaajilaa turan
Injinar Taakkala dhiyeenya ministiroota mana marii ministirootaatiin gaggeeffaman keessaa tokko yoo ta'an 'baruumsaaf gara biyya alaa deemu' jeehamee odeeffamuun ala gama mootummaatiinis ta'e injinara Taakkala Uumaatiin wanti himame hin jiru.
Odeeffannoowwan dhiyeenya ba'aa jiranis gara baruumsaa akka deeman kan mul'isan ta'uun argamaniiru.
0 Comments