Aangoon Ummata Bal'aa Tajaajiluuf Haa'oolu!

 



(YMN,Finfinnee,Fulbaana 18,2019) Aangoon haqaan Ummata tajaajiluuf waan guddaadha.Bakka bu’oota ummata bal’aatiin amanamtummaa argachuun ammoo injifannoo guddaadha.Dhugaa kana Obbo Shimallis Abdiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka tajaajilaniif irra deebiidhaan filatamuu isaanii wajjin walqabsiifnee haa’ilaallu.

Oromiyaan bal’oodha,Utubaa Itiyoophiyaatis akka tatae beekamaadha.Naannoo bal’aa kana ga’uumsaan bulchuuf ammoo Oromiyaa beekuun,haala naannichaa hubachuun rakkoon ummataa maalfa’i akka ta’an qalbeeffachuun dhimma murteessaa ta’a.

Pirezidaant Shimallis Abdiisaa waggoota torban darbaniif Naannoo Oromiyaa wayita hoogganaa turanitti muuxannoo hooggansaa bal’aa horachuu danda’aniiru.Kunis itti gaafatama dabalataa itti kenname kana ga’uumsa ol’aanaadhaan akka milkeessaniif shoora guddaa gumaachaaf jedhamee amanama.




Piredaant Shimallis yaa’ii 1ffaa Caffee Oromiyaa 7ffaan muudamanii erga waadaa seenanii booda hooggantoota biiroleefi bulchaawwan godinaalee Oromiyaa akka muudamaniif Caffeef dhiyeessuun muudamni  akka raggaasifamuuf taasisaniiru.

Akkaatuma Kanaan Caffeen Oromiyaa Muudama miseensota Mana maree Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii gurmaa’insa haaraa bu’uura taasifachuun dhiyaate raggaaseera.

‎1. Dr. Tolaa Bariisoo:-Hoogganaa Waajjira Pireezidaantii Oromiyaa.

‎2.Guyyoo Waariyoo:-Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa.

‎3.Dr.Abdullaaziz Daawud:-Hoogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa.

‎4.Obbo Tasfaayee Tulluu:-Hoogganaa Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa

‎5.Dr. Abdii Yuuyyaa :-Hoogganaa biiroo karooraafi misoomaa Oromiyaa.

‎6.Dr.Bultoosaa Hirkoo:-Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa.

‎7.Prof.Netsaanneti Warqinee:-Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa.

‎8.Obbo Tashoomaa Boggaalee:-Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa.

‎9.Dr.Namarraa Gabayyoo:-Biiroo Misooma Albuudaafi Iinarjii Oromiyaa.

‎10.Obbo Taarreqenyi Bulultaa:-Hoogganaa Biiroo Interpiraayiziifi Indaastirii Oromiyaa

11.Dr.Adaree Asaffaa Hoogganaa Biiroo Daldalaafi Investimentii Oromiyaa.

‎12. Aadde Masarat Asaffaa:-Hooggantuu Biiroo Lafaa Oromiyaa..

‎13.Aadde Sa’adaa Abdurrahmaan:- Hooggantuu Biiroo Dhimma Dubartiifi Hawaasummaa Oromiyaa.

‎14.Obbo Xilaahun Warquu:-Hoogganaa Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa.

‎15.Dr.Ayyaantuu Guutattaa:-Hooggantuu Biiroo Kalaqaafi Teknoloojii.

‎16.Aadde Eldaanaa Suleeymaan:-Hooggantuu Biiroo Turizimii Oromiyaa.

‎17.Obbo Tijaanii Naasir:-Hoogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa

‎18.Aadde Roozaa Biyyaa:-Hooggantuu Biiroo Aadaafi Ispoortii.

‎19.Injiinar Girmaa Raggaasaa:-Hoogganaa Biiroo misooma Jallisiifi Horsiise bulaa Oromiyaa.

‎20.Injiinar Habiib Qumbii:-Hoogganaa Biiroo Daandiifi Loojistikii Oromiyaa.

‎21.Injiinar Maariyaa Guutamaa:-Hooggantuu Biiroo Bishaani Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.




Sadarkaa itti aanaa Perezdaantiitti ‎bulchitoota Goloota Oromiyaa ta’uun kan mudaman ammoo kan armaan gadiiti.Moggaafni ‘Gola’ jedhamu kuna caaseeffama godinaalee Kanaan duraa walitti ida’uun akka ta’e tilmaamuun rakkisaa hinta’u.Kunis sababa qabaachuu danda’a.Wanta ykn qaawwa hanbisuuf barbaadametu jira ta’a.Dhawaataan iftoomaa deema.

‎1.Obbo Abdurahmaan Abdallaa, gola Baha Oromiyaa

‎2.Obbo Masfin Malaakuu, gola Lixa Oromiyaa

‎‎3.Dr. Rashaad Kamaal, gola kibba lixa Oromiyaa

‎‎4.Dr. Mangistuu Baqqalaa, gola Giddu gala Oromiyaa

‎‎5.Obbo Ahmad Idriis, gola Kibba Oromiyaa

‎‎6.Obbo Ahmad Hajii, gola kibba baha Oromiyaa

‎Akkaataa Kanaan saaseeffama Kanaan duraa wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu godinaaleen  hooggansa sadrkaa itti aantoota Pirezidaantiitiin bulfamu jechuudha.

Dubbii keenya irratti Obbo Awwaluu Abdii bakka bu'uudhaan itti aanaa Prezidaantii Oromiyaa ta'uun kan muudaman Obbo Kaffaaloo Tafarraati.Isaan Caffee Oromiyaattis bakka bu'aa Mootummaa  Naannoo Oromiyaa ta'uudhaan tajaajilu



.

Post a Comment

0 Comments