Finfinnee #Ethiopia Amajjii 16,2015(YMN) Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata Walga’ii Idilee 9ffaa bara
hojii 2ffaa har’a gaggeesseen muudamoota gara garaa muummichi ministiraa Dr.Abiy
Ahmad dhiyeessan raggaasiseera.
Muummichi
ministiraa Dr.Abiy Ahmad akkaataa heera mootummaa keewwata 74 muraa 2tiin Manni
Maree Bakka Bu’oota mudamoota kanneen akka mirkaneessan gaafatanii turan.
1. Dr.Alamuu
Simee Ministira Geejjibaa fi Loojestiksii
2. Dr.Girmaa
Amantee Ministira Qonnaa
3.
Injinar Haabtaamuu Taganyi Ministira Albuudaa ta’uun akka muudaman dhiyeessuun
isaanii kan yaadatamuudha.
Miseensonni
mana marichaa muudamoota dhiyaatan irratti yaadaa fi gaaffilee qaban erga
dhiyeessanii booda muudamicha raggaasiisaniiru.
Haaluma
kanaan muudamni dhiyaate Sagalee mormii 10,dhowwannaa sagalee 2fi sagalee
caalmaantiin ragga’eera.
0 Comments